Utubaa Bu’uuraalee Misoomaa

 

Ijaarsaawwan misoomaa bal’inaan hojjetaman keessaa misoomni daandii isa ijoodha. Akkuma bakkeewwan biroo aanaa Baateetti ijaarsi daandiiwwan baadiyyaa yeroo garagaraatti hojjetamaa turan fooyya’aafi jijjiirama gama hundaan galmeessisuu danda’aniiru.

Jiraataan aanaa Baatee ganda Hadhoo,  Sa’id Adam, hawaasni ganda isaanii fedhii daandiif qaburraan kan ka’e kaka’umsa mataa isaaniin daandii suphaa turuu yaadataniiru. Akka jiraataan kun jedhanitti, bara kanas haaluma baratameen daandiin ganda isaanii ganda Hadhoofi Uranee akkasumas, daandii guddaa walqunnamsiisu hirmaannaa uummataafi dhaabbata deggarsaan ijaaramuu himaniiru. Baroota darbanitti rakkoo daandii irraa kan ka’e haadholiin ulfaa da’umsaaf buufata fayyaatti wasakaan baatamanii geeffamaa akka turan kaasaniiru. Qonnaan bulaan oomisha isaa gabaaf dhiheessuuf, galteewwan qonnaa garagaraa galfachuuf rakkachaa turuu kan kaasan obbo Sa’id, amma rakkichi furmaata argachuu himaniiru.

Rakkoon daandii dhawaataan furame kun walitti dhufeenya hawaas-diinagdee cimsuuf shoora olaanaa qaba kan jedhan jiraataan kun daandiiwwan ijaaramuu isaaniitiin diinagdee isaanii ariifachiisuurratti shoora olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. ‘’Magaalaa yoo deemnu battala geenyee deebina; gabaas ta’e buufata fayyaa deemuuf daandiin waan jiruuf yaaddoo hin qabnu’’ jechuun gammachuu qaban ibsataniiru. Daandiin murteessaa ta’uun isaa hubatamee gandoonni daandii hin qabnes waan jiraniif isaaniifis xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Daandiifi Geejjibaa aanaa Baatee, Ibsaa Alii, misoomni daandii bu’uuraalee sochii hawaas-diinagdee milkeessan keessaa murteessaadha jedhaniiru. Kana hubannoo keessa galchuun fayyadamummaa hawaasummaafi siyaas-diinagdee uummataa mirkaneessuuf gara hojiitti galuu dubbataniiru. Rakkoo gama daandiifi misooma geejjibaan jiru furuun kallattii tokkoon fedhiifi gaaffii hawaasaa hiikuuf gama biraan ammoo guddina diinagdee aanichaa ariifachiisuuf ijaarsa daandiiwwaniifi kunuunsa daandiiwwanii irratti hojjetaa akka jiran kaasaniiru. Akkasumas, uwwisa daandii aanichaa guddisuun bira darbee sochii hawaas-diinagdee saffisiisuun dorgomtummaa aanichaa guddisuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Akka waliigalaatti hojii gama misooma daandiin hojjetaa turaniin uwwisni daandii cirrachaa aanichaa kiilomeetira 200 olirra gahuu eeraniiru. Bara baajataa kanatti daandii haaraa cirrachaa kiilomeetira 20 ijaaruuf karoorsanii hanga kurmaana 2ffaatti daandii haaraa ganda Uraneefi Hadhoo Walqunnamsiisu kiilomeetira 15 ijaaruun tajaajilaaf banaa taasisuu himaniiru. Rakkoo daandiin walqabatee jiru baajata mootummaan qofa hiikuun waan ulfaatuuf, daandichi hirmaannaa hawaasaafi dhaabbata deggarsaan kan hojjetamedha jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti, ijaarsa daandichaaf birriin miiliyoona tokkoofi kuma 500 fi kuma 47 hojiirra ooleera. ‘’Kana keessaa dhaabbanni deggarsaa ‘Kaalmi’ jedhamu birrii kuma 400 ijaarsa daandichaaf gumaacheera; kan hafe hunduu uummata irraa kan walitti qabamedha’’ jedhaniiru.

Bara baajataa kurmaana 3ffaa, hanga gabaasni kun qiindaa’eetti baajata mootummaatiin daandii ganda Mahaammadiifi Garfaa-Uranee akkasumas, daandii Daamatoofi gandoota ollaa naannoo Affaar walqunnamsiisu ijaaruuf caal-baasiin bahee gara hojiitti galuuf qophiin dursaa taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Baajanni mootummaa daanga’aa waan ta’eef daandiin hanga ammaatti hojjetame qulqullinniifi waliin gahinsi isaa gahaa miti kan jedhan itti gaafatamichi, hanga danda’ameetti bakkeewwan rakkoo daandii olaanaa qaban adda baasuun hojjechuuf karoora qabaachuu hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo