Ameerikaan Waraana Ruwaandaafi Qondaaltota Olaanoo M23 Deggaran Irratti Qoqqobbii Irra Keesse

 

Ameerikaan waraana Ruwaandaafi qondaaltota olaanoo M23 Dimookraatik Rippablik Koongoo keessatti deeggaran jechuun qoqqobbii irra keesse hordofee Kiinshaasaan qoqqobbii kana kan simatte yoo ta’u, Kiigaaliin tarkaanfiin Ameerikaa ‘haqa malee’ Ruwaandaa irratti kan xiyyeeffatedha jetteetti. Ameerikaan, Ruwaandaan garee M23 magaalota naannoo dabalatee naannoo guddaa qabateef “deggarsa hojii kallattii” kennite jechuun himatti. Ruwaandaan himannaa kana haaluun, qoqqobbiin kun ”haqa kan hin qabnedha” jetteetti. Dimookraatik Rippablik Koongoon garuu tarkaanfiin kun abbaa biyyummaa isheef deggarsa agarsiisuudha jechuun simatteetti. Waliigaltee nagaa Waashingitanitti mallattaa’eefi Qaataar keessatti waliigalteen addaa mallattaa’us, naannicha keessatti lolli itti fufee kan jirudha.  Gareen M23 ammallee magaalota ijoo qabachuu isaatiin balaan naannoo sanaatti gahaa jira.

Ameerikaan garee finciltoota M23 kan baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessatti lafa bal’aa dhuunfate ”deggarsa hojii kallattiin” jechuun waraana Ruwaandaafi qondaaltota olaanoo ishee afur irratti qoqqobbii keesseetti. Ruwaandaan yeroo dheeraaf himannaa DRC, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi ⁠humnoota Lixaa irraa garee M23 fi garee isaa waliin kan walitti hidhatu “Congo River Alliance (AFC)” kan bara darbe magaalota gurguddoo bahaa albuudaan badhaadhe, magaalota gurguddoo bulchiinsa Kaabaafi Kibba Kiivuu dabalatee, qabate deeggarti jedhu kuffiftee turte.

Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa ibsa tibbana kenneen osoo deggarsa Ruwaandaa hin argatin bu’aan finciltoonni kun argatan hin jiru ture jedheera. Dhaabbanni Ameerikaafi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii qoqqobbii irra kaa’ame M23, ajjeechaafi miidhaa dubartootaafi daa’immanii dabalatee namoota nagaa irratti raawwatamu dabalatee dhiittaa mirga namoomaa suukaneessaa ta’eef itti gaafatamummaa qaba jechuun dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Toomii Piigoot ibsa kennaniin dubbataniiru.  Itti dabaluudhaanis, “deggarsi RDF fi hoggansa olaanaa isaa irraa itti fufee jiru M23 naannoo abbaa biyyummaa DRC qabachuufi miidhaan hamaan kun akka itti fufu dandeessiseera” jedhaniiru.  Dubbi himaan mootummaa Ruwaandaa, Yoolande Makoloo ibsa kennaniin, qoqqobbiin kun ”haqa malee” Ruwaandaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, ”dhugaa jiru dogoggoraan kan ibsuufi dhugaa waldhabdee kan jallisudha” jechuun Baha DRC keessatti dubbataniiru.

Mootummaan Ruwaandaas dhaabbata oduu Rooyitarsiif akka himetti, Kiigaaliin jiddu-galeessa Ameerikaan durfamu jalatti ”DRC dirqama isaanii hojiirra oolchuu waliin walqabatee humnoota ishee addaan kutuuf guutummaatti kutannoo qabdi” jechuun DRC waadaa akka deggarsa milishootaaf kennamu xumuruu dhabuu ishee himatteetti. Mootummaan Koongoo garuu qoqqobbii kana akka simatu ibsuun, nageenya naannoofi abbaa biyyummaa isheef ”kabaja deggaruuf mallattoo cimaa” jechuun ibseera. ”Loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ruwaandaa, meeshaa waraanaafi meeshaaleen biroo hatattamaan akka ba’an eegna,” jedhaniiru. Waliigalteen Kiigaaliifi Kinshaasaa gidduutti Waashingitan keessatti mallattaa’eera; akkasumas waliigaltee nagaa addaa M23 fi mootummaa Koongoo gidduutti bara darbe Qaataar keessatti mallattaa’us, Baha DRC keessatti gama hedduudhaan lolli itti fufee jira.

Boodarra M23 dhiibbaa Ameerikaatiin Uviraa keessaa ba’us, finciltoonni kun ammallee magaalota ijoo Koongoo biroo kanneen akka Gomaaf Bukavuu dabalatee qabatanii jiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo