Filannoon biyyoolessaa sirna dimokraasii keessatti mirga bu’uuraa lammiilee keessaa isa tokkodha. Ummanni paartii isa bulchu filachuuf carraa argachuufi sagalee isaa dhageessisuun mootummaa ummataan ijaaramuuf bu’uura murteessaadha. Akka Heera Mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Rippabilika Itoophiyaa Akka Lakkoofsa Awuroppaa bara 1995tti raggaasifameetti, filannoon biyyoolessaa waggaa shaniin gaggeeffama. Bu’uura kanaan, filannoon biyyoolessaa marsaa 7ffaan Caamsaa 24/2018 akka gaggeeffamu karoorfameera.
Filannoon kun milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf mootummaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu qophii adda addaa taasisaa jiru. Keessumaa Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa, hojii qophii dursaa kanneen akka galmee filattootaa, leenjii hojjettoota filannoofi qophii meeshaalee filannoo irratti hojii bal’aa hojjechaa jira. Hojiiwwan kunneen filannoon bilisaa, haqa qabeessaafi amanamummaa qabu akka gaggeeffamuuf bu’uura cimaa kaa’u. Akka odeeffannoo bulchiinsa magaalaa Kamisee irraa argame ibsutti, hanga ragaan kun qindeeffamutti filattoonni kuma 26 fi 670 ta’an buufataalee filannoo 34 keessatti galmaa’aniiru. Kunis hirmaannaa hawaasaa dabalaa dhufuu agarsiisa.
Jiraattuun Magaalaa Kamisee, ganda 04, aadde Asmaa Shambalaal akka jedhanitti, qophiin filannoo marsaa 7ffaa bal’inaan gaggeeffamaa jira. “Magaalaa keenya keessatti nageenya eeguu, hawaasa hubachiisuufi hirmaannaa isaanii guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru. Waltajjiiwwan mariifi hubannoo uumuu bal’inaan gaggeeffamaa jiru” jedhaniiru. Hawaasni faayidaa filannoo hubachuun mirga isaa itti fayyadamee bakka bu’aa isaa filachuuf qophii gaarii taasisaa jira jedhaniiru. Bulchiinsa magaalichaa keessatti qaamoleen nageenyaafi mootummaa qindoominaan hojjechaa jiraachuunis filannoon nagaan akka gaggeeffamuuf gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Dabalataanis, qaamoleen siivikii hawaasa keessaa filaman hubannoo uumuuf gurmaa’uun odeeffannoo yeroo ammaa filannoo waliin wal qabatu hawaasa biraan ga’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Aadde Asmaan akka jedhanitti, isaan dabalatee hawaasni magaalaa Kamisee filannoo irratti fedhiifi qophii gaarii qaba; sagalee isaa bilisaan kennuufis qophaa’aa jira. Kunis guddina dimokraasii cimsuuf bu’uura jabaa ta’a jedhaniiru.
Jiraataan magaalaa Kamisee ganda 02, obbo Li’uulsaggad Girmaa akka jedhanitti, hawaasni yeroo ammaa barbaachisummaa filannoo hubatee buufataalee filannoo naannoo isaa jiranitti galmaa’aa jira. “Filachuufi filatamuun mirga keenya. Kanaaf mirga keenyatti fayyadamuun dirqama keenya” jedhaniiru. Akkasumas hawaasni yeroo galmee hafe keessatti galmaa’uu akka qabus hubachiisaniiru. Jiraataan kun guyyaa filannootti sagalee isaanii karaa seera qabeessa ta’een kennuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.
“ani duraan dursee buufata filannoo naannoo koo jiru deemee, sagalee koo kennuuf waraqaa filannoo koo fudhadheera. Guyyaa filannoottis Paartiin ani filadhu paartii rakkoo hawaasa keenya kanneen akka dhimma misoomaa, nageenyaa, diinagdeefi rakkoo jireenyaa hawaasaa hubatee kan furmaata fidu ta’uu qaba” jedahniiru.
Jiraataan Magaalaa Kamisee ganda 03, Haacaaluu Bojaa akka jedhanitti, uummanni mirga isaa fayyadamuuf buufata galmee filannoo irratti argamuun galmaa’aa jira. “Hirmaannaan hawaasaa guddisuun murteessaadha. Hubannoo cimsuunis filannoon nagaan akka gaggeeffamu ni gargaara,” jedhaniiru. Kun immoo mootummaa ummataan filatame ijaaruuf bu’uura ta’a jechuun ibsaniiru. Obbo Haacaaluun akka jedhanitti, filannoon kun milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamoleen hundi gahee isaanii bahachuu qabu. Uummanni sagalee isaa kennuu qofa osoo hin taane, nageenya eeguu, odeeffannoo sobaa irraa of eeguufi waliigaltee hawaasaa cimsuu irratti xiyyeeffachuu qaba. Kanaaf hawaasni bulchiinsa magaalaa Kamisee gama hundaan hirmaannaa cimaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru. Falmii paartileen siyaasaa yeroo amma miidiyaa irratti taasisaa jiran hordofanii dhaggeeffachaa jiraachuu ibsaniiru. “kanuma irratti hundaa’ee paartii rakkoo uummataa hubatee furmaata kennuu danda’uu, karoorri qajeelfama hojii isaa qabatamaan hojiirra kan oolufi jireenya uummataa fooyyessuuf kan hojjetu ilaalee filachuuf qophii taasiseera” jedhaniiru.
Barsiisaa Magarsaa Baayisaa Koolleejjii Leenjii Barsiisotaa Kamiseetti, barsiisaa Lammummaafi Amala Gaariiti. Filannoon sirna dimokraasii keessatti lammiileen mirga isaaniitti fayyadamanii, mootummaa uummataan filatame ijaaruuf qooda akka fudhatan taasiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. “Yeroo ammaa akka bulchiinsa magaalaa keenyaatti filannoo biyyaalessaaf qophiin adda addaa taasifamaa jira,” jedhaniiru. Keessumaayyuu, buufataalee filannoo qopheessuu, galmee filattootaa sirnaan gaggeessuufi qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun filannoon nagaan akka gaggeeffamuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Hawaasni magaalichaa filannoo waliigalaa bara kanaaf hubannoo gaarii qabaachaa jira kan jedhan barsiisan kun, keessumaa mirga sagalee kennuufi dirqama lammummaa hubachuun isaanii dabalaa jiraachuu ibsaniiru.
Haata’u malee, hubannoo kana caalaatti cimsuuf hojii hubannoo uumuu itti fufinsaan hojjetamuu qaba jedhaniiru. Hawaasni miidiyaa hawaasaa odeeffannoo sobaa tamsaasu irraa of eeggachuu akka qabus gorsaniiru. Akkasumas qaamoleen mootummaafi dhaabbileen siyaasaa seeraafi qajeelfama filannoo kabajuu akka qaban barsiisaan kun hubachiisaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


