Fillannoon Waliigalaa Sirna Dimookiraasii Ijaarufi Mootummaa Fudhatamummaa Qabu Hundeessuf Murteessaadha

Yaadrimeen dimookiraasii feedhii uummataa eeguufi mirga ofiin ofbulchuu kan qabudha. Mootummaa uummataan filatame, uummataaf hojjetu ijaaruudha. Kunis, filannoo waliigalaa biyyattiin kan dhugoomudha. Paartileen dandeetti qabaniifi imaammataafi tarsimoo biyyattii gara fuulduraatti ceessisu danda’u dirree filannoodhaan beekamu. Adeemsa biyya ijaaruu keessatti fillannoon waligalaa biyya tokko gahee guddaa qaba. Sirna dimookiraasii utuubufi mootummaa fudhatamummaa qabu hundeessuf murteessaadha. Mootummaan uummataan filatame fudhatamummaa uummata biyyattiifi idil-adunyaa ni qabaata.

Kunis, biyyoota addunyaa maraa waliin hojechuuf, mootummota gamtoomani keessatti hirmaachuf, dippiloomaasii biyyattii haalaan ademsisuuf, walumaagalatti gahee mootummaa tokko sirnaan ademsisuuf haaldureedha. Kana jechuun filannoo waligalaa biyyaa sirnaan adeemsisun mootummaa fudhatamummaa qabu ijaarun kallattiidhaan birmadummaa biyyatti eeguu wajiin kan walgitudha. Yoo kana hin taane biyya mootummaa hin qabne ni uuma. Biyyi tokko yoo mootummaa hin qabaanne akka biyyaatti ilaalamun ni rakkisa. Biyya daangaa qabdu, uummata qabdu, birmadummaa qabdu, kan mootummaa hin qabne yoo ta’e ulaagaa biyyi tokko gutachuu qabdu kan hin guutne taasisa.

Kun ulaagalee biyyummaa biroofis digumsa umma. Mootummaan dhaabbata wiirtuu biyaa tokkoti. Bu’uura kanaan fillannoo waligaalaa hubannoo gahaafi ilaalcha guutun hirmaachufi tumsuu barbaada. Kun gahee lammilee biyyattii hundaati. Mootummaan hojiirra jiru adeemsaafi dirree filannicha bal’isuu, dimookiraatesuu, bilisa taasisuu, sirnaan deeggaruu, olaantummaa seeraa kabajuufi kabachisuu, hojii paartiifi hojii mootummaa adda baasanii ademsisuu gaafata. Paartileen moorkatoota hundi danbii ittiin bulmaataa paartilee kabaju, seera biyyattii eegu, feedhifi faayyidaa biyyaaleessaa dursu, uummata giddugaleffachuu isa gaafata. Uummatni bal’aan fillannoo waligalaa adeemsifamuf abbantummaa isaa goonfachuufi gahesaa qixaan bahachuu barbaachisa.

Fillannoon kan adeemsifamu uummataafi uummataani. Fillannoon waligalaa biyya tokkoo kan madaalamu boqoonnaa filannichaa hunda sirnaan yoo taasifamedha. Dursa fillannoo, guyyaa fillannofi fillannoon booda adeemsi fillannichaa sirnaan adeemsifamu qaba. Itoophiyaan fillannoo waligalaa taasisuuf qophiin taasifamaa jira. Galmeen fillannoo jalqabameera. Paartileen moorkattootaa walfalmii yaadaa jalqabaniiru. Haata’u malee rakkoon nageenyaa naannolee tokko tokko keessa jiru adeemsa filannichaarratti dhibbaa mataasa umaa jira. Nageenya biyyattii waaressun fillanno waliigaalaa taasifamu milkeessuf gahee olaanaa qaba. Kunis hirmaannaa gahee qabessoota hundaa barbaada. Nageenya mariif marabbaan waarressun, filannoo biliisaafi amanamummaa qabu taasisuf gargaara.

Oduu

AMECO Hirkoo