Misooma qonnaa waqtii gannaa hojjetamu qofaan karoora damee qonnaan qabame guutumaan milkeessuun ulfaataadha. Kanaafuu, jallisii bonaan waggaatti yeroo sadii oomishuun galma qabame dhugoomsuuf akka galteetti kan gargaarudha.
Akka Bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Dawaa Caffaatti gama hojii jallisiitiin hojjetamaa jiru karoora gama damichaan akka biyyaatti qabame milkeessuuf carraaqqii taasifamaa jiru kan agarsiisudha. Obbo Sa’id Ahimad qonnaan bulaa aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbiiti. Bara kana lafa hektaara tokko irratti jallisii bonaa marsaa duraatiin habahaab oomishanii gabaaf dhiheessuun fayyadamoo ta’uu himaniiru. Waan oomishan kana gabaaf dhiheessuun birrii kuma 400 olitti gurgurataniiru. Milkaa’ina hojicha keessatti galmeessaniinis dhaabbata deggarsaa ‘Kaalm pirojekti’ jedhamurraa badhaasaa birrii kuma 300 argachuu eeraniiru. Gara fuulduraatti, muuziifi maangoo tuuteffamaan oomishuun kanaan olitti jallisii bonaarraa fayyadamuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.
Aanichatti qonnaan bulaan jiraataa ganda Taraf, Jamaal Daawud, haala qabatamaa amma jiruun hawaasni gandichaa misooma jallisii irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru. Baroota darbanitti misooma jallisii qamadii bonaa eegaleen hubannoo barbaachisaa argachuun hojiitti galuu yaadataniiru. Kanaanis fayyadamoo ta’uu isaanii kaasanii, bara kana jallisii marsaa duraan qullubbiifi qaaraa oomishanii irraa fayyadamanii jiraachuu himaniiru. Qonnaan bulaan kun ‘’Galiin argadhe kun fuulduraaf hojii kana babal’isee akkan hojjedhuuf kaka’umsa natti horeera’’ jedhaniiru.
Dursaan Garee Misooma Kuduraafi Muduraa Waajjira Qonnaa aanaa Dawaa Caffaa, Abdallaa Aliyyii, aanichatti jallisii marsaa duraa idileetiin lafa heekara kuma 6 fi 293 karoorsanii hanga ammaatti guutummaatti karooricha milkeessuu dubbataniiru. Jallisii haaraa marsaa duraan ammoo hektaara 905 misoomsuu kaasaniiru. Akka isaan jedhanitti bara darbe jallisii marsaa duraan lafti haaraa misoome heektaara 226 qofadha. Kan baranaa hammisaa dabaluu kan danda’eef xiyyeeffannoo misoomichaa kennameerraa kan maddedha jedhaniiru. Ogeessota ogummaa qonnaa gahaa qabaniin deggarsiifi hubannoon barbaachisaan dhimma jallisii bonaarratti qonnaan bultootaaf kennamaa turuu ibsaniiru.
Dursaan garichaa, ”akka waliigalaatti jallisii marsaa duraa idileefi haaraatiin lafa heektaara kuma 7 fi 198 ol gosoota muduraafi kuduraa garagaraan uwwisuu dandeenyeerra” jedhaniiru. Midhaan agadaa heektaara kuma 1 fi 830, fuduraa heektara 588 ol ta’u misoomsuu hiimaniiru. Midhaan hundee: kanneen akka qullubbii, kaarotaafi hundee diimaa heektara kuma 1 fi 232 raawwachuu kaasaniiru. Haaluma kanaan midhaan mi’eessituu heektara 245 oomishamuu eeranii, muduraa 558 ol misoomuu dursaan garichaa mirkaneessaniiru. Akka isaan jedhanitti hojiicha irratti qonnaan bultoonni kuma 17 fi 313 ol hirmaataniiru. Gariin oomishichaa haalli dhaabbii isaa sadarkaa gaarii irra jiraachuu ibsanii, kanneen gahan irraa hanga ammaatti oomishni kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 2 ol walitti qabamuu dubbataniiru. Karoora qonnaa waggaatti yeroo lamaa ol qotuun bu’aan qabatamaa dhufaa jiraachuu dursaan garichaa himaniiru. Aanichi leecalloo bal’aa waan qabuuf gara fuulduraatti duguuganii itti fayyadamuuf karoorsuu hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


