Ammas Kutaan Qonnaa Keenya Xiyyeeffannoo Olaanaa Argachuu Qaba

Seenaa Itoophiyaatti kutaa qonnaaf xiyyeeffannoon gahaa ta’e osoo hin laatamiin turuu isaatiin hojiin qonnaa aadaawaa akka ta’uf dhiibbaa taasiseera. Hata’umalee qonnaan bulaan keenya mala aadaawaan jiruufi jireenya isaa gaggeessuun jaarraa dheeraatiif biyya keenya sadarkaa har’aarra geessisuu danda’era. Kutaan biyyattii baadiyyaas ta’e magaalaan jireenyi isaanii kan bu’ureeffame maluma qonna aadaa kanarratti hundaa’eenidha.

Hata’umalee yeroo dhihenyaan booda kutaan qonnaa hanga humni biyyattiin dandessuutti xiyyeeffannoo argachuu danda’era. Itoophiyaan imaammata diinagdee ishee qonni akka dursu taasisuun hojiin qonnaa akka ammayyaa’u taasisaa jirti. Qonnaan bulaan dhiheenyaan ogeessa qonnaatiin akka deeggaramu taasisuu, sanyii oomishaafi oomishtummaa dabalu akka argatu goochuu,  sararaan akka facaasu gochuu, hojii isaa meekaanaayzeshiniin akka deeggaramu gochuun hojiilee muraasa kutaa qonnaa deeggaruuf taasifamedha.

Hojii qonnaa ammayyessuuf galteewwan qonnaa fayyadauun dirqamadha. Galteewwan qonnaa keessaa tokko xaa’oo nam-tolcheeti. Itoophiyaan xaa’oo nam-tolchee alarraa galchuuf maallaqa olaanaa baasuu bira darbee bu’a ba’ii geejjibaa alarraa galchuuf taasifamus danqaa olaanaa ta’era. Kana hubannoo keessa galchuun mootummaan xaa’oon nam-tochee biyya keessatti akka oomishamuf doolaara biiliyona 2 tuqaa 5 baasii gochuun ijaarsi warshichaa akka jalqabamu taasiseera. Ijaarsi warshaa kanaa xumuramuun yeroo hojii jalqabu baasii xaa’of taasifamu qofa osoo hin taane qonnaan bulaan dhihenyaan akka argatu waan taasisufis faayidaan isaa olaanaadha. Egaa rakkoon kutaa qonnaa xaa’oo qofa osoo hin taane rakkoowwan garaagaraa waan jiraniif ammas taanaa kutaan qonnaa keenya xiyyeeffannoo olaanaa argachuu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har’aati.

 

Oduu

AMECO Hirkoo