Qonna Magaalaa Cimsuun Maaddii Guutuu Dhugomsuu

Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi nyaata madaalawaa ta’e argachuuf qonni  barbaachisaa ta’uun waan wal nama gaafachiisu miti. Yeroo dhihoo asitti dandeettii oomisha qonna magaalaa cimsuun dinagdee qonnaan bultoota magaalaa guddisuuf tattaaffiin taasifamuu jalqabeera. Bu’uuruma kanaan carraa qonnaan bulaa magaalaaf uumameen‎ qonnaan bultoonni naannawa magaalaa hojii qonnaa garagaraa hojjechuun bu’a qabeessa ta’aa jiru.

Bulchiinsa magaalaa Kamiseetti lafti qonna magaalaaf mijataa ta’e baay’eetu jira. Lafa qonnaa kana haala sirrii ta’een fayyadamuuf tattaaffii taasifameen bu’aan argamaa jiru agarsiiftuu tokkodha. Obbo Ahimad Birruu, jiraataa magaalaa Kamisee ganda Qaacur yoo ta’an, qonna magaalaa irratti hundaa’uun jiruufi jireenya isaanii kan geggeeffatanidha. Qonnaan bultoota adda duree magaalichaa keessaas isaan warra angafaati. Obbo Ahimad, lafa isaanii agabuu utuu hin bulchiin cimanii irratti hojjechuun misoomsaa turuufi jiraachuu dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, qonna Arfaasaan dabalatatti waqtii bonaa lafa qonnaa magaalaa Kamisee keessaa qaban jallisii bonaan yeroo lamaa ol misoomsuun fayyadamoo ta’aa turaniiru itti fayyadamaa jirusi.

Fakkeenyaaf bara kana habahaab heektaara tokkoo ol oomishuun galii gaarii irraa argachuu isaanii  ibsaniiru. ‘’Kunoo amma hojii qonna magaalaan jireenya gaarii jiraachaan jira’’ jedhaniiru. Kuduraafi muduraa garagaraa irratti hirmaatanii hojjechaa akka jiran himaniiru. Cimanii hojjechuu isaaniinis ofirra darbanii namoota biroollee akka gargaaran isaan dandeessisuu eeraniiru. Obbo Ahimad oomisha argataniin nyaataan of danda’uu bira darbee gatii madaalawaan gabaaf dhiheessuun irraa fayyadamaa jiraachuu kaasaniiru. ‘’Bara kana man-duuba kootti habaahab oomishuun birrii kuma 300 olitti gurguradheera’’ kan jedhan obbo Ahimad, waggaatti yeroo sadii oomishuun galii achirraa argataniin mana jireenyaa sadarkaa isaa eeggate ijaarachuu bira darbee konkolaataa dhuunfaa bitachuu dubbataniiru.

Sagantaa inisheetivii maaddii guutuun qaaraa, timaatima, qullubbii, raafuufi hundee Diimaa oomishuun irraa fayyadamaa jiraachuus eeraniiru. Bara kana jallisii marsaa duraan lafa heektaara tokkoofi walakkaa olirratti qamadii misoomsuu eeranii, haalli dhaabbisaa sadarkaa gaarii irra jiraachuu himaniiru. Obbo Ahimad, akkaataa guddina magaalaa waliin jiruufi jireenya isaanii ammayyeessuuf tattaafachaa akka jiranis itti dabaluun himaniiru.

‎Milkaa’ina hojii isaanii kana akka dinqisiifatan kan dubbatan ammoo ollaa qonnaan bulaa kanaa kan ta’an obbo Mahaammad Yaasinidha. ‘’Obbo Ahimad qonnaan bultoota akkasumas namoota magaalaafi naannawaa magaalaa jiraataniif qonnaan bulaa fakkeenya ta’anidha’’ jechuun Gaazexaa Hirkoo’f himaniiru. Gamasaaniin, obbo Ahimad Birruu irraa muuxannoo qonna magaalaa jallisiin walqabatee jiru qooddachuu dubbataniiru. ‘’Obbo Ahimad akka magaalaaa keenyaatti qonna magaalaan beekamaadha, ana dabalatee qonnaan bultoonni naannawaa isaa jiran hunduu gara qonna magaalaatti akka dhufan ni jajjabeessa’’ jedhaniiru. Kaka’umsa inni nutti horeen baay’een keenya fayyadamoo taaneerra kan jedhan obbo Mahaammad, muuxannoo argataniinis bara kana qamadii lafa heektaara tokkoorratti oomishanii jiraachuu eeranii, yeroo ammaa oomishni isaanii bilchaatee walitti qabuuf gahee akka jiru himaniiru.

Haaluma kanaan jallisii marsaa 2ffaan maaddii madaalawaa mirkaneeffachuuf Raafuu maraa, Hundee Diimaa, Qullubbii, Qaaraa Habaahabiifi Muuzii misoomsanii irraa fayyadamuuf qophii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Miinaas Tafarraa akka magaalichaatti lafti misooma qonnaaf oolu heektara Kuma 1 fi 696 jiraachuu himaniiru. Akkasaan jedhanitti kana keessaa lafti heektaarri Kuma 1 fi 510 jallisii bonaaf ooluu kan danda’udha. Gama waajjira isaaniin qonna magaalaan walqabatee hubannoo qonnaan bultootaaf erga kennaniin boodatti galteewwan qonnaa barbaachisoo dhiheessuun hojiitti seenuu ibsaniiru. Sadarkaa magaalichaatti lafti heektaarri 929 jallisii idilee marsaa duraan misoomeera. Lafa heektaara 381 irratti jallisii haaraa misoomsuuf karoorfannee heektaara 304 raawwachuu dandeenyeerra jedhaniiru.

Kanaanis qonnaan bultoonni magaalichaa kuma 2 fi 180 ta’an hirmaachisuun fayyadamoo akka ta’an taasisuun danda’amuu dubbataniiru. Itti gaafatamaan kun magaalaa Kamisee oomisha Habaahabiin baay’ee beekamtuu ta’uu kaasanii, oomishni kun yeroo gahutti hanga magaalaa Adaamaafi Jimmaatti geejjibsiifamuun gabaaf dhihaachaa akka jiru eeraniiru. Qonna magaalaan Muduraafi Kuduraa misoomsuun cinatti bara kana qamadii heektaara 50 misoomsineerra jedhaniiru. Haalli dhaabbisaas sadarkaa gaarii irra jiraachuu kaasaniiru. Itti gaafatamichi horsiisa beelladaan cinatti hojiiwwan maaddii guutuu misooma jallisii bonaan wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuuf taasifamaa jiran jajjabeessoo ta’uu himaniiru. Sagantaan maaddii guutuun jallisii bonaan qonnaan bultoonni nyaata madaalawaa akka argataniif gargaaraa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin kun gandoota magaalichaa hunda keessatti jalqabamee jiraachuu eeranii, fuulduratti cimsanii itti fufuu karoora bal’aa qabaachuu dubbataniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo