Hojimaata Xaa’oo Keemikaalaa Bakka Buusuu Danda’u

 

Biqiltuun faca’u albuuda barbaachisoo ta’an argatu malee guddatee firii gaarii agarsiisuu hin danda’u. Biyyee gabbataan hin jiru yoo ta’e, oomishtummaan hin jiraatu. Oomishtummaan hin jiraatu taanaan hiyyummaa, hongee ykn beelaaf nama saaxila. Biyyeen qabeenya uumamaa albuudnishee haphataa gabbataa deemuu danda’udha. Kunis sababoota garagaraan biyyeen wayita haphatu qabeenya uumamaas ta’e nam-tolcheen deebisanii biyyeen akka gabbatu taasisuun ni danda’ama.

Jiraataan aanaa Arxummaa Fursii ganda Bishee Ededaa, Abubakar Mahaammad, bara darbe wantoota xaa’oo uumamaaf barbaachisaniin naannoo isaaniitti xaa’oo uumamaa qopheessuun fayyadamuu himaniiru. Ganda isaanii keessatti kanaan dura xaa’oon uumamaa baay’ee baratamaa akka hinturre yaadataniiru. Yeroo ammaa gorsa ogeessota qonnaa irraa argataniin galteewwan xaa’oo uumamaa qopheessuuf gargaaran fayyadamuun qonna Arfaasaa baranaaf ooyiruu qonnaa isaanii xaa’oo uumamaan gabbisuun callaa fooyyee qabu argachuuf xaa’oo uumamaa qopheessaa akka jiran himaniiru. Adeemsa qophii xaa’oo uumamaa keessatti ogeessi qonnaa ganda isaaniitti argamu itti dhiheenyaan tumsaa jiraachuu qote bulaan kun himaniiru. Ooyiruun qonnaa si’a tokko xaa’oo uumamaan wallaaname hanga waggaa sadiitti oomishaaf itti fayyadamuun ni danda’ama jechuun baroota hojii qonnaa darban irraa muuxannoo argatan qoodaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanaa aanaa Arxummaa Fursii Kiisoo Kaffaalee, aanichatti bara qonnaa Arfaasaa 2018/19  galii fooyyee qabu argachuuf gandoota aanichaa hunda keessatti xaa’oon uumamaa kuuntaala kuma 300 ol qophaa’uu dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, kana keessaa xaa’oon uumamaa kuntaala kuma 264 ol ooyiruu qonnaan bulaatti baheera.

Itti gaafatamichi qonnaan bultoonni aanaa keenyaa kuma 2 fi 400 hojicha irratti hirmaachuun fayyadamoo ta’uu kaasaniiru.

Meetirkiwuubiin shan haalaan qophaa’ee kuntaalaatti yoo jijjiiramu Xaa’oo uumamaa Kuntaala 15 bahuu akka danda’u eeraniiru. Akkasaan jedhanitti, Xaa’oon uumamaa kuntaalli 120 ta’u ooyiruu qonnaa hektaara tokkoof ooluu danda’a. Xaa’oon kun gabbina biyyee dabaluun qonni itti fufinsa qabu akka adeemsifamuuf shoora guddaa qabaachuu addeessaniiru. Xaa’oon nam-tolchee gatiidhaan qaala’aa deemuun cinatti deemsa yerioo keessa biyyeen akka dhukkubsatu  taasisa jedhaniiru. Biyyee dhukkubsate wal’aanuuf xaa’oo uumamaa fayyadamuun filannoo sirrii ta’uu hubachiisaniiru.

Itti gaafatamichi xaa’oon uumamaa albuudota guddina midhaaniif gumaachan 14 ol ofkeessaa qabaachuu caqasanii, xaa’oon nam-tolchee albuudota sadii kan ofkeessaa qabu ta’uu kaasaniiru.

Obbo Kiisoon adeemsa qophii xaa’oo uumamaa yoo nuti himan  salphaafi qonnaan-bulaan kamiyyu qopheeffachuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru. Dursa ”boolla lama meetir kiwuubii shan shan qabachuu danda’utu wal cinaatti qophaa’aa” jedhani. Itti aansuun akka naannawaa isaaniitti galteewwan xaa’oo uumamaa qopheessuuf gargaaran kanneen akka Agadaa, Daaraa dabalatee baalota magariisaa burkutaa’uu danda’an biroo hanga boolli qotame guutuu danda’uutti qopheessuun murteessaa ta’uu eeraniiru. Haaluma kanaan, Agadaan boolla qophaa’e keessatti gara jalaatti naqama; sababni jalatti naqamuuf ilbisoota lafa keessaa garagaraan jalaa nyaatamaa burkutaa’aa akka dhufuuf jedhaniiru. Kanatti aannus marga jiidhaa itti dabaluun wal nyaatinsi kanneen gidduutti akka uumamuuf daaraa irratti naquun bishaan hammisaa xiqqoo ta’e itti firfirsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Bu’uuruma kanaan, erga waan barbaachisuun guutamee booda xaa’oo sanaaf eegumsa barbaachisaa taasisuun dhimma murteessaa ta’uu kaasanii,  bilchaachuufi bilchaachuu dhabuu isaa  addaa baasuuf guyyoota 60 booda boolla cinaa isaatti qophaa’ee jirutti garagalchuun barbaachisaadha.

Dhumarratti yoo bilchaateera ta’e gara ooyiruutti bahee tajaajila barbaachisaaf oola; yoo hin bilchaanne ta’e garuu boollichatti deebisuun hanga gahutti eeguun dirqama ta’uu hubachiisaniiru. Gama dhiheessa Xaa’oo nam-tolcheen walqabatee bara oomishaa 2017/18  ‘Yuuriyaafi Daappii’ kuntaala kuma 6 aanichaaf dhihaachuu kaasanii, kana keessaa dhibbentaa 92 fayyadamuu yaadataniiru. Hanqinni Xaa’oo akka hin mudanneef bara kanas xaa’oo uumamaa cinatti xaa’oo nam-tolchee fayyadamuuf kuntaala kuma 6 raabsuuf karoorsanii, hanga ammaatti kuntaalli kuma 3 aanicha galee jiraachuu eeraniiru. Akka isaan jedhanitti, kan hafe gara aanichaatti geejjibsiisuuf hojjechaa jiru.

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo