Waajjirri Daldalaafi Misooma Gabaa Aanaa Baatee Raabsaa Boba’aa Sirnaan Hogganaa Jira

 

Walitti bu’iinsi giddu-gala Bahaatti hammaachaa dhufuun dhiyeessii boba’aa addunyaa irratti gufuu uumeera. Itoophiyaanis dhiibbaa kanaaf saaxilamtuu taateetti. Haalli kun gabaa keessatti rakkoolee adda addaa fidaa jira. Isaan keessaa daballii gatii hin malle, dhiyeessa adda addaa dhoksuu, hariiroo bu’aa dhuunfaa irratti hundaa’uun hojjechuu, akkasumas boba’aa gabaa gurraachaan gurguruu bal’inaan mul’achaa jiru. Kanaanis tajaajilamtoonni komii isaanii ibsu.

Bulchiinsa Magaalaa Baateetti konkolaachisaan taaksii Kadir Sayid akka jedhanitti, hanqinni boba’aa guyyaa gara guyyaatti hammaachaa jiraachuu himaniiru. Buufata Boba’aarra waraabbachuuf yeroo dheeraan kan barbaachisu ta’uu eeraniiru. Akkasumas, osoo namoonni baay’een hin waraabbatin boba’aan bufaticharraa dhumuun hojii isaanii irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu kaasaniiru. Haala kanaan yeroo ammaa qisaasamaafi baasii dabalataaf saaxilamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf mootummaan maaddiwwan boba’aa irratti to’annoo akka cimsu gaafachaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Waajjira Daldalaafi Misooma Gabaa Aanaa Baateetti abbaa adeemsaa mirga bitattootaa, aadde Zaburaa Huseen akka ibsanitti, hanqinni boba’aa yeroo ammaa muudate gabaa irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Haa ta’u malee, sababa kanaan meeshaalee irratti daballii gatii hin malle taasisuun seeraan kan nama gaafachiisu ta’uu hubachiisaniiru. Kanaafis tarkaanfiileen seeraa garaagaraa fudhatamaa jiraachuu eeraniiru.

Keessumaa qaamoleen yeroo kana fayyadamuun dhiyeessa boba’aa dhoksuun rakkoo kana hammeessan irratti tarkaanfiin cimaa fudhatamaa jiraachuu dubbataniiru. Akkasumas gochi akkasii akka hin babal’anne murannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Aadde Zaburaan, hawaasni yeroo gatiin meeshaalee dabale jedhu dhaga’u, hamma daballii sanaa sirriitti madaaluufi dhugaa isaa adda baasuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Kunis hawaasni odeeffannoo sirrii wal-bira qabuun qaama dhimmi ilaallatuuf eeruu kennuu akka qabu hubachiisaniiru. Boba’aa jiru qusannaan itti fayyadamuufi qaamoota dursi kennamuufi qaban adda baasuun tajaajila kanneen akka tajaajila ambulaansii, qaamolee nageenyaa, konkolaattota tajaajila geejjiba hawaasaaf kennan dursa kennaafi jiraachuu ibsaniiru.

‎Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa diinagdee kan ta’a Indaaloo Bongaasaa, hanqinni boba’aa yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’achaa jiru sababa tokko qofaan kan hin ibsamne ta’uu eeraniiru. Rakkoon kun walitti dhufeenya sababoota hedduu kan of keessaa qabu ta’uu dubbataniiru. Isaan keessaa hanqina sharafa alaa, lola giddu galeessa Bahaa hordofee daballii gatii boba’aa gabaa addunyaa irratti umamuu, akkasumas rakkoo bulchiinsa gaariifi raabsaa irratti rakkoon darbee darbee akka jiru kaasaniiru.

‎Keessumaayyu walitti bu’iinsa siyaasaafi jeequmsa gabaa idil-addunyaa waliin walqabatee dhiyeessii boba’aa irratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu ibsaniiru. Haalli kun diinagdee biyya keenyarratti miidhaa bal’aa geessisaa jiraachuu dubbataniiru. Boba’aan bu’uura sochii diinagdee waan ta’eef, sababoota hanqina boba’aa muudateen baasiin geejjibaa dabaluu, gatiin meeshaaleefi tajaajilaa olka’uu, akkasumas sochiin oomishaafi daldalaa akka laaffatu taasisaa jiraachuu eeraniiru. Kunis guddina diinagdee hir’isuun jireenya hawaasaa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Rakkoo kana furuuf tarkaanfiileen adda addaa fudhatamaa jiraachuu kaasanii hawaasni boba’aa argachuun rakkisaa ta’aa jiru kana keessatti of-eggannoon, qusannaafi itti-gaafatamummaan akka fayyadamuu qaban gorsaniiru. Biyyi keenyas hirkattummaa boba’aa jalaa bahuuf konkolaataa elektirikii babal’isaa jiraachuu eeraniiru. Akkasumas aadaa miilan deemuu guddisuu, biskileetii fayyadamuufi dhimmoota dursa qaban adda baasuun itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. To’annoo rabsaa cimsuunis murteessaa ta’uu kaasaniiru.

‎Gara fuulduraatti biyyattiin hirkattummaa boba’aa alaa hir’isuuf tarsiimoo cimaa diriirsuu akka qabdu eeraniiru. Kunis misooma anniisaa haaromfamaa kanneen akka humna ibsaa, aduufi bubbee babal’isuun, akkasumas teknoolojiiwwan qusannaa boba’aa jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu gorsaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo