Mandarri Shoonkee Bulchiinsa Sablammii Oromoo aanaa Dawaa Caffaa ganda Jirootatti argama. Mandarri Shoonkee qabeenya seenaafi aadaa waggoota 900 ol lakkoofsisedha. Mandarri kun magaalaa guddoo bulchiinsa sablammii Oromoo, Kamisee irraa gara kaabaatti kiiloomeetira 27 fagaatee argama. Mandarri kun seenaa dheeraa kan qabu yoo ta’u, waggaa 900 dura ogummaa ijaarsa dhagaa dinqisiisaafi bifa appaartaamaatiin fiixee tulluu irratti kan hundeeffamee madda seenaafi hawwata turizimiiti.
Mandarri kun kutaalee manneen 143 ol fi masjiidota seena-qabeessa ta’an sadii of keessaa qaba. Akkasumas, tulluu jabaafi ol ka’aa irratti kan ijaarame ta’uun bareedina addaa qaba. Mandarri Shoonkee “Maachu Piichuu Itoophiyaati” jedhamuunis ni waamama. Maachu Piichuun iddoo seena-qabeessa biyya Peeruu keessatti argamu yoo ta’u, mandara Shoonkee waliin wal fakkaachuun isaanii qorannoowwan garaagaraatiin mirkanaa’eera. Lamaan isaaniiyyuu tulluu gubbaa irratti kan ijaaraman, bareedina uumamaa nama hawwatu kan qaban, akkasumas namoonni durii uumamaafi ijaarsa akkamitti walitti fidanii akka itti fayyadaman kan agarsiisudha.
Obbo Mahaammad Indiriis jiraataa Mandara Shoonkeeti. Shoonkeen maqaa isaa kan moggaafame, nama beekamaa barsiisaa amantii kan ta’an Juhaar Haydar irraa yoo ta’u, maqaa kabajaa “Shoonkeey” jedhuun beekaman irraa kan kennameef ta’uu obbo Mahaammad ibsaniiru. Keessumaa masjiidonni durii achi keessatti argaman hawaasa naannichaaf faayidaa guddaa seenaafi amantii qaba jedhaniiru. Mandarri Shoonkee yeroo dheeraaf wiirtuu barnoota Islaamaa ta’uun tajaajilaa akka tures ni eeru.
Mandarri Shoonkee seenaafi aadaa guddaa of keessaa qaba jedhaniiru. Biyya keenya keessatti iddoon akkasii seenaa dheeraa waggaa dhibba hedduu lakkoofsisu qabaachuun isaa waan addaa ta’uu kaasaniiru. Manneen dhagaa irraa ijaaraman, kan wal irratti tuulaman fakkaatan kunneen ogummaa abbootii keenya durii kan calaqqisiisanidha jedhaniiru. Yoo fagoo irraa ilaalan masaaraa mootummaa guddaa tokkoo yookaan dallaa guddaa kan fakkaatu ta’uu ibsaniiru.
Masjiidonni seena-qabeeyyii ta’an mandaricha keessa jiran amantiifi barnoota Islaamaa keessatti shoora guddaa taphachuu kan eeran obbo Mahaammad, Shoonkeen bakka jireenya qofa osoo hin taane mallattoo eenyummaafi seenaa dhalootaa ta’uu ibsaniiru.
Obbo Ahmad Nuuruu, miseensa koree suphaa iddoo seena-qabeessa Mandara Shoonkeeti. Mandarri Shoonkee qabeenya seenaafi aadaa guddaa waan ta’eef, eegumsiifi hojiin suphaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Waajjirri Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Aanaa Dawaa Caffaas suphaa kanaaf koree hundeessuun, kanaan dura dhagaafi citaa irraa ijaaramee kan ture yeroo ammaatti gara ammayyaatti jijjiiraa jiraachuu ibsaniiru. Suphaan godhamu kunis akkaataa ijaarsaa duriifi aadaa mandarichaa hin miineen gaggeeffamaa jira jedhaniiru.
Meeshaalee ammayyaa fayyadamuun wantoonni aadaa duraan jiran akka hin badneef of eeggannoon suphaan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Kana malees, buu’uuraaleen misoomaa mandarichaaf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasni naannichaas seenaafi aadaa kana tiksanii dhalootaaf dabarsuuf yaadni isaanii murteessaa waan ta’eef ‘’nu bira dhaabbachaa jiru” jedhaniiru.
Waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii aanaa Dawaa Caffaatti abbaa adeemsa kunuunsa hambaafi eegumsaa Aadde Sisaay Hayiluu, mandarri Shoonkee iddoo seenaafi hawwata turizimii olaanaa qabu ta’uu ibsaniiru. Mandarri kun ogummaa ijaarsaa durii, seenaa amantiifi jireenya hawaasaa keessatti gahee guddaa qabaachaa akka ture eeraniiru. Akka Waajjira isaaniitti koree hundeessuun baajata mootummaa naannootiin hojiiwwan eegumsaafi suphaa iddoo seena-qabeessa kanaaf taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana malees mandara kana beeksisuuf xiyyeeffannoo addaa kennanii hojjechaa jiraachuu himaniiru. Sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii argamsiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa Mandarri kun iddoo hambaalee seenaa idil addunyaa (UNESCO)tti akka galmaa’uuf hojiiwwan jalqabaman itti fufanii jiraachuu himaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


