Fooramiin Nageenyaafi Tasgabbii Naannawaa Gaanfa Afriikaa Jigjigaatti Adeemsifame

Naannoo Somaalee, magaalaa Jigjigaa keessatti fooramiin naannawaa nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti xiyyeeffate gaggeeffameera. Fooramiin kun mata-duree, “Gaanfa Afriikaatti Nageenya Waaraa Mirkaneessuufi Hariiroo Naannawaa Cimsuu” jedhuun adeemsifameera. Hoggantoota mootummaa olaanoo biyyoota naannawichaa walitti fiduu ibsameera. Waltajjicharratti Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasee Caafoofi Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyahu Tashaagar, dabalatee mootummaa federaalaafi naannolee irraa hooggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

‎Mariin taasifameen nageenyaafi tasgabbii naannolee cimsuu, daldala daangaa ce’uufi walitti-hidhamiinsa diinagdee guddisuurratti xiyyeeffateera. Akkasumas qormaatilee nageenyaa walxaxaa ta’an irratti furmaata waaraa fiduufi mootummaa naannolee gidduutti hojii waloo cimsuun akka barbaachisu irratti mari’ataniiru. Fooramichi rakkoolee yeroo dheeraaf Gaanfa Afriikaa keessatti dhalootarraa dhalootatti ce’aa turan furuuf, qindoomina mootummaa naannoolee cimsuufi haala yeroo ammaa giddu-galeessa godhateen furmaata haaraa irratti hojjechuun murteessaa akka ta’uuf mari’atameera.

‎Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa akka beeksisetti, mootummaa Itoophiyaa yaadama “Ida’amuu” jedhu, kan Ministira Muummee Abiy Ahmad (Dr) irratti hundaa’e hojii irra oolchuun, walitti-hidhamiinsa naannawaa saffisiisuufi hojii daldala bilisaa Afriikaa cimsuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuun ibseera.
‎Moosisaa Fufaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo