Itoophiyaan seenaa dheeraa, aadaa garaagaraafi qaamolee yaada siyaasaa adda addaa of keessaa qabduudha. Garaagarummaan kun yeroo hedduu miidhagina ta’ee tajaajilus yeroo tokko tokko walitti bu’iinsa, walii galtee dhabuufi rakkoo nageenyaa uumaa tureera. Rakkoolee akkanaa karaa nagaafi mariitiin furuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffamuun hojii bal’aa hojjechaa jira. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa kaayyoo waliigaltee biyyaalessaa uumuufi nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa taphachaa jira. Komishinichi paartilee siyaasaa, mootummaa naannolee, mootummaa federaalaafi qaamolee hawaasa garaagaraa biyya keessaafi alaa walitti fiduun dhimmoota irratti waliigaltee dhabame irratti marii bal’aa gaggeesseera, gaggeessaa jiras.
Komishiniin Mariin biyyaaleesaa erga hundeefame asitti naannoolee hedduu keessatti marii bal’aa taasiseera. Adeemsa ajandaa sassaabuu komishinichi taasiseen ajandaaleen sabaafi sabalamootni akka biyyaatti qaban maal akka ta’es baramuu danda’ameera. Hojiin ajandaa sassaabuu naannoolee gara xumuraatti deemaa jira. Kana booda kan eegamu sadarkaa biyyaaleessatti marii biyyaaleesaa taasisudha. Carraa marii biyyaaleessaa argame kanaan biyyattii keessatti rakkoowwan wal dhabdee muudate ture furamuun nageenyi waaraan akka bu’uuf abdiin eegamaa jira. Marii biyyaaleessaa kana milkeessuuf jaarmiyaaleen siyaasaafi uummatni hundi karaa bakka bu’aa isaatin ajandaa marii dhiyeeffattaniiru.
Obbo Abdii Caalaa Jiraataa bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sabbataati. “Biyya keenya keessatti nageenyi waaraan kan ijaaramu yoo hawaasni wal dhaga’ee, wal kabajeefi rakkoo isaa mariidhaan furedha” jedhaniiru. Kanaaf mariin biyyaalessaa nageenya waaraa fiduuf bu’uura murteessaa ta’uu ibsaniiru. Akka Bulchiinsa magaalaa isaanittis hawaasni bakka bu’aa filatee turuu ibsuun, ajandaan Komishiniin Marii Biyyaalessaa maal akka ta’e adda baasun, yaada isaanii walitti qabuun karaa bakka bu’aa isaaniitin Komishinchaaf dhiyeessuu ibsaniiru. Yaadichis dhimmoota ummanni irratti walii galtee dhabeefi ajandaalee hawaasni karaa mootummaa deebii argachuu qaba jedhanii amanan ta’uu ibseera. “Adeemsi kun wal shakkii hir’isuu, wal amantaa ijaaruufi rakkoolee karaa nagaa furuu keessatti shoora olaanaa qaba jedheen yaada” jedhaniiru.
Keessattuu yeroo ammaa rakkoon nageenyaa naannolee garaagaraatti mul’achaa jiru furmaata waaraa akka argatuuf mariin biyyaalessaa carraa guddaa ta’uu dubbataniiru. Hirmaannaan hawaasaa adeemsa kana keessatti murteessaa waan ta’eef, hawaasni yaada isaa bilisaan ibsachuun, rakkoolee isaa dhiyeessuufi furmaata irratti hirmaachuun bu’aa marii kanatti nageenya waaraa fiduu akka danda’u kaasaniiru.
Komishinii Marii Biyyoolessaa Itoophiyaatti qindeessaa qabinsa komii, obbo Buzunah Asaffaa nageenya waaraafi misooma itti fufiinsa qabu argachuuf mariin biyyaalessaa filannoo murteessaadha jedhaniiru. Komishiin kun kutaalee hawaasaa garagaraa, paartiee siyaasaafi qaamolee mootummaa karaa seera qabeessa ta’een hirmaachisuun karaa bakka buutota isaanii ajandaa Marii isaanii dhiyeeffachaa turuu ibsaniiru. “Biyyoonni hedduun rakkoo siyaasaafi hawaasummaa mariidhaan furachuun nageenya waaraa mirkaneeffachaa jiru” kan jedhan obbo Buzunah, Itoophiyaanis muuxannoo kana irraa fayyadamuun rakkoolee ishee mariifi walii galteen furuun nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuu akka qabdu gorsaniiru.
Garaagarummaa yaadaafi ilaalchaa gara walii galteetti jijjiiruuf, wal amantaa hawaasaa cimsuuf akkasumas rakkoolee biyyattii karaa nagaan furuu keessatti Komishiniin Marii Biyyoolessa gahee guddaa akka qabu ibsaniiru. Ajandaa walitti qabame kanas mariif dhiyeessuun rakkooleen nageenyaa biyya keessa iddoo garagaraatti mul’ataa jiran karaa mariin furamuu akka danda’u abdii guutuu qabaachuu isaanii himaniiru. Milkaa’inni hojii kanaas hirmaannaa uummataa bal’aa, kutannoo mootummaafi fedhii qaamolee hundaa akka barbaachisu kaasun qaamoleen hundi tumsa gochuu akka qaban dhaamanairu.
Moosisaa Fufaatiin


