Mootummaan Yuunaayitid Kiingidam (UK) ijoollee umrii waggaa 16 gadii miidiyaa hawaasaa irraa dhorkiteetti. Dhorkiin kunis qajeelfama nageenya intarneetii biyyattii irratti hundaa’uun kan hojiirra oole yoo ta’u, kaayyoon dhorkichaas fayyaa sammuufi nageenya qaamaa daa’immanii eeguuf akka ta’e ibsameera. Dhorkiin kunis bara 2027 dhufu ganna irraa jalqabee hojiirra kan oolu ta’uu himameera.
Yaadni miidiyaa hawaasaa irraa daa’imman waggaan isaanii 16 gadi ta’e dhorkuu haaraa miti. Hawaasa siyaasaa keessatti karaalee adda addaatiin bal’inaan irratti kan mari’atame yoo ta’u, Muddee bara 2025 keessa Awustiraaliyaan biyya jalqabaa seera akkanaa baafte hojiirra kan oolchite yoo taatu, Yuunaayitid Kiingidam Awustaliyaatti aanuun biyya lammaffaa dhorkaa keesse taatetti.
Muummichi Ministeeraa biyyattii, Keeyir Istaarmar imaammata kana Waxabajjii 15 kan ifa taasisan yoo ta’u, kunis miidhaa toora intarneetii irra ijoollee gahu hambsuufi bara umrii “daa’imummaa isaaniif malu” daa’immaniif deebisuuf tarkaanfii seena qabeessa ta’eedha jedhaniiru. Tarkaanfiin kun kan darbe marii mootummaa “addunyaa toora intarneetii keessatti guddachuu” jedhuun gaggeeffameefi deebii kuma 1 fi kuma 16, ol argate hordofeeti. Marichaanis maatiiwwan dhibbeentaa 90 ta’an fayyadamni miidiyaa hawaasummaa ijoollee waggaa 16 gadiif akka dhorkamuuf walii galan irratti jedhameera.
Seera haaraa kanaan, fuulawwan miidiyaa hawaasummaa gurguddoo dhimma wal-quunnamtii fayyadamtootaafi algoorizimiin hojjetan, kanneen akka TikTook (TikTok), Instagiraam (Instagram), Isnaapchaat (Snapchat), Feesbuukii (Facebook), tajaajiloota hawaasummaa Yuutuubii (YouTube) fi Eksii (X) dabalatee, fayyadamtoota umrii 16 gadii ittisuuf dirqamu. Akka gabaasa Ze Gaardiyaanitti, tajaajiloonni ergaa walii-erguu kan akka WaatsAappii (WhatsApp) dhorkaa kana keessaa bilisa ta’u.
Mootummaan UK dabalataan eegumsa bal’aa taasisuuf karoorfatee jira. Kunis tajaajila dambalii kallattiin miidiyaa hawaasaan tamsaasu daangessuu, namoota gurguddoo hin beekamne waliin quunnamtii uumuu dhorkuufi tajaajila ‘chaatbootii’ jaalalaa kan hubannoo nam-tolchee kanaan hojjetan dhowwuu dabalata. Hojiirra oolmaaf sa’aatii daangessuufi amaloota namni akka araada itti ta’u taasisan kan akka daangaa malee bilbilarra turuun qabiyyeewwan qofaa oliif gad dabarsuu (infinite scrolling) dhowwuu irrattis yaadamaa jira.
Dhaabbanni tajaajila kana dhiheessan sirna mirkaneessa umrii cimaa ta’e akka diriirsan kan gaafataman yoo ta’u, wixineen seeraa kun guutamee osoo ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoos hin gahin dura Paarlaamaaf ni dhihaata jedhamee eegama.
Akka gabaasa BBC-itti, dhorki kun Seera Nageenya Toora Intarneetii UK kan kanaan duraa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, kunis ogeeyyii fayyaa, seera kabachiistota, falmitootaafi maatiiwwan miidhaan irra gahe biratti yaaddoon fayyadama miidiyaa hawaasaa garmalee ta’e fayyummaa dargaggoota irratti fidu dabalaa dhufuu isaatiini. Wixineen kun maatiiwwaniifi falmitoota nageenya ijoollee baay’eedhaan deggarsa cimaa kan argate yoo ta’u, dhaabbanni teeknooloojii gurguddoon kanneen akka Meetaa Yuutuubii Isnaapchaat garuu, daangeffamni kun dargaggoota gara fayyadama intarneetii seeraan hin hordofamneetti oofuu danda’a, hojiirra oolchuunis rakkisaa taasisa jechuun akeekkachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


