Tapha xumuraa waancaa addunyaa 23ffaa Ispeen galchii 1 fi 0’n Arjentiinaa injifachuun Shaampiyoonaa taate.
Tapha kanaanis Sa’aatiin idilee galchii malee qixa xumuramuun Ispeen sa’aatii dabalataa kennameen galchii 1fi 0’n Arjeentinaa injifachuun yeroo 2ffaaf shaampiyoonaa waancaa Addunyaa taateetti. Tapha marsaa xumuraa Ispeeniifi Arjeentiinaa gidduutti Niiw Yoorki Istaadiyeemii Niiw Jeersii keessatti gaggeeffameen Ispeen Arjeentinaa injifachuun yeroo 2ffaaf shaampiyoonaa ta’uun xumurteetti.
Taphataan sarara gidduu Arjeentinaa Enzoo Fernaandez daqiiqaa 93ffaa irratti kaardii keelloo lamaa kan kaardii diimaa akkanni argu ta’een dirreetii baafame. Gareen lachuu galchii malee daqiiqaa 90 xumuranii, yeroon dabalataa kennameefi. Taphataan jijjiirraa Feeraan Toorees daqiiqaa 106ffaa irratti galchii injifannoo Ispeenif galchuu haamilee deeggartoota Ispeen cimsuu danda’eera. Ispeen tapha kana irratti ol’aantummaa kubbaa to’achuun falmicha hawwataa taasifteetti.
Karra eegaa Arjentinaa Emiliyaanoo Maartineez kubbaa hedduu qolachuu danda’eera. Arjentinaan tapha morkii waancaa addunyaa kna irratti gahumsa gad aanaa kan argisiisaniifi carraa galchuun kan hin milkeeffanne ta’aniiru. Bu’aa kana hordofuun Ispeen waancaa addunyaa ishee lammaffaa injifatteetti. Biyyi Awurooppaa kun waancaa addunyaa 19ffaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2010 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irratti injifchuun ishee ni yaadatama. Arjeentinaan ulfina waancaa addunyaa ishee itti fufsiisuuf turte hin dandeenye.
Pireezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi dabalatee namoonni bebbeekkamoon hedduun tapha kana Istaadiyeemitti argamuun kallattiin daawwataniiru. Waancaan Addunyaa 23ffaan yeroo jalqabaaf biyyoota 3: Kanaadaa, Meeksikoofi USA waloon qopheessaniifi biyyoota 48 hirmaachisuun guyyoota 39’n darbaniif magaalota 16 keessatti taphatamaa ture shaampiyoonummaa Ispeeniin xumura argateera.
Taphataan garee Ispeen Roodriin Hernaandenzi taphataa cimaa Waancaa Addunyaa 2026 jedhamuun kubbaa Warqee badhaafame. Karra eegaan Ispeen Unaayi Simoon taphoota 7 irratti goolii osoo hin keessummeessiin ba’uun badhaasa Karra eegaa cimaa ‘Gilaavii Warqee’ badhaafame.
Tapha sadarkaa Waancaa Addunyaa Ingilaandiifi Faransaay gidduutti taphatameen, Ingilaand galchii 6fi 4’n Faransaay Injifachuudhaan sadarkaa 3ffaan xumururuu dandeesseetti. Kiliyaan Imbaappeen galchii lama taphicha irratti galche hordofee Waancaa Addunyaa baranaarratti galchii 10n galchuun badhaasa Kophee Warqee injifateera.
Geexee Gizaawutiin


