Ministiroonni alaa biyyoota G7 fi hoggantoonni siyaasa alaa Gamtaa Awurooppaa, gocha gara jabinaa dabalataaf sababa ta’uu danda’an magaalaa El-Obeed keessatti namoota nagaa miidhan kamiyyuu akka dhaaban, Humnoota dafee dhaqqabaa (RSF) Sudaan fi Humna waraanaa waloo gocha isaanii irraa akka dhaabbatan gaafatan.
Ministeeroonni dhimma alaa biyyoota garee torbaa (G7) kanneen akka Kanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Biriiteen Guddittii fi Ameerikaa dabalatee bakka bu’oonni ol’aanoon Gamtaa Awwurooppaa walgahii taasisaniin, Sudaan magaalaa El Obeed keessatti gocha haala jiru hammeessu kamiyyuu Humnoonni Dafee Dhaqqabaa fi Humni waraanaa waloo akka dhaaban gaafataniiru.
Dabalataanis, humnoonni waraanaa kunniin daandiiwwan deeggarsa namoomaa dhaabbilee gargaarsaatiif banaa akka taasisan gaafataniiru. Kanaan walqabatee, sarbaamni yookiin miidhaan mirga namoomaa idil-addunyaa Kordofaan fi Daarfuur keessatti raawwatamaa jiru baay’ee akka isaan yaaddesse ibsaniiru. Humni Dafee Dhaqqabaafi Humnoonni Waraana waloo dirqama seera mirga namoomaa idil-addunyaa kabajuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Dhumarrattis, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii humna nagaa kabachiisaa Daarfur keessa qubsiise gara iddoo biraattis babal’isuun, miidhaan yookiin sarbamni mirga namoomaa akka hin hammaanne, akka taasisanis gaafataniiru.Itti dabaluudhaan, humnoonni ala taa’anii humnoota waraanaa meeshaa waraanaafi maallaqaan gargaaran, gocha isaanii hammeenyaa kanarraa akka of qusatan gaafataniiru.
Ragaan akka agarsiisutti Sudaan bara Faranjootaa Eebila 2023 jalqabee waraana keessa jirti. Waraanni Raayyaa Ittisa Sudaaniifi Humna Dafee Dhaqqabaa gidduutti taasifamaa jiru waggoota afur lakkoofsiseera.
Namoota miiliyoonaan lakkaa’aman qe’eefi qabeenya isaniirraa buqqiseera, guutummaa Sudaanis haala suukanneessaa keessa galcheera..
Dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaas hanqinni nyaataa dabalaa dhufuusaa fi gargaarsa namoomaa dhiyeessuun rakkisaa ta’uusaa eeraniiru:Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waraanni Sudaan seenaa keessatti sarbama mirga namoomaa hammaataa ta’e raawwateera.Akka hoogganaan Dhaabbata Nyaataa Addunyaa tokko ibsanitti, waraana Iraan keessa jiruun kan ka’e gargaarsi dhaqqabuu dadhabuusaatiin rakkoon Sudaan keessaa baay’ee hammaateera.
Qoondaaltuun hoji-raawwachiisaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Karlii Rooyitersiitti akka himanitti tarkaanfiin gargaarsaa jabaan taasifame lakkoofsa namoota haala beela hamaa keessa jiranii hir’isuuf yoo gargaare illee, namoonni miliyoona 5 ta’an ammas beela sadarkaa hamaa keessa jiru.h;hoogganaan Nyaataa Addunyaa tokko Rooyitarsiif akka ibsanitti, lammiileen miiliyoona 5 ol ta’an beela hammaataaf saaxilamaniiru;rakkoo kana kan hammaataa taasisu baay’ina namoota beelaaf saaxilamanii qofa osoo hin taane, sadarkaan beelichaa baay’ee hammaataa ta’uusaati.
Waliigala namoonni kuma dhibba tokko ol ta’an ammas hanqina midhaan nyaataaf saaxilamaniiru; kunis sadarkaa beelaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin deeggaramu isa olaanaa akka ta’us ibsaniiru.Akka ragaa Wabii Nyaataa Idil-addunyaatti, Sudaan keessatti lammiileen gara miiliyoona kudha sagaliifi kuma dhibba 5 ta’an balaa wabii nyaataa dhabuuf saaxilamaniiru.
Geexee Gizaawutiin


