Misooma yaadame galmaan ga’uuf hirmaannaan hawaasaa murteessaadha. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti hojii dhuunfaa irraa ka’ee kan hawaasa bal’aa kan hojjetamu walgargaaruunidha. Dhaabbileen hawaasaa hedduun isaanii hirmaannaa hawaasaan keessumaa hojii tola ooltummaa waqtii gannaan kanneen hojjetaman keessaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa isaan tokkodha. Baruufi barsiisuu milkeessuu keessatti gaheen maatiifi hawaasaa, dhaloota boruu ijaaruufi deeggaruu keessatti murteessadha. kanaanis ijaarsa, suphaafi haaromsa manneen barnootaaf taasifamu keessatti hirmaannaan uummataa murteessaadha. Bulchiinsa Sab-Lammii Oromoo Aanaa Arxummaa Fursiittis hojii tola-oltummaa gannaatiin manneen barnootaa hirmaannaa hawaasaan suphuufi haaromsuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Hawaasni naannawichaa humna, beekumsaafi qabeenya qabuun manneen barnootaa deeggaruufi haala baruu-barsiisuu milkeessuuf hojii boonsaa hojjechaa jira.
Aanaa Arxummaa Fursii Ganda Cirraattiitti dargaggoon Sayid Hasan, namoota hojii tola-oltummaa gannaan manneen barnootaa suphan keessaa tokkodha. “Yeroo ammaa kana hojii tola-oltummaa gannaatiin dargaggoota aanaa keenyaa kakaasuun hawaasa waliin ta’uun dareewwan barnootaa dullooman suphuufi dareewwan barnootaa dabalataa ijaaruu irratti hojjechaa jirra” jedhan. Kanuma irratti hundaa’uun bara barnoota 2019’f haala baruufi barsiisuuf mijeessuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Taattaffiin taasisaa jiranis cimee akka itti fufuuf qaamoleen hundi nutumsuu qaba erga jedhus hawaasa ganda isaaniif dhaamsa dabarseera.
Kanaan dura Mana Barumsaa Cirraatti keessatti barattoonni kuma lamaa fi dhibba saddeetii ol barachaa turan;lakkoofsi barattootaa baay’ee ta’uu isaatiin daree barnootaa tokko keessatti barattoonni hanga 100 ta’an barachuu isaaniis eeruun yeroo ammaa hirmaannaa dargaggootaafi hawaasaatiin dareewwan barnootaa dabalataa 10 ijaaruun rakkoo dhiphina daree barnootaa ture salphisuun akka danda’ame dargaggoonni Kun ibsaniiru.
Dargaggoonni har’aa egeree biyya keenyaa ijaaruuf dandeettii fi humna guddaa qabna. Humna kana ammoo hojii qabatamaa hawaasa fayyadu irratti oolchuun dirqama isaanii ta’uu kaasuun, manneen barnootaa dhaloota itti qaran bakka bultii beekumsaafi madaallii jireenya keenyaa ta’an suphuun egeree dhalootaa utubuu akka qabanis yaada isaanii nuuf qoodaniiru.
Manneen Barnootaa Hirmaannaa Hawaasaatiin Suphuun meeshaaleebaruufi barsiisuu milkeessuuf gargaaru kan akka teessoo barattootaa,teessoo barsiisotaa,minjaalaafi dareewwan manneen barnootaa haaromsuu, yeroo fi humna isaaniin hojjechaa jiraachuus himaniiru.Manni barnootaa miidhagaa fi qulqulluun sammuu barataa nagaa fi qaramaa uuma. Kun immoo qulqullina barnootaa fiduuf furtuu waan ta’eef, dargaggoonni harka walqabannee humna fi beekumsa qabaniin manneen barnootaa suphuun dirqama isaan irraa eegamu ta’uus himan.
Barsiisaa Abbabaa Lammaa Itti Gaafatamaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Shaashoo kan ta’an, manneen barnootaa hirmaannaa hawaasaatiin suphuun bu’aa guddaa agarsiisaa jiraachuu himuun, akka mana barumsaa Shaashootti wantoonni hirmaannaa hawaasaatiin xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiru keessaa, daree barnootaa dulloome suphuu, ijaaruu fi teessoo barattootaa dulloome suphuu ta’uu himan. Manneen barnootaa hojiilee qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hirmaannaa hawaasaatiin suphaa manneen barnootaa baay’ee jajjabeessaa dha jedhaniiru.
Mani Barumsaa Shaashoo Sadarkaa 1ffaa qulqullina barnoota mirkaneessuuf hirmaannaa hawaasaatiin hojiiwwan ijaarsaa fi suphaa jajjaboon raawwatamaniiru; bara darbe dareewwan barnootaa 18 suphuuf karoorfamee, daree 22 suphamuufi dalla mana barumsaa meetira dhibba lama karoorfame keessaa meetira dhibba sadii suphuun hojii boonsaa hojjechuu isaanii ibsaniiru.Hojiiwwan barana hojjechuuf karoorfame suphaa daree barnootaa, teessuma barattootaa, dalla mana barumsaafi bo’oo lolaa meetira 25 hojjechuuf karoorfame keessaa meetira 12 raawwachuu fi bool’a biqiltuun keessa dhaabatu dhibba lamaafi shantama qotuuf karoorfatan keessaa, bool’a dhibba tokkoofi jaatamii lama qotamuufi kan hafes guyyoota muraasatti xumursuuf kan hojjetaa jiran ta’uu himan.
Kaayyoon keenya inni guddaan naannoo mana barumsaa barattootaaf mijataa fi hawwata uumuudha kan jedhan hogganaan Mana Barumsaa Shaashoo Barsiisaa Abbabaan,hawaasni madda humnaa fi maallaqaa ta’e, sagantaa fi raawwii hojichaaf qabeenya walitti qabuu ,maatii barattootaa fi abbootiin qabeenyaa maallaqaa fi meeshaalee suphaa gumaachaniiru jedhan.Dabalataanis barattoonni daree mijataa keessatti barachuun xiyyeeffannoo barumsaaf qaban dabaluufi hawaasni mana barumsaa kana akka qabeenya dhuunfaa isaaniitti eeguufi kunuunsuuf kaka’umsa qabaachuu isaas kaasaniiru. Suphaan manneen barnootaa kun hojii yeroo tokkoo qofa ta’uu akka hin qabneefi hawaasni ammas deeggarsa isaa itti fufuu akka qabu,baruufi barsiisuu milkeessuuf daa’ immaniif mana barumsaa mijataa uumuun gahee nama hundaa ta’uu himanii deeggarsi hawaasaa itti fufinsa akka qabaatus gaafatan.
Manni barumsa Cirrattii Sadarkaa 1ffaa bara 1968 kan hundeeffame yoo ta’u, baay’inni barattootaa dabaluu irraa kan ka’e hanqinni daree barnootaa hojii baruu fi barsiisuu irratti dhiibbaa guddaa uumaa turuu kan kaasan Itti Gaafatamaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Cirrattii kan ta’an Barsiisaa Indiris Umar dha. Yeroo ammaa rakkoo baruufi barsiisuu mudate kana hirmaannaa hawaasaatiin furamaa jiraachuufi hawaasni naannawichaa humna, qarshii fi ogummaa ofii qabuun mana barumsichaa cinaa dhaabbatee deeggarsa taasisaa jiraachuus ibsaniiru. Hirmaannaa hawaasaafi dargaggootaatiin daree barnootaa dabalataa 12 ijaaruuf birrii miliyoona 3.4 walitti qabamuu ibsanii, deeggarsi kun rakkoo hanqina daree barnootaa hir’isuun qulqullina barnootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa qabaachuus himan..
Hirmaannaa hawaasaatiin manneen barnootaa suphuufi haromsuun egeree daa’immaniif murteessadha kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Wajjira Barnoota Aanaa Arxummaa Fursii Obbo Tashoomaa Fayyisaati. Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa suphuun fedhii barumsaaf daa’imman qaban kan dabaluufi dhaloota boruuf qopheessuuf bu’uura cimaa akka ta’es himan.
Karoorri daree barnoota babal’isuufi suphuu kanaan dura hojjetame bu’aa gaarii argamsiisuu isaa eeruun hirmaannaan hawaasaa iddoo guddaa qabaachuus Obbo Tashoomaan himan. Bara darbe daree barnootaa 15 ijaaruufi suphuuf karoorfame keessaa, daree barnootaa 16 suphuufi ijaaruun danda’amuu ragaan waajjira barnootaa Aanaa Arxummaa Fursii irraa argame nimul’isa. Bara Kana daree barnootaa 40 ol ta’an suphuu fi ijaaruuf karoorri guddaa qabamee hojjetamaa jira.
Qindoomina hawaasaa, abbootii qabeenyaa,barsiisota, barattootaafi maatiin manneen barnootaan, manneen barootaa dullooman hedduu guutummaatti suphuun danda’amuu, uummata hirmaachiisuun milkaa’ina ol-aanaa akka argamsiiseef odeeffannoon waajjira barnootaa aanichaa irraa argame ni mul’isa. Bu’aawwan gurguddoon argaman fuullee manneen barnootaa mijataafi hawwataa gochuu, barattootaaf haala baruufi barsiisuu mijataa kan uumuufi waldeegaranii hojjechuun baasii mallaqaa hawaasaa hedduu gadi xiqqeessuuf gargaaruus himan.
Karoorawwan gara fuulduraa milka’ina argame caalaatti itti fufsiisuuf waajjirichi xiyyeeffannoo itti kenne hojjeetuuf qophii ta’u isaas himan. Hirmaannaa hawaasaa caalaatti jabeessuu fi gurmeessuu,manneen barnootaa hunda keessatti haala suphaa yeroo yeroon hordofuufi qabeenya argame qusannaan itti fayyadamuu,manneen barnootaa hunda sadarkaa isaanii eegsisanii itti fufsiisuun barbaachisaadha; hawaasni qabeenya fi humna isaatiin manneen barnootaa deeggaruun dhaloota boruuf bu’uura cimaa kaa’uufi hojiin kun caalaatti cimee akka itti fufu taasisuun ga’ee hawaasaati.
Geexee Gizaawutiin


