Duulli Dhaabbii Biqiltuu Guyyaa Tokkoon Miiliyoona 800 Milkaa’e

Maqaan Itoophiyaa jedhu yeroo hedduu tokkummaa, obsaafi danda’uu uummata ishee waliin walqabatee ibsama. Seenaa waraanaa garaa garaa irratti Itiyoophiyaan tokkummaan beekkamti. Bara Saddeetii as waggaa waggaan duula  dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaatiin irra deebiin seenaa tokkummaa biyyattii agarsiisaa jirti. Hojiiwwan kana milkeessuuf ammoo hirmaannaan uummatni Itoophiyaa agarsiise guddaadha. Duulli Ashaaraa Magariisaa bara 2011 yaadama Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa, Abiyyii Ahimad (PhD), tiin jalqabame.

Kaayyoon isaa bosona manca’e deebisanii bayyanachiisuu, jijjiirama qilleensaa fooyyessuu, qabeenya uumamaa tiksuufi dhaloota dhufu naannoo magariisaa dhaalchisuudha. Erga jalqabee waggoota torban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ol dhaabamuun lafti heektaara miiliyoona 11.2 ol bosonaan akka uwwifamu taasifameera. Bara kana mootummaafi uummanni waliigaluun biqiltuu biiliyoona 800 ol lafa heektaara miiliyoona 1.9 irratti dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa ture.

‎Adoolessa 27 bara 2018 ammoo mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun guutuu biyyaatti duulli addaa dhaabbii ashaaraa magariisaa gaggeeffameera. Sagantaa kanaanis guyyaa tokko qofatti lammiileen miiliyoona 26 ol hirmaachuun biqiltuu miiliyoona 800 fi miliyoona 5fi kuma 300 ol dhaabuun galma karoorfameen olitti raawwachuu ragaan Ministeera Qonnaa irraa argame ni addeessa. Kun hojii mootummaafi uummanni waliin ta’uun galmaan gahe keessaa isa gtokkodha.

‎Ragaaleen akka agarsiisanitti, erga dhaabbiin biqiltuu ashaaraa magariisaa eegalee biyyattii keessaatti jijiirramoota garagaraa fiduu danda’eera. Bosona babal’isuun qilleensa keessaa gaazii kaarboonii hir’isuu, bosona manca’e deebisee bosonaan uwwisuu, harama biyyee ittisuu, madda bishaanii eeguufi bineensota bosonaaf iddoo jireenyaa uumuufiin shoora olaanaa taphachaa jira. Kana malees, qilleensa qulqulluu uumuufi madaala uumamaa eeguun fayyaa hawaasaaf bu’aa guddaa qaba.

‎Waggoottan muraasa dura xiyyeeffannoo biqiloota nyaataaf oolaniif kennameen, gama dinagdeetiinis akka biyyaatti bu’aa bal’aan argamaa jira. Biqiltuu muduraafi muka diinagdee guddisan dhaabuun galii qonnaan bultootaa dabaluu danda’eera. Oomisha qonnaa guddisuun wabii nyaataa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Biqiloonni nyaataaf oolan dhaabaman keessaa hedduun waggoota muraasa booda oomisha isaanii gabaa keessaafi al-ergiif kan oolan ta’u. Kun hojii uumuu, galii mootummaa dabaluufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf carraa bal’aa uumaa jira.

‎ Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Abiyyii Ahimad (PhD), sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Magaalaa Addis Ababaatti gaggeeffamerratti hirmaatanii Ashaaraa Magariisaa isaanii kaa’aniiru. Wayita kana, “Waggoota torban darban keessatti osoo addaan hin kutiin ganna ganna biqiltuu dhaabaa turre. Bara kanas seenaa kana itti fufaa jirra” jedhaniiru.

‎Dabalataanis, sochiin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaan jalqabde biyyoota Afrikaa hedduuf fakkeenya ta’uu himanii, carraan COP32 qopheessuu Itoophiyaaf kennames hojii naannoo eegsisuufi biqiltuu dhaabuu irratti hojjetameen kan dhufe ta’uu ibsaniiru. “Har’a qofa biqiltuu dhaabuu osoo hin taane, waggaa guutuu abdii dhaabuu qabna. Kan hojjechaa jirru ijoollee keenyaaf; boruu keenya miidhagsaa jirra,” jedhaniiru.

 

‎Bulchaa Olaanaan Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadee, Godina Walloo Kibbaa Aanaa Warra Qaalluutti argamuun sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaataniiru.

‎Saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin,”biqiltuun har’a dhaabnu jireenya, gaaddisaafi abdii boruuti. Kanaaf biqiltuu dhaabne kunuunsuufi eeguun dachee magariisaafi lalisaa ta’e dhalootaaf dabarsuun dirqama keenya,” jedhaniiru. Tuteeffama kanattis lafa heektaara 213.5 irratti biqiltuu maangoo kuma 60 ol akka dhaabamu ibsaniiru.

‎Naannoo Amaaraatti bara kana biqiltuu miiliyoona 327 lafa heektaara kuma 65fi 900 irratti dhaabamuu himaniiru. Hojii kana keessattis hawaasni miiliyoona 5.2 ol hirmaachuu ibsaniiru.

‎Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa gamasaaniin, sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo guutuu biyyattiitti gaggeeffame irratti hanga gabaasni kun qophaa’etti Itoophiyaanonni miiliyoona 24 ol hirmaachuufi lafti heektaara kuma 278 ol biqiltuudhaan uwwifamuu himanii. Raawwiin kun mootummaafi uummata gidduutti hojii walta’iinsaan hojjechuun bu’aa guddaa argamsiisuus ibsaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo