Manni Maree Naannoo Amaaraa Raawwii Hojji Bara Baajataa 2018 Gamaggamuun, Karooraafi Baajata Bara 2019 Raggaasise

Manni Maree Naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 12ffaa marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaa gaggeesseen raawwii hojii bara baajataa 2018 gamaaggamuun, baajata raawwii hojii bara 2019 raggaasiseera.

‎Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Amaaraa Aadde Faantuu Tasfaayee yaa’icha irratti haasaa taasisaniin, miseesonni mana marichaafi koreewwan dhaabbii karooraafi raawwii irratti yaada kennuun hordoffii bal’aa taasisuu ibsaniiru. Bara baajatichaatti qormaatilee hedduu dandamachuun hojiilee hedduu hojjechuun guddinni jajjabeessaan galmaa’eera jedhaniiru.

‎Bulchaan Olaanaan Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadee gabaasa yaa’icha irratti dhiheessaniin akka ibsanitti, bara baajataa 2018 keessatti dameewwan diinagdee, qonna, industirii, barnootaa, fayyaa, bu’uuraalee misoomaa, bulchiinsa lafaa, eegumsa naannoo, albuudaafi sirna haqaa keessatti hojiiwwan bu’aa qabeessi hedduun hojjetamaniiru.

‎Hojiilee gama bu’uuraalee misoomaatiin hojjetamaniin, daandiin kiiloomeetira kuma tokkoo xiqaa sagalii ol ijaaramee, riqichoonni hedduun xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’uu ibsameera. Akkasumas hojii misooma koriidarii kiiloomeetira 214.9 xumuramuun, magaalonni 96 istaandaardii karoora magaalaa akka qabaatan taasifamuu eerameera. Tajaajilli bishaan dhugaatii qulqulluus babal’achuun waliingahinsi isaa gara dhibbeentaa 79.9tti guddachuu ibsameera.

‎Akkasumas hojiilee gama gabaa tasgabbeessuutiin naannicha keessaatti hojjetamaniin qaala’iinsi jireenyaa hir’achuu ibsanii, qaala’insi jireenyaa gara dhibbeentaa 8’tti akka gadi bu’u taasifamuu himaniiru.

‎Gama biraatiin yaa’icharratti gabaasa gaggeeffameen interpiraayizoota hundeessuun baadiyaafi magaalota garagaraatti filannoowwan carraa hojii uumaniin naannichatti lammiilee miiliyoona tokko tuqaa sadii ol ta’aniif carraan hojii dhaabbiifi yeroon uumamuu ibsaniiru. Hojiin oomishaalee al-ergii irratti qulqullinaan hojjetame sharafa alaa doolaara miiliyoona 562 ol argamsiisuu danda’uu eeraniiru.

‎Naannicha keessaatti gama hojii nageenyatiin hojiilee hojjetameen nageenya waaressuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa turuu ibsuun, hidhattoonni seeraan alaa kumaatamaan lakkaa’aman karaa nagaa galuun nageenyi naannichaa tasgabbaa’uu kaasaniiru. Kanaanis hojiileen misoomaa haala milkaa’insa qabuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Sirna haqaa keessatti tajaajilli haqaa hawaasaaf dhiyaatu bal’isuuf manneen murtii aadaafi tajaajiloonni dijitaalaa babal’ifamaniiru. Kanaanis manneen murtii aadaa gandoota kuma tokkoofifi 377 keessatti hundaa’uun hojii jalqabuun danda’amuu ibsameera. Caamsaa bara 2018 irraa eegalee namoonni kuma lamaafi 416 ta’an tajaajila argataniiru. Kanaanis, dhimma isaanii mana murtii idileetti geessuun baasii Birrii miiliyoona 29.9 ol kaffaluu irraa baraaramuu isaanii ibsameera. Deeggarsi seeraa bilisaa dubartoota, daa’immaniifi namoota humna hin qabneef kennamus cimee itti fufuu gabaasichi niaddeessa.

‎Damee fayyaatiin tajaajilli kunuunsa haadholiifi daa’immanii babal’achuun, daa’imman kuma dhibba saddeetiifi kuma digdamii tokkoo oliif talaalliin kennameera. Qorichoonniifi meeshaaleen yaalaa birrii biiliyoona 18 ol tilmaamaman raabsamuu, akkasumas baankiin dhiigaa yuuniitii kuma torbaatamii ja’aa ol walitti qabuu gabaafameera.

‎Albuudaa naannichaatti to’annoo oomisha albuudaa seeraan alaa irratti taasifameen, albuudni seeraan alaa meetir kuubii kuma tokkoofi kuma soddomii sadiifi 500 ol timaama qarshii miiliyoona digdamii torbaa ol mootummaaf galii ta’uufi qabeenya albuudaa hedduun adda baafamuu ibsameera. Akka Naannoo Amaaraatti yeroo jalqabaaf warqiin kiiloo giraama 357 Baankii Biyyoolessa Itoophiyaaf dhiyaachuus ibsan.

‎Gama raawwii hojii damee barnootaan bara baajataa 2018 ilaalchisee naannichatti qormaanni barattoota kutaa 6ffaa, kutaa 8ffaafi kutaa 12ffaa milkaa’inaan xumuramuu danda’eera. Qormaata kutaa 12ffaatiin barattoonni kuma 59 ol ta’an karaa marsareetii (Online) qormaata isaanii fudhataniiru. Manneen barnootaa haaraan 233 kan ijaaraman yoo ta’uu, bara baajata kana keessatti barattoonni miiliyoona afuriifi, kuma afuriifi kuma kudhaniifi 90 ol galmaa’uus ibsameera.

‎Xumura yaa’ichaatiin Manni Maree Naannoo Amaaraa raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 irratti mari’achuun, baajata mootummaa bara 2019’f birrii biiliyoona dhibba afuriifi biliyoona lamaafi miiliyoona dhibba lamaafi miliyoona saddeettamii shaaniifi kuma torbaa ol ta’u sagalee guutuun raggaasiseera.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo