Uummatni Amaaraafi Oromoo Itoophiyaa keessatti baay’ina uummataa guddaa kan qabani dha. Uummata ollaa walii ta’anii, hariiroo jaarraa hedduu lakkoofsiseefi kan seenaa baroota dheeraa waliin qooddatani dha; tumsa ijaarsa biyyaafi sirna ijaarsa mootummaaf seenaa isaan dalaganiin kan dagatamu miti. Akka uummata tokkootti daangaa biyyaa eegurratti, adda waraanaatti lafee isaanii biyyaaf waliin caccabanii,bool’a tokkotti awaalamaniru. Waliin injifannoo hedduu goonfataniiru.Seenaa biyyattii keessatti hirmaannaafi walutubinsi saboota lameen kun cimaa dha.Sabootni kun lameen diinagdeefi hawwasummaan walitti dabalamanii, heerumaafi gaa’eelaan dhiigaanis walitti hidhamaniiru.Jaalalaafi tokkummaa isaanii cimsachuun Itoophiyaas tokkummaa ishee eeganii jiru; diinagdeeniifi hawaasummaan saboota biroo biyyaatti hammachuun ijaarsa biyyaaf gaheen isaan taphatan adda duree dha.
Seenaa keessatti biyyoota Itoophiyaa diigu barbaadan hedduun haariiroo uummata lameen kanaa diiguuf hojjataniiru. Haariiroo saboota lameen kanaa diiguun kallattiidhaan Itoophiyaa diiguun akka danda’amu hubataniiru. Yeroo hedduus seenessa sobaa sabootni kunneen akka diinumaatti wal ilaalan hojjatani jiru. Seenessi sobaa hedduun kan barreffame lammilee biyya alaa kan hulaagaa seenaan itti barreeffame duubatti dhiisanii fedhii dhuunfaa isaaniif bakka kennaniinidha. Lammileen biyyoota dhihaa Itoophiyaa kooloneeffachuuf hawwii qaban galmaan ga’uuf, mala qoqqoduun bulchuuf yaalanii dha. Barreeffamootni seenessa sobaa kunneen kan barreeffaman jala bultiifi injifannoo Adwaa booda dha.Injifannoon Adwaa adda duree tokkummaa saboota kanaan akka dhufee dinni hubate jira.Qaanii injifatamuu kanaa jijjiiruuf injifannoo Adwaa waggoota 40f seenesa sobaan saboota kanneen lamaan adda baasuuf hojjataa turanii, yeroo lammaffaaf weerara bananii turan.Ammas adda durummaa gootoota saboota Amaaraafi Oromoonifi tokkummaa sabaafi sablamoota biyyattii hundaan injifatamu danda’aniiru.
Hariiroon Uummata Amaaraafi Oromoo diinota alaafi baandota keessaan qoratamaa tureera. Diinootni alaa tokkummaa saboota kanaa laamsheessuun biyyattii dadhabsiisuufi diiguun fedha isaanii raawwachuuf hojjetaniiru. Hedduminaan hawwiin biyyattii kolaneeffachuuf ture; diinootni keessaa immoo tokkummaa saboota lameen kana diiguun aangoorra turuuf fayyadamaniiru. Mootummaan ADWUI wayyaaneen durfamaa ture toofta kana fayyadamuun kan duraa isa taasisa.Seenessa sobaa lammiilee biyyoota alaan hojjetaman bareechanii afaan keenyaan hojjataniiru.Shiira kanaan lammiilee hedduu burjaajeessuun Sabootni lameen gurguddoo kunneen akka walshakkan,abba irrummaa irratti akka waloon hin qabsoofne taasisanii turan. Tooftaa kanaan waggaa 27f aangoorra turu danda’aniis,kan soodatan hin ooluu akkuma jedhamu qabsaa’ootnii Amaaraa “dhiigni Oromoo dhiigaakooti” gaafa jedhan shira walqooduufi walgarreffachuu diigee jira. Sabootni lameen kun qabsoofi siyaasa waloo hojjataniin jijjiiramni siyaasaa haaraan dhufee jira.
Itoophiyaa keessatti yeroo hedduu seenaa irraa barachuu dhisuun ni mul’ata. Kanaanis irra deddeebiin seenaa walfakkataa ni argina. Shirri siyaasaa Uummata Amaaraafi Oromoo gidduutti hojatamaa ture kanaaf ragaadha. Yaaliin biyyootni alaa tokkummaa uimmata lameen kanaa diiguun Itoophiyaa koloneeffachuuf taasisan hin milkoofne. Yaaliin sabootni kunneen akka walshakkaniifi tokkummaan hin dhabbanne gochuun aangoorra turuuf taasifamees kufaatii wayyaaneen ilaalame jira.Jijjiiramaan boodas jarmiyaalee siyaasaa gara garaan walitti buusuun fedha siyaasaa milkeessuuf yaaliin taasifame hedduu dha. Baroottan darban keessatti hojiileen tokkummaa saboota lameeni diiguuf yaalaman seenaa biyyattii keessatti isa haamaa dha.Uummatootni waliin jiraatan kunneen giddiraa hamaa dabarsani jiru.Ajjeechaafi buqqaatiif saaxilamaniiru.Hunda caalaa abbaa biyyummaa isaanii gaaffii keessa akka galu taasiseera.Taateen kun feedhi siyaasaaf jecha qaamoota muraasaan kan raawwatame dha.Sabootni kunneen ammas qormaata kana hunda dabarsa tokkumma isaanii eegatani jiru.
Egereefi galma biyyattiif gaheen sabootni lameen kun qaban ga’ee bakka hin bu’amne qabu. Tokkummaa saboota kanaa cimsuun Itoophiyaa cimsuu dha.Hariiroofi wal tumsuun saboota kanaa biyyattii ni ijaara. Baay’ina uummataafi lafa bal’aa qabaniin diinagdee biyyaattii daran ni guddisa.Yaaliin tokkummaa saba Amaaraafi Oromoo diiguuf taasifamu yaalii biyya diiguu taasifamu dha. Hariiroo saboota lameen kanaa itti fufsiisuuf gidduu seentummaan siyaasaa dhaabbachuu qaba. Siyaasni uummataa walitti busuufi addan qooduu siyaasa warri mo’atamaan adeemsisani dha


