Sochii Waraanaa Garee Seeraan Alaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay

Gareen seeraan alaa ABUT kan hundeeffame baroota 1970’oota keessa yoo ta’u, bara 1983 aangoo biyya bulchuu argate. Gareen seeraan alaa kun hundeeffama isaa irraa eegalee kaayyoon siyaasaa isaa diigumsa biyyaafi mootummaa irratti sochii taasisaa tureera. Kanaaf immoo ragaan aangootti dhufuu isaan dura, bara mootummaa Dargii keessa humnoota alaa, kanneen akka Somaaliyaa waliin ta’uun Itiyoophiyaa irratti duulaa turuun isaa agarsiiftuu guddaadha. Murni kun gara aangootti kan dhufe sagaleefi filannoo uummataa irratti hundaa’uun osoo hin taane, karaa qabsoo hidhannoofi fonqolcha mootummaa gaggeessuuni dha. Erga gara aangootti dhufees, dantaa biyyaafi faayidaa uummataaf osoo hin taane, aangoo murna muraasaa tiksuufi qabeenya misooma biyyaafi faayidaa uummataaf ooluu qabu karaa sirrii hin taaneen saamuun fayyadamaa tureera.

‎Gareen kun waggoota 27’f Itiyoophiyaa erga saamee, booda fincilaafi sosochii lammileen biyyattii taasisaniin aangoo gadhiisee gara iddoo hundeeffama isaa duraatti deebi’us miidhaan inni biyyarraan gahe kan isa hin gaabbisiifne, miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (RIB) Ajaja Kaabaa irratti Onkolooleessa 24, 2013 Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti, gocha gantummaafi gara-jabummaa raawwachuun biyyattii gara waraanaa hamaatti galchee turuun isaa kan yaadatamudha. Lola gaggeeffameen lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu, hedduun qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’uu, bu’uuraalee misoomaa barbadaa’uu, akkasumas rakkoo diinagdeefi hawaasummaa hamaa biyyaafi lammiilee biyyattii irraan geessisaa tureera.

‎Lola waggaa lama taasifamen booda, gara waliigaltee nageenyaatti kan dhufe gareen kun,  Onkoloolessa 23, bara 2015 Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaatti, Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaatti, waliigalteen dhukaasa dhaabuu Garee seeraan alaa ABUTfi Mootummaa FDRI giddduutii mallatteeffamee turus, gareen seeran alaa ABUT ammallee waliigaltee Piriitooriyaa kana cabsuun ifatti sochii waraana taasisaa jira. Dargaggoota Tigiraay umuriin wanaaf hingeenyeefi fedhii isaaniin ala gara mooraa leenjii waraanaatti guuruun, hojiin misoomaa naannicha keessatti akka hin hojjetamne danquun, nageenyaafi tasgabbii uummataa irratti dhiibbaa uumuu itti fufuu isaa hayyoonni siyaasaa garagaraa ni ibsu.

‎Dura Taa’an Paartii Dimokraatawa Tigiraay  Aragaawwii Barihee /Dr/ akka ibsanitti, diinni garee seeran alaa ABUT caalaa miidhaa hamaafi hammeenya ummata Tigraayirratti raawwachuu danda’u hin jiru jedhan. Hoggantoonni murna kanaa garee Shaabiyaa waliin ta’uun uummata Tigiraay irratti daba guddaa raawwachuus ibsaniiru. Naannichatti dargaggoota ukkaamsuun abbaan irrummaa gaggeeffamaa jiraachuu Aragaawwiin/Dr/ ibsuun, biyya keessaa qofa osoo hintaane, dhaabbileen sadarkaa idil-addunyaa kanneen akka Gamtaan Awurooppaa, mootummaa Ameerikaafi dhaabbileen mirga namoomaa adda addaa gocha kana cimsanii mormaa akka jiranis himaniiru.

‎Xiyyeeffannaan hoggantoota Garee seeran alaa kanaa inni guddaan aangoo dhuunfaa namoota muraasaa eeguufi qabeenya uumamaa naannichaa kan akka warqiifi saafiraa saamuu qofa akka ta’e eeranii, haadholiin Tigiraayifi uummanni naannichaa badii waraana irra gaherraa osoo hinbayyanatiin, ilmaansaa ukkaamsuun lola biraatiif bobbaa taasisanii itti fayyadamuuf akka ta’e hubatanii gara addabaabayiitti bahanii ifatti mormiisaanii dhageessisuu akka qaban hubachiisaniiru.

‎Murni ABUT diinota seenaa Itiyoophiyaa ta’an kanneen akka Eertiraa, Shaabiyaafi Masirii waliin gamtoomuun nageenya biyyaa booressuufi birmaduu  biyyaa dabarsee kennuuf hojjechaa jiraachuu kan ibsan immoo Hogganaa Olaanaa Paartii Shuum Tambeen Obbo Miikii Tasfaayeeti.
‎Adeemsi siyaasaa ABUT Itoophiyaa hulaa galaanaa dhabsiisuun gatii kan kaffalchiise yoo ta’u, kaayyoon garichaa Itoophiyaan dantaa biyyaalessaashee akka hin kabachiisne gochuu ta’uu eeraniiru. Gareen seeraan alaa ABUT deebitee haqaa, walqixxummaa, bilisummaafi ulfina uummata Itoophiyaaf ni eegsisti jedhamee akka hin eegamnes ibsaniiru. Gareen kun dantaa sabaa kan  hin qabnee sararri diimaan isaanii aangoofi dantaa dhuunfaasaanii qofa ta’uu ibsaniiru.

‎Murni seeraan alaa ABUT uummata Naannoo Tigiraay akka gaachanaatti itti fayyadamaa jiraachuu immoo Miseensi Koree Hoji-raawwachiiftuu Paartii Simrat, Pirofeesar Kindayyaa Gabrahiwoot, himaniiru. Gareen seeraan alaa kun yeroo dhiyoo asitti mirga uummata Tigiraay sarbaa jiraachuu kaasanii, kanaanis, naannichatti dargaggoonni baqachuu, guyyaa guyyaan qabamuu akkasumas gara leenjii waraanaatti galuun haala nama suukanneessuufi haqaarraa fagaateen raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru. Sababa garee seeraan alaa kanaatiin uummanni Tigiraay rakkoo hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee keessa jiraachuu Pirofeesar Kindayyaan dubbataniiru.

‎Naannoo Tigiraay keessatti haalli oomishaafi dhiyeessii mijataa ta’e waan hinjirreef, hanqinni meeshaalee bu’uuraa, boba’aafi dhiyeessiiwwan biroo uumamuus kaasaniiru. Gidiraan, godaansi, beelli, cunqursaafi ukkaamsaan daran hammaataa akka dhufe eeruun, haalli amma naannicha keessa jiru sadarkaa baayyee suukkaneessaafi rifachiisaa irra gaheeras jedhaniiru.
‎Kanaafis uummanni naannichafi lammiileen biyyaa kanaa garee seeraan alaa kana gama hundaan balaaleffachuu akka qaban dhaamaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo