Bilisummaa Yaadaafi Daangaa Seeraa

Miidiyaaleen meeshaa tamsaasa odeeffannoofi walqunnamtii hawaasaa keessaa isa ijoodha. Miidiyaan odeeffannoo saffisaan dabarsuudhaan hawaasa walitti fiduu, hubannoo uumuufi sagalee uummataa dhageessisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Faayidaa kana cinaatti, karaa sirrii hin taaneen yoo itti fayyadaman, madda wal-dhabdeefi rakkoo hawaasaa ta’uu danda’a. Keessumaayyuu, karaa miidiyaan haasa’a jibbinsaa tamsaasuun wal shakkiifi rakkoo nageenyaa namoota dhuunfaa,  gareewwan hawaasaa, saboota, sablammootaafi amantaa gidduutti uumuu danda’a.

‎Akka Heera mootummaa FDRI Keewwata 29 jalatti akka eerutti mirga yaada ofii walabaan ibsachuu, odeeffannoo barbaaduu argachuufi dabarsuu ni kabaja; akkasumas bilisummaa miidiyaa ni mirkaneessa. Haa ta’u malee, mirgoonni kun seeraan daangeffamaniifi kabaja namootaa, nageenyaafi dhimmoota seeraan eeggaman waliin madaalamuu akka qabu labsiin kun ni mirkaneessa.

‎Jiraataa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa kan ta’e dargaggoo Iyyoob Addunyaa, mirgi yaada ofii bilisummaan ibsachuu akkuma jirutti ta’ee osoo jiruu, mirgoonni kunis seeraan daangeffamanii jiraachuu dubbata. Keessumaa dargaggoonni yeroo amma miidiyaa hawaasaa fayyadamuun haasaa jibbinsaa miidiyaa hawaasaa irratti qoodaa jiraachuu dubbata. Kanaaf hawaasa gidduutti haasaa jibbinsaa tamsaasuun  wal dhabdeefi wal shakkii hawaasa gidduutti uumuu akka danda’u ibseera. Kanaaf namni kamiyyuu gochi kun yakka ta’uu isaafi seeran akka nama gaafachiisu hubachuu gochoota akkasii tamsaasuu akka dhaaban dhaamera.

‎Yunivarsitii Wallaggaatti Itti Gaafatamaa Muummee gaazexeessumma ka ta’an  Barsiisaa Sooressaa Sanyii akka jedhanitti, haasaan jibbinsaa odeeffannoo karaa midiyaa hawaasaafi  ergawwan suursagaleefi barreeffamoota fayyadamuun itti hawaasa burjaajjessaan keessaa isa tokko ta’uu himu. Haasaan jibbinsaa kun immoo akka dhuunfaatti qofa osoo hin taane ,hawaasa keessaatti jibbinsa tamsaasuun nageenya, tasgabbii, wal amantaa hawaasaa, hawaasa garee gara garaatti qooduun ,sabaafi amantii akkasumas saalaafi garaagarummaa eenyummaa irratti hundaa’un kan inni babal’atudha jedhan. Kunimmoo loogiifi jibbinsa hawaasa gidduutti uumuu akka danda’u himaniiru.

‎Labsiin heera mootummaa biyya keenyaa mirga yaadaa ofii bilisummaan ibsachuu kan eeyyamu yoo ta’u, kana jechuun namni tokko yaada isaa bilisummaan haa ibsatayyuu malee fallaa kanaan gareen haasaa jibbinsaa hawaasa gudduutti tamsaasu heera mootummaatiin akka adabsiisu dubbataniiru. Barsiisaa Soressaan akka jedhanitti, hawaasni dhimmoota haasaa jibbinsaa kana gadi fageenyaan akka hubataniif leenjiin kennamuu qabaachuu ibsanii, miidiyaan dhimmoota kana irratti hubannoo uumuu akka qabuufi haala kanaan uummanni haasaa jibbinsaa kana ofirraa ittisuu akka qaban dubbataniiru. Hawaasni odeeffannoo argatan osoo hin mirkaneeffatiin itti fayyadamuufi namaaf qooduu irraa akka of qusatanis gorsaniiru. Kana malees, mirkaneeffachuun itti fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru. Dhaabbileen miidiyaa karaa haqummaa qabuun tamsaasuu akka qaban kan eeran hayyuun miidiyaa kun, itti gaafatamummaafi ogummaa gaazexeessummaatiin qindeessanii tamsaasuu akka qaban dubbataniiru.

‎Haasaan jibbinsaa yaada nama dhuunfaa yookaan garee tokko sabummaa, amantii, sanyummaa, ilaalcha siyaasaa ykn eenyummaa isaa irratti hundaa’uun jibba, loogii, diinummaa yookin miidhaan akka raawwatuuf tamsaasuu ta’uu kan ibsan immoo, Abbaa Alangaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Qalbeessaa Wiirtuuti. Ergaan kunimmoo sabummaa, amantii ykn ilaalcha siyaasaa irratti hundaa’uun garee tokko garee biraa irraa fageessuu, shakkiifi jibba uummata gidduutti uumuu akka danda’u eeraniiru. Bilisummaan yaada ofii ibsachuu jechuun mirga heeraan eegame ta’us, mirgi kun daangaa qabaachuu dubbatu.

Miidiyaalee hawaasaas ta’ee dhaabbileen miidiyaafi dhuunfaan mirga heera mootummaan isaaniif kenname ala bahanii, mirga nama biraa sarbuu, jibbaafi jeequmsa babal’isuuf itti fayyadamuun yakkaan kan nama adabsiisu ta’uu ibsaniiru. Keessumaa miidiyaa hawaasaa irratti ergaan jibbinsaa saffisaan waan tamsa’uuf, miidhaan isaa bal’aa ta’uu eeraniiru. Akka Heera FDRl keeyyata 29 irratti bilisummaa yaadaa ofii ibsachuufi bilisummaa miidiyaa kabajamuu kan ibsan Abbaan Alangaa kun, labsii 1185/12 keeyyata 2 irratti haasa’a jibbinsaafi odeeffannoo sobaa tamsaasuun hidhaa cimaafi adabbii maallaqaa akka nama adabsiisu dubbataniiru. Keeyyata bilisummaa yaadaa kana dawoo godhachuun mirga namoota biroo sarbuu, jibba babal’isuu ykn jeequmsa kakaasuun seeraan akka nama gaafachiisus ibsaniiru. Kanaaf, namni kamiyyuu yaada isaa yeroo ibsu itti-gaafatamummaafi daangaa seeraa beekuu akka qabu kaasaniiru.

Hawaasnis gama isaatiin odeeffannoo osoo hin mirkaneessiin daddabarsuu irraa of qusachuu akka qabu kaasuun, keessumaa dargaggoonni miidiyaa hawaasaa itti-gaafatamummaan fayyadamuun, jibba osoo hin taane walhubannaa, jeequmsa osoo hin taane nagaa, qoqqoodinsa osoo hin taane tokkummaa babal’isuu qabu jedhaniiru. Dhumarratti, qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi haasaa jibbinsaa ittisuuf gahee isaanii bahuuchuu akka qaban dhaamaniiru.

 

Oduu

AMECO Hirkoo