Addunyaa keenya har’aa keessatti akkaataan lakkaawwii baraa muraasni kan jiran yoo ta’u, innis ka’umsaafi akkaataa ittiin lakkaawamu mataa isaa kan qabudha. Dacheen har’a waan hedduun guuttee, baattee mullattu kun, adeemsa wal fakkaataan battala tokkotti kan akkas taate miti. Suuta suuta wal jijjiirraa hedduu keessa darbuuni dha. Halkan dukkanni darbee; ganama ganama simbirri wacitee lafti ifuun bari’ee oolamee erga bulamee booda guyyaa tokko jedhamuun lakkaawamee.

Guyyootnis wal irratti idaa’amuun torban ta’anii bifuma wal fakkaatuun itti fufuun torbanis walirratti dabalamuun ji’a (Baatii) ta’uun, Baatileenis dhawaata dhawaataan heddumaataa yoo itti fufan tokko, lama jechuun hanga 12’tti erga lakkaawamee booda waggaa jedhamuun moggaasa argata. Kunis taatee wal- fakkaataan waggaa waggaan kan itti fufu yoo ta’u, adeemsa lakkaawwii isaatiifis biyyoota adda addaatti kaalandaroota garagaraatu jira. Chaayinaa, Hindii, Maayaafi Itoophiyaas dabalatee dhahata lakkoofsa guyyaa akkasii akka qabaniifi uumama kunneen irratti hundaa’uun ibsatanis ragaaleen ni mul’isu. Waqtiileen Itoophiyaanoota biratti beekaman afuri. waqtiileen kunneenis; Arfaasaa, Ganna, Birraafi Bona yoo ta’an isaan kunis haala qilleensaa adda addaa kan qabanidha.

Barootni lakkaawwii mala yeroo safarrii yoo ta’u, yeroo baay’ee taatee murtaa’e tokko dura yookiin booda yeroo agarsiisuuf kan fayyadudha. Fakkeenyaaf, bara walii galtee Dhaloota Kiristoos Dura (Dh.K.D) bara lakkaawwii 1 Dh. K.Ddha. Haaluma wal fakkaatuun barri lakkaawwii Anoo Doominii (AD) bara 1 Dh. K.D irraa eegala. Kunis bara Iyyasuus Kiristoos itti du’etti kan amanamuudha.

Lakkaawwiin Juuliyaan Maali?

Kaalandariin Juuliyaan sirna kaalandarii jalqabaa, nama Juuliyaas Qeesaar jedhamuun dhaloota Kiristoos dura bara 45tti kalaqamedha. Biyya Roomaa keessatti kaalandarii olaanaa kan ture yoo ta’u, hanga jaarraa 16ffaatti itti fayyadamaa ture. Kaalandariin Juuliyaan bara idilee guyyoota 365 ji’oota 12tti qoodamee kan qabu yoo ta’u, waggaa Afuritti guyyaan dabalataa Fulbaana irratti dabalama. Guyyaan dabalataa kun kaalandarri bara aduu wajjin akka wal simu taasisa. Kaalandariin Juuliyaan ammallee kutaalee addunyaa tokko tokko keessatti kan akka mana Kiristaanaa Ortodoksii Bahaa keessatti faayidaarra olaa jira. Kaalandariin Juuliyaan guddina kaalandarii ammayyaa keessatti gahee guddaa kan qabuufi ammas caasaa kaalandarii ammayyaa keessatti dhiibbaan inni qabu mullachaa jira. Kaalandariin kun bara Tiroopikaalaa irratti kan hundaa’ee yoo ta’u, kunis yeroo lafti naannoo Aduutti oorbiitii tokko xumuruuf fudhattudha.

Kaalandariin Giriigooriyaan maali?

Lakkoofsi Giriigooriyaan bara 1582 Phaaphaasii Giriigooriyaas 13ffaan akka haaromsa kaalandarii Juuliyaanitti uumame. Dogoggora kuufama kaalandarii Juuliyaan kan Dh.K.D bara 45 irraa eegalee itti dhimmi ba’aa ture sirreessuf kan qophaa’e dha. Lakkoofsi Giriigooriyaan Ameerikaa dabalatee biyyoota addunyaa irra caalaan isaanii dhuma bara 1700 fi jalqaba bara 1800 keessa fudhatame. Kaalandariin kun bara aduu guyyoota 365 irratti kan hundaa’e yoo ta’u, waggaa Afuraffaatti (leap year) guyyaan dabalataa dabalama. Guyyaa dabalataa dabalame kun Fulbaana irratti dabalamee guyyoota 28 osoo hin taane guyyoota 29 dha. Addunyaa har’a keessa jiraannu keesatti biyyootniifi sabootni lakkaawwii bara mataa isaanii qabaachuun adda durummaan beekaman Afuridha, isaanis:- lakkaawwii Girii gooriyaan, kan Yihudotaa, kan Arabootaafi bara lakkaawwii Itoophiyaanota kanneen adda dureedha. “Biyoota Afirikaa keessaa Itoophiyaa qofti  lakkaawwii baraa qabaachuun ishee biyyi keenya ogummaa kalaqa guddaa qabaachuufi qaroominaan gabbattuu ta’uu isheef ragaa quubsaadha. Bara durii irraa eegaluun Itoophiyaanonni urjii ilaaluun kan beekamanidha, kunis ogummaa astiroonoomii har’a hawaasni keenya dur iyyuu cimaa ta’uu isaati. Adda durummaan ammoo Itoophiyaan ji’oota 13 qabaachuun addunyaa irraa maqaa addaa qabdi.

Lakkaawwin baraa Itoophiyaanotaa kunis kan eegale jaarraa 3ffaa keessa, nama biyya Gibixii yookiin Misiritti dhalatee guddatee qulqulluu Demesxros jedhamuun, duuba debi’amee dhaloota Iyyasuus Kiristoos irraa eegaluun akka ta’e ni himama. Itoophiyaan akkamitti ji’a 13ffaan yookiin Qaammee isa jedhu qabaatte, eessaa dhufe? gaaffii jedhuufis, Maayikiroo sekoondiin, sekoondiitti dabalamee sekoondiinis daqiiqaatti guddachuun gara sa’atiifi guyyaatti geeddaramuun guyyaa 365 yookiin waggaa tokko yeroo ta’utti, idaa’amni daqiiqota kana dabalataan haftee ta’ee hafuun marsaa tokko shanin, ja’an akkasumas torba ta’uun qaammee jedhamee waamama jechuun ragaa shallaggii herregaa waliin, Kitaaba Andiroomeedaa jedhamu, Roodaas Taaddasaa (Dr) fi Geetinnat Fallaqaa (Dr) waliin barreeffame irratti katabameera. kunis dandeetti Itoophiyaanota caalaatti kan mullisuudha.

Lakkaawwiin bara Itoophiyaanota kun maal irratti hundaa’e? bu’uurri isaa maali?

“Inni jalqabaa dhaloota Iyyasuus Kiristoos irratti kan hundaa’edha, inni lammaffaa ammoo waqtiilee kan bu’uureeffate dha, innis wal jijjiirraa waqtiilee birraa, Arfaasaa, Bonaa fi Gannaati.Barootni yeroo geedaramanitti maqaalee moggaasan kan bara ifaa jedhaman afur kan qaban yoo ta’u isaanis Maatewoos, Maarqos, Luqaasiifi Yohaannis jedhamuun qoodamu. Barri ifaa kan qulqulluu Yohaannis yoo ta’e ammo ji’i qaammees guyyoota ja’a kan qabdu ta’uu Kitaaba kana keessatti barreeffameera.

Caalaatti dhaloota ammaa irraa kan eegamu, beekumsa abbootii keenyaa itti fufsiisuudha. Labatni ammaa kun adda durummaan qorannoo taasisuu qaba. Keessumatti beekumsa yabbuu hawaasa keenya keessa jiru abbootii irraa dhaaluun qorannoof dhiheessuun caalaatti beekamtiifi cimina guddina biyya keenyaaf hojjechuu qabnaan dhaamsa barruu keenyaati.

Oduu

AMECO Hirkoo