Xumuramuun Hidhni Haroomsaa Dandeetti Waloomaa Itoophiyaanootaa Irra Deebiin Adunyaaf Kan Mirkaneessedha

Dandeettiin waloomaa Itoophiyaanootaa yeroo jalqabaaf addunyaan kan argee injiifannoo Adwaa bara 1988 ture. Itoophiyaan biyyoota qaroominaafi addunyaatti dhibbaa umuun kan beekaman Afur keessaa tokkoo akka turte seenaan kaa’e jira. Kufinsa qaroominaa Aksum booda biyyattiin sadarkaa guddaa idil-addunyaa qabduurra mucicaatte boodatti haftootatti makamte. Jaarraa hedduuf hiyyummaafi waraana keessoofi aalaan raafamaa turteetti. Itoophiyaan olaantummaa qabdu gadhistee addunyaatti biyya dagatamte turte.

Bara 1988 weerara Xaaliyaanin irratti baname injifannoo Adwaatti argatte maqaashee addunyaatti deebise. Isaan dura biyyi guraacha biyya adii moo’e seenaan hin galmoofne ture. Kunis addunyaatti ajaa’ibummaa guddaa umeera. Dandeettiin tokkummaa Itoophiyaanootaa addunyaatti qaqqabe. Biyyootaafi ummata guraachootaa addunyaafis mallattoo bilisummaafi qaanqee qabsoo ta’uun tajaajileera. Injifannoo argame kana misoomaan irra deebi’uu dhabuudhaan Itoophiyaan,  waggoota hedduuf maraammartoo walitti bu’iinsaafi hiyyummaa keessa turteetti. Kana ilaalun Xaaliyaanis meeshaa waraanaa ammayyaawaan yeroo lammaffaaf waggaa 40 booda waraana bantee waggaa shaaniif Itoophiyaa keessa turteetti.

Injifannoo waraanaa Itoophiyaanootaafi boodatti hafummaan biyyattii, biyyoota biraaf iccitiidha. Biyyi ummata jabaa waloomaan waraana mo’uu danda’u akkamitti hiyummaa keessaa bahuu dadhabde? Jedhu gaaffii biyyootnii biroo yeroo hedduuf gaafatan qoofa osoo hin taane, Itoophiyaanootnis yeroo baay’eef marii xiqii taasisaa turanidha. Taateen seenaa kana jijjiru kan ummame bara 2003 jalqabbii ijaarsa hidha haroomsa guddichaani. Lagni Abbayyaa jaarraa hedduuf biyyoo, albudaafi bishaan biyyattiin qabdu baatee deemun biyyoota yaa’a gadiif dabarsaa tureera.

Itoophiyaanootni laga guddaa kanarratti hidha ijaaruuf yaadaafi carraaqqii qabaataniis osoo hin milkaa’iin turaniiru. Biyyattiin maraammartoo hiyyummaafi walitti bu’insa keessoorra waan turteef dandeettii hidha laga gudddaa Abbayyaarra kaa’uu hin dandeenye. Biyyootni yaa’a gadiifi guddina biyyattii hin barbaannees shiira adda addaa umaa turaniiru. Ijaarsi hidhni haaroomsaa bara 2003 jalqabamee, Adwaa booda Itoophiyaanoota yeroo jalqabaaf kan tokkummaafi miira cichoomina uumedha.

Ijaarsi isaa erga jalqabee Itoophiyaan rakkoolee walxaxaa hedduu keessaa darbitee hidha haaromsa guddichaa xumuruu dandeessetti. Kun dandeetti waloomaa Itoophiyaanootaa irra deebiin addunyaaf kan mirkaneesse dha. Roorroo jaarraa hedduuf laga Abbayyaarratti qabnu xumuramuu hidhiichaa waliin cufameera. Itoophiyaan seenaa haaraa galmmessitee jirti. Kun ciminni Itoophiyaanootaa yeroo waloon dhabbatan kan agarsiise dha. Dandeetti raawwachuu arganne kana itti fufsiisun Itoophiyaa maqaafi sadarkaa duraan qabdutti deebisuun imaanaa dhaloota kana ta’u qaba.

Oduu

AMECO Hirkoo