Akkuma hundinuu irratti waliif galu guddina roga hundaa biyya tokkoo fiduuf shorri barnoonni qabu maaliinuu hin madaalchiifamu. Biyyi sadarkaa barnoota ishee jutuu hin fooyyessiin sadarkaa qaroomaafi diinagdee ishee fooyyessites addunyaa kana irra hin jirtu. Biyyoonni baay’een fiixee qaroominaa irra gahuu kan isaan ittiin danda’an hawaasni isaanii aadaa barnootaaf qabu gabbisuutiinidha. Haata’u malee, Itoophiyaa keessatti barnoonni ammayyaa kennamuu jalqabuun isaa waggoota dheeraa lakkoofsisuu dhabuu isaatiin guutummaatti ta’uu baatus kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti ilaalchi hawaasni barnootaaf qabaachaa ture laafaadha. Kunis barbaachisummaa barnootaa hubachuu dhabuufi waliin gahiinsa barnootaa irratti hammi hojjetamu qabu hin hojjetamiin hafuu isaa irraa kan madde ta’uu isaatu himama.
Ta’us, haala qabatamaa mul’atuun yoo madaalamu xiyyeeffannoon guddaa damee barnootaaf kenname ilaalchicha waan jijjiiraa jiru fakkaata. Aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbiitti dhalatanii yeroo ammaa kana ammoo magaalaa Kamisee kan jiraatan aadde Faaxumaa Ahmad, naannawa dhalatanii guddatanitti baroota 20 dura ilaalchi hawaasni naannawichaa barnootaaf qabu garmalee gadaanaa ta’uu dubbataniiru. Aaddee Faaxumaan, ”inumaayyu yeroo sana ijoolleen shamarranii gara gaa’ilaatti akka galtuuf malee gara dirree barnoota ammayyaatti akka seentuuf qaamni jajjabeessuu hin turre” jedhaniiru. Ta’us gamasaaniin utuma dhiibbaan hawaasaa guddaan jiru ilaalchicha cabsanii ijoollee shamarraniif fakkeenya gaarii ta’uuf gara mana barnootaa seenuu isaanii yaadataniiru. Hubannoo hawaasichi barnootaaf qabuun walqabatee kan duraafi kan ammaa walbira qabanii yoo ibsan ”fardaafi lafadha” jechuun yeroo ammaa hubannoon hawaasichaa haalaan dabalee jiraachuu isaa eraniiru.
Itti gaafatamaan Qajeelcha Barnootaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Indiris Ahmad, barnoonni ammayyaa erga jalqabee oolee bubbuluu kaasanii, barnoonni jijjiirama amalaafi dandeettii dhala namaaf shoora olaanaa qabaachuu addeessaniiru. Akka itti gaafatamichi jedhanitti, barnoonni dandeettiifi yaad-qalbii hawaasa tokkoo jijjiiraa deemuuf humna guddaa qaba. Yeroo sanatti qaamni dhimmi ilaalu dhugaa kana hawaasichatti gad-bu’ee hubachiisuu hanqachuutiin banaa uumameen hawaasni bulchiinsichaa ilaalchi barnoota ammayyaaf qabu garmalee akka laafuu taasisee turuu yaadataniiru. ”Yeroo sanatti barnoonni kan ittiin barsiifamu afaan biroon waan ta’eef imaammanni barnootaa yeroo sanaa aadaa, eenyummaafi amantii irratti dhiibbaa guddaa akka uumuutti hubatamaa waan tureef guutummaatti ta’uu baatus hawaasichi barnoota ammayyaa irraa qoollifataa ture” jedhaniiru. ”Barnoota dhabuun caba guddaadha” kan jedhan ittigaafatamichi yeroo sana hawaasichi sababa barnoota irraa fagaateef faayidaa barnoota ammayyaa irraa argamu tokko dhabuu dubbataniiru.
Sababa hanqina barnootaan barmaatilee boodatti hafoo tokko tokko hafuu qaban ittifufsiisuun miidhaa gama kanaan walqabatee gahuun hubamaa turuu yaadataniiru. Akkasumas imala godaansa karaa seeraan alaatiin taasifamuun rakkoo walfakkaataa dhamdhamaa turuu kaasaniiru. Haata’u malee, barnoonni baratamu barnoota ammayyaa kan aadaa, amantiifi eenyummaa hawaasichaa hin faalle ta’uu irra deddeebiin hawaasicha hubachiisuun duraan kan ofirraa dhiibaa ture hubannoo kennameen adeemsa yeroo keessa jaallatee akka ofitti fudhatu taasisuun kan danda’ame akka ta’e dubbataniiru. Yeroo ammaa kutaalee bulchiinsichaa hunda keessatti barnoonni ammayyaa babal’atee hundee jabeeffatee jiraachuu itti gaafatamichi himaniiru. Akkasaan jedhanitti, sadarkaa bulchiinsichaatti waliigalaan manneen barnootaa 284 keessatti barnoonni ammayyaa haala gaarii ta’een kennamaa jira. Inumaayyu hawaasni bulchiinsichaa erga hiree afaan isaan barachuu gonfate ijoollee isaa gara mana barnootaatti erguun aadeffamaa dhufuusaa himaniiru. Kanaanis, dhalattoonni bulchiinsichaa mi’aa barnootaa bakkuma dhaloota isaaniitti dhamdhamuun jabatanii baratanii dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa bulchiinsicha keessatti argaman dabalatee sadarkaa biyyaalessaatti dameewwan ogummaa garagaraan tajaajilaa jiraachuu itti gaafatamichi dubbataniiru.
Ammas taanaan banaaleen gurguddoo hudhaaleen barnootaa ta’an ni jiru. Manneen barnootaa keenya baay’een isaanii sadarkaa isaanii kan eegan miti; istaandardii guutuu dhabuun manneen barnootaa akka hudhaatti kaasuu ni dandeenya. Baroota darbanitti barsiisonni kutaalee naannoo Oromiyaa garagaraa irraa dhufanii ogummaa barsiisummaan tajaajilaa turan. Haata’uu malee, yeroo ammaa lakkoofsi barsiisota garasii dhufanii tajaajilanii hammi baay’ina isaanii xiqqaachaa dhufuu himaniiru. Kunis bulchiinsichi qabeenya humna nama baratee baay’ee waan hin qabneef adeemsa keessa hir’achaa deemuutiin hanqinni barsiisotaa olaantummaan mudatee jiraachuu itti gaafatamichi himaniiru. Akkasaan jedhanitti, manneen barnootaa bulchiinsichaa garagaraa waliigalan barsiisota kuma tokko ol kan barbaadaniidha.
Hanqinni dhiheessaalee sirna barnoota haaraan wal simatan jiraachuus kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, hanqinni dhiheessa barnootaa qulqullina barnootaa irratti kallattiin dhiibbaa kan uumudha. Dammaqiinsa hawaasaatiin walqabatee barnoota maallaqaan wal madaalchisuu irraan kan madde ilaalchi barnootaaf qabamu ammallee bakki itti gadi bu’aa ta’e jira waan ta’eef jijjiirama ilaalcha fiduuf hojiin nurraa eegamu jira jedhaniiru. Rakkoolee kanneen qaama dhimmi ilaalu faana waltumsuun furaa kan deemamu ta’uu himaniiru. Itti gaafatamichi bara barnootaa 2018’f haal-dureewwan barbaachisoo amma danda’amaa ta’etti guutamanii jiraachuu kaasanii, galmee barattootaa faana kan walqabatu bu’uuruma naannoon karoora ka’umsaa gadi buuseen karooricha kan waliin taasifachuun karoorichi manneen barnootaa dhaqqabuu isaa kaasaniiru. Karoora galmee barattootaa milkeessuuf warraaqsi galmee barattootaa gubbaa hamma gadiitti taasifamuu eeraniiru.
Bara barnootaa 2018 ‘tiif barattoota kuma 185 ol galmeessuun barsiisuuf karoorfamuu kan himan ittigaafatamichi galmeen barattootaa karaa idilee ta’een Hagayya 19/2017 jalqabamuu dubbataniiru. Karooricha milkeessuuf bulchiinsicha keessatti barattoonni umriin isaan barnootaaf gahe gara mana barnootaa dhufanii akka galmaa’aniif hunduu tumsuu akka qabus obbo Indris hubachiisaniiru.


