Gumaacha Uummanni Milkaa’ina Marii Biyyaalessaatiif Qabu

Biyyootni addunyaa  hedduun rakkoo keessoo isaanitti mudate marii biyyaalessaa hirmaachisaafi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun  biyya isaanii diigumsa irraa baraarniiru. Kanaanis  Rakkoo isaanii mariiin hiikuun, fuula isaanii gara misoomaatti deebifachuun imala misoomaa cimsanii dinagdee isaanii bu’uura amansisaa irra dhaabaniiru.

Itoophiyaanis waldhabdeefi rakkoolee nageenyaa mudatan mariin hiikuuf komishinii marii biyyaalessaa hundeessuun erga gara hojiitti galte waggoottan sadii ol lakkoofsiste jirti. Waggoottan darban kana keessattis, hojiilee hedduu raawwachaa  turteetti, raawwachaa jirtis.  Mariin biyyaalessaa haala qabatama biyyattii irratti hundaa’uun, galmaafi kaayyoowwan garaagaraa milkeessuuf kan adeemsifamuudha. Mariin biyyaalessaa dhimmoota barootaaf madda waldhabdee ta’an furmaata akka argatan taasisuun tokkummaafi waliin jireenya uummattoota mirkaneessuuf gahe olaanaa qaba. Walitti bu’insaafi garaagarummaawwan yaada kutaalee hawaasaa  garaagaraa giduutti  uumaman,  mariifi waliigalteen akka furmaata argatan kan taasisuudha.

Garaagarummaawwan yaada hawaasa gidduutti uumaman kan birmadummaa biyyaaf sodaa ta’an hiikuuf murteessadha. Garaagarummaawwan jiran waaraan furuun waliigaltee biyyaalessaa uumuu,  uummata gidduuttis wal amantaan akka jiraatu taasisuu, sirna dimookiraasii cimsuufi aadaa rakkoolee uumaman waliigalteen hiikuu gabbifachuuf faayidaan marii biyyaalessaa olaanaadha. Kana malees marii biyyaalessaa adeemsisuun sirna siyaasaa ,dinagdeefi hawaasummaa qaroomaa ta’e diriirsuufi lammiilee gidduuttis  hariiroo hawaasummaa fooyya’aa ta’e akka jiraatu haala mijataa uumuuf akkasumas  waldhabdeelee waaraan  hiikuuf gumaachaa guddaa qaba.

Itoophiyaanis  seenaa ijaarsa biyyaalessaa waggoota hedduu kan qabdu taatus, qormaatawwan keessoo isheetti mudatan mariin hiikuu dhabuun tokkummaa biyyaalessaa cimsurra rakkoo nageenyaa hedduuf saaxilamaa turteetti. Biyyatti keessatti garaagarummaan yaadaafi walitti bu’insi babal’achaa deemuun lubbuu namaafi qabeenya irratti miidhaa  guddaa dhaqqabeera.

Rakkoolee kana hunda furuuf komishiniin marii biyyaalessaa erga hundeeffame kaasee,  kutaalee biyyattii adda addaa keessatti ajandaalee uummatni kaasu, marii biyyaalessaa keessatti   hammachisuun furmaata akka argatan gochuuf hojjechuu irratti argama. Kanaanis komishinichi naannoo Tigraayiin alatti bulchiinsa magaalootaafi naannoolee hunda keessatti hojii ajandaa walitti qabu xumureera.

Komishinichi  Naannoo Tigraayittis adeemsa marii biyyaalessaa eegalchiisuuf haalli mijataan uumamu, hoggantoonni Komishinii Marii Biyyaalessaa tibbana gara naannichaatti imaluun qaamolee garaagaraa waliin mari’achuu dubbii himaan Komishinichaa obbo Xibabuu Taaddasaan himaniiru.  Jiraattootnis qabsoon qawween taasifamu biyya diiga malee biyya waan hin misoomsineef rakkicha furuuf,   furmaatni isaa  taa’ani mari’achuudha jedhaniiru.

Obbo Indriis Ahmad jirtaa Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruuti. Mariin biyyaalessaa walitti bu’insi iddoo adda addaatti mula’atu kan furuudha jechuun ibsaniiru.  Qawween osoo hin taane yaadaan walfalmuun barbaachisaa waan ta’eef qaamolee hidhatanii socho’aniifi partiileen mormitootaa kan biyya keessaafi alaa marii biyyaalessaa irratti hirmaachuun tasgabbii biyyaaf gumaacha taasisuu qabu jechuun yaada isaanii kaasaniiru.

Jiraataan Magaalaa Kamisee inni biroo Sheeh Yeesuuf Imaam, mari’achuun  nageenya, misoomaa, tokkummaafi waliin jireenya fida waan ta’eef qaamni dhimmi biyyattii nagalcha jedhu yeroo hafe kanaatti,  mariin  biyyaalessaa akka milkaa’uu tattaaffii taasisuu qaba jedhaniiru. “Rakkoon qawweedhaan hiikamu kan hin jirre waan ta’eef qaamni hunduu qalbii godhate biyya tokko waliin qabnu kana akka tasgabooftu taasisuuf hojjechuu qaba” jedhaniiru.  Mariin biyyaalessaa akka milkaa’uuf uummatni gama hundaan hojjechuu, gargaaruufi gama hundaan hojii isaarraa eegamuuf qophaa’aa ta’uu akka qabus ibsaniiru.

Uummatni yeroo hafe kanatti fayyadamuun iftoominaan sodaa tokko malee mari’achuun rakkoon isaa akka fala argatu kutannoon hojjechuu qaba jedhaniiru. Abbootiin ijoollee isaanii gorsuun,  kanneen daandii hin taane irra deeman gara daandii qajeelaatti akka deebi’an gochuunifi bu’aa marii hubachiisuun  marichi akka milkaa’u hojjechuu akka qaban hubachisaniiru. Haawasni kakaafamu qaba, carraa  argate kana akka fayyadamu hubannoon kennamuufi qaba, dhiibbaa maaliif maricharratti hirmaattu kan jedhu ofirra  qolachuun, marii bu’aa qabeessa taasisuun rakkoo isaa hiikkachuu qaba jechuun ibsaniiru.

Komishinii marii biyyaalessaa Itoophiyaatti qindeessaan qabinsa koomi obbo Bizuunah Asaffaa,  komishiniichi mariin biyyaalessaa akka milkaa’uuf hojiilee gurguddoo hojjechaa jiraachuu himaniiru. Komishiniichi naannoo Tigaraayin alatti naannoolee biyyatti hunda keessatti bakka bu’oota hawaasaa yookiin lammiilee Itoophiyaa bakka bu’anii mari’atan addaan baasuun, ajandaa uummata bakka bu’anii sana marii biyyaalessaaf akka qabsiisan taasifamuu himaniiru. Kanaanis  komishiniichi bulchiinsa magaaloota dabalatee naannoolee hundatti  ajandaa walitti qabe xumuruu himani, kunis milkaa’ina guddaa ta’u kaasaniiru. Kanaan alattis yeroo ammaa karaa zuumiidhaan dhalattootni Itoophiyaa biyya alaatti jiraatan,  ajandaa qaban akka kennan taasisuuf haalli mijataan uumamuufi isaaniis ajandaa isaanii kennaa jiraachuu eraniiru.

Naannoo Tigraayittis marii taasisuudhaaf komishiniichi sosochii taasisaa jiraachuu mirkaneessaniiru.  ‘’Itoophiyaan seerootaafi heera hanga ammaa qabduu fayyadamtee rakkoo ishee hiikuu hin dandeenye’’ kan jedhan obbo Bizuunah,  kanaafis rakkoo biyya kanaa bu’uura irraa hiikuuf mariin biyyaalessaa  kan barbaarchise ta’u himaniiru. Mariin biyyaalessaa dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaa ta’an irratti waliigaltee  biyyaalessaa uumuun sirna haaraa ijaaruuf kan gargaarudhaas jedhaniiru.

Mariin booda Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif yaada lammiileen Itoophiyaa kennan irratti walii galame irra ka’anii adeemsa siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi sirna haaraa ijaaruuf kan dandeessisuudha jechuun himaniiru. “Cabinsa siyaasaa biyya kanaa mudate hanga ammaa sababa garaagaraan irratti waliigaluun dadhabne ittin wal miidhaa jirru kanaas bu’uuraarra  sirreessuun ilaalcha haaraafi hariiroo cimaa uummattoota gidduutti akka uumamu kan taasisuudha” jechuun hubachisaniiru.

Yeroo itti aanuttis Komishiniin marii biyyaalessaa,  ajandaa lammiilee biyyattii,  qaamolee garaagaraafi diyaaspooraarra walitti qabe,  kan irratti waliigalamu dadhabe, kan biyyaaf dhiyyaachuu qabu, addaan baase ajandaa qaama kamiyyuu osoo hin dhiisin  mariidhaaf ta’a jedhe kan itti amane ifa taasisuuf yeroo itti hojjechaa jirudha jedhaniiru. Kanaafis uummatni marichi akka milkaa’uu gahee isarraa egamu bahachuu akka qabu wamichaa dhiheessaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo