Itoophiyaan biyya Afrikaa keessaa dinagdee guddachaa jirtudha. Kanaaf immoo, dhaloonni biyya keessaa gahee murteessaa qabu. Dhaloonni har’aa kan barnoota, teeknoolojiifi qabeenya aadaa waliin qabu, Itoophiyaan akka Afrikaatti dinagdee dorgomaa taate ijaaruuf gumaacha guddaa taasisuu qaba. Itoophiyaan diinagdee cimaafi dorgomaa ta’uu kan dandeessu yoo humni dargaggootaa barnoota, ogummaa, kalaqaafi hojii ofiin uumuu irratti bobbaate qofadha.
Akka ragaan Baankii Addunyaarraa argamee mul’isutti, guddinni diinagdee Itoophiyaa bara 2023tti dhiibbantaa 6.6–7.17 ture, bara 2024tti dhiibbantaa 7.3–7.6, bara 2025/26’ttimmoo dhibbantaa 8.9–10.2 ta’uu ni addeessa. Kunis dinagdeen biyya keenyaa saffisaan guddachaa akka jirtu kan agarsiisudha.
Biyyoota saffisaan guddatan hedduu keessatti humni guddaan dargaggootadha. Itoophiyaanis dargaggoota baay’ee qabdi. Kun immoo sirnaan fayyadamnaan carraa guddaa argamsiisa. Keessumattuu gama barnootaatiin, qonna ammayyeessuun, carraa hojii uumudhaan, diijitaalaafi teeknooloojii fayyadamuun, seera kabajuufi nageenya eeguun, garaagarummaa siyaasaa cinaatti dhiisun tokkummaa cimsuun diinagdee biyyattii guddisuu keessatti dhaloonni ammaa, keessattuu dargaggoonni, gahee olaanaa qabu.
Jiraataan aanaa Dawwee Harawaa ganda Booraa, Mahaammad Awwal, qabsoo hidhannoorra turuun yeroo ammaa karaa nagaa namoota galan keessaa tokkodha. Dargaggoon kun akka jedhetti, yeroo ammaa kan nurraa eegamu lolaafi wal waraansa osoo hin taane dhimma misoomaafi guddina diinagdee dhuunfaa keenyaafi biyya keenyaa irratti xiyyeeffaachuu qabna jedhaniiru. Yeroo ammaa haalli sosochii diinagdee biyyaa haala gaariirra akka jiru eeruun, dhaloonni ammaa diinagdee biyyaa kanumarra akka guddatuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban gorsaniiru.
Kana dura dogongora siyaasaa qabatanii turaaniin gara qabsoo hidhannootti seenee akka ture kan eeru dargaggoon kun, ilaalcha dogongoraa isaa irraa baratee gara misoomatti deebi’uu isaa kaaseera. Dargaggoonni ilaalcha siyaasaa dogongoraan qabsoo hidhannoorra jiran uummata isaanii dararuufi bu’uuraalee misoomaa barbadeessuu dhiisun gara misoomatti deebi’uu akka qaban dhaamaniiru.
Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa ganda Sigee, Mahaammad Amaan, “yeroon ammaa yeroo misoomati malee yeroo walii keenyatti walirratti dhukaasnu miti” jedhaniiru. “Misoomni diinagdee biyyaa hangam guddisuu akka danda’uufi biyyi keenya hangam diinagdeen guddachaa akka jirtu hubannee karaa nagaan galuu filanne” jedhaniiru. Kanaaf, dhaloonni ammaa beekumsa, ogummaa, hojii cimaafi kalaqa fayyadamuun misooma biyyaafi oomisha irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Itti dabaluunis, diinagdee biyyaa guddisu keessatti gaheen dargaggootaa guddaa waan ta’eef dargaggoonni humnaafi dandeettii qaban hundaan diinagdee biyyaa guddisuu irratti hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Hayyuun diinagdee, Darajjee Dajanee gorsaa dhimma diinagdeefi invastimantii Afrikaati. Hayyuun kun kanaan dura biyyoota Afrikaa garagaraafi Gaanfa Afrikaatti dhimmoota diinagdee irratti bakka bu’uun hojjetaa turaniiru. Diinagdee Itoophiyaa kan baroota darbaniin wal bira qabnee yeroo ilaallu, diinagdeen ishee yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan jirtuufi guddina saffisaa agarsiisaa jirti jedhaniiru.
’’Itoophiyaan kanaan dura liqaa biyyoota biroo irraa argattu keessaa dhibbantaa 52 ol oomishaalee biyyoota alaa irraa galan bituuf oolchiti’’ kan jedhan hayyuun kun, yeroo ammaa Itoophiyaan nyaataan of dandeessee gara biyyoota alaatti kan ergaa jirtu ta’uu eeraniiru. Guddina diinagdeen Itoophiyaa irra jirtu guddina damdaneessadha jedhaniiru. Kana jechuunis gama damee qonnaan, invaastimantiin, industiriin, turizimiifi diinagdee diijitaalaan haala madaalawaa ta’een guddina saffisaarra jiraachuu ibsaniiru.
Biyyoota addunyaa irratti saffisa olaanaan guddachaa jiran kudhan keessaa Itoophiyaan tokko kan jedhan Darajjeen, akka Afrikaatti Afrikaa Kibbaatti aantee sadarkaa lammaffaa irratti argamuu eeraniiru. Keessumattuu gama hojii misooma turizimiin hojiileen hojjetamaa jiran agarsiiftuu guddaadha jedhaniiru. Guddina biyya tokkoof humna namaa, qabeenya uumamaa, maallaqa, bu’uuraalee misoomaafi hojiirra oolmaan seeraa murteessaa ta’uu gorsaniiru.
Kanaanis biyyi keenya yeroo ammaa sadarkaa gaariirra akka argamtu kan eeran hayyuun kun, kuni hundi wal tumsee guddina biyya keenyaa ariifachiisuu danda’a jedhaniiru. Kanaaf barnootaan ogummaa cimsuun, qonnaan, daldaalaafi teeknoolojii babal’isuun akkasumas siyaasaafi bulchiinsa gaarii keessatti hirmaachuun diinagdee biyyaa guddisuun gahee dhaloota ammaati jedhaniiru. Dhaloonni gahee isaanii sirriitti yoo bahatan, Itoophiyaa Afrikaa keessatti biyyoota dinagdeen dorgoman taasisuun akka danda’amu ibsaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


