Daa’imman Duudhaafi Safuu Gaariitiin Guddatan Ijaarsa Biyyaa Boriitiif Wabiidha‎

‎Daa’imman yeroo ijoollummaa isaanii keessatti waan baratan jireenya isaanii guutuu irratti dhiibbaa guddaa qaba. Yeroon kun yeroo sammuufi amala ijaaruu waan ta’eef, wanti isaan baratan bu’uura jireenya isaanii ta’a. Kanaafuu, manneen barumsaa oolmaa daa’immanii bakka ijoolleen jalqaba duudhaa, safuufi aadaa hawaasaa itti baratan ta’uun gahee olaanaa qabu.

Kana galmaan ga’uuf bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti, manneen barumsaa oolmaa daa’immanii, daa’imman amala gaarii akka horatan xiyyeeffannoo guddaa kennanii hojjechaa jiru. Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti manneen barumsaa oolmaa daa’immanii mootummaa lamaafi kan dhuunfaa jahatu jiru. Manneen barnootaa kanneen keessatti daa’imman barnoota jalqabaa qofa osoo hin taane, duudhaafi amala gaarii akka baratan gochuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiru.

Barattoonni manneen barumsaa kunneen keessatti, wal kabajuu, waliin jiraachuu, gorsa fudhachuu, nama gurguddaa kabajuu, haqa ofiifi kan biroo eeguu akka baratan taasifamaa jira.

‎Barsiistuu Ababaa Lammaa, mana barumsaa Oolmaa Daa’immanii Waldaa Guutuu Wangeelaa Kamiseeti. Barsiisonni manneen barumsaa oolmaa daa’immanii, daa’imman akka amala gaarii horatan taasisuuf mala barnootaa haala isaanii waliin walsimu fayyadamaa jiru jedhaniiru. Fakkeenyaaf, tapha, sirba, sheekkoofi fakkeenyota adda addaa fayyadamuun duudhaa barsiisuu jiraachuu dubbataniiru. Dabalataanis, manneen barumsaa kunneen maatii waliin qindoominaan hojjechuun daa’imman mana keessattiis waan gaarii akka itti fufan taasisuuf ‘’yaalii cimaa taasisaa jirra’’ jedhaniiru.

Kunis daa’imman bakka tokko qofatti osoo hin taane, jireenya isaanii guutuu keessatti amala gaarii akka qabaataniif kan gargaaruu ta’uu ibsaniiru. Hojii kana keessatti mootummaafi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa waloon qooda fudhachuun tajaajila oolmaa daa’immanii babal’isuu akka qabanis gaafataniiru.

‎Obbo Olaanaa Gammachuu, Maatii daa’ima isaanii mana barumsaa Oolmaa Daa’immanii Waldaa Guutuu Wangeelatti barsiifataa jiranidha. Manni barumsaa oolmaa daa’immanii barattoota safuun guddisuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Daa’imman mana barnootaa keessatti qofa osoo hin taane, manatti safuufii duudhaa barsiisun murteessaa ta’uu eeraniiru. ‘’Daa’imman waan itti himamu caalaa waan argan irraa baratu’’ kan jedhan obbo Olaanaan, yoo maatiin waliif kabaja qabaatan; dhugaa dubbatan, obsaafi jaalala agarsiisan daa’imnis kanuma barachaa guddatu jedhaniiru. “anis mucaakoo aadaafi duudhaa barachaa akka guddatuuf manattillee sirnaan qayyabachiisaan jira” jedhaniiru. Yeroo isaanii haala kamiin akka dabarsanis sirriitti hordofaa jirachuus eeraniiru. Kuni mmoo ijoollee amala badaa irraa akka eegu danda’u gorsaniiru. Kana malees hojii manaa ijoollota isaanii ilaalun barsiisota waliin mari’achuun sirnaan barnoota isaanitti akka cimaniif hojjechaa jirra jedhaniiru.

‎Waajjira Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti Ogeessa Turizimii Obbo Eliyaas Damee, manneen barnootaa oolmaa daa’immaniif akka bulchiinsa magaalichaatti jiran daa’imman aadaa, duudhaafi safuu isaanii beekanii akka guddataniif hojii deeggarsaa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Daa’imman manneen barnootaa keessatti aadaa shubbisaa, walaloo garagaraa qopheessuufi wantoota aadaan wal qabatan akka dhiheessaniif akka wajjira isaanitti haala mijeessaafi jiraachuu himaniiru. Keessumaa yeroo ayyaanota garagaraatti uffata aadaa akka uffatan, eenyummaa isaanii akka beekanii guddataniif gama waajjirichaan jajjabeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Barsiisota Manneen barnootaa kanneenif, kanaan dura leenjii garagaraa kennaafii turuu kaasun, bara kana garuu hanqinni jiraachuu eeraniiru. Meeshaaleen muuziqaa duraan manneen barnoota kana keessa turuu kan kaasan obbo Eliyaas, wayita lola kaabatti jalaa manca’uu dubbataniiru. Yeroo ammas meeshaalee muuziqaa kanneen manneen barnootaa keessatti hojiirra akka oolaniif walitti qabachaa jiraachuu ibsaniiru.‎

‎Obbo Malkaamuu Haata’uu itti aanaa itti gaafatamaa waajjira barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Kamiseeti. Manni barumsaa oolmaa daa’immanii ijaarsa eenyummaafi amala gaarii daa’immanii keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Daa’imman yeroo umuriin isaanii xiqqaa ta’e kanatti, wantoota argan, dhaga’aniifi shaakalan saffisaan barachuu waan danda’aniif gama aadaa, duudhaafi safuu hawaasaa sirnaan barsiisuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Manni barumsaa oolmaa daa’immanii, daa’imman akka wal kabajaniifi naamusa gaarii qabaatanii akka guddataniif kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Manneen barnootaa oolmaa daa’immanii keessattis karaa taphoota aadaa, sirbootaafi sheekkootiin daa’imman aadaa, akkasumas agarsiisa gara garaatiin barnoota isaanii gammachuun akka fudhatan ni taasisa jedhaniiru. Daa’imman har’a naamusa gaariitiin guddatan boriif wabii nageenya biyyaa ta’uu akka danda’an obbo Malkaamuun eeraniiru. Kun hundi isaanii aadaa isaanii akka jaallatan, akka ittiin boonaniifi dhaloota itti aanuuf akka dabarsan bu’uura cimaa kaa’a jedhaniiru.

‎Manneen barnootaa keessatti meeshaalee aadaa akka uffata aadaa, meeshaalee muuziqaafi kitaabota aadaa garagaraa ibsan galchuun daa’imman akka ilaalaa barataniif haala mijeessaa jirra jedhaniiru. Barsiisotaaf leenjii yeroo gara yerootti kennuun akkamitti daa’imman aadaafi safuu barsiisuu akka danda’aniif hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Kana malees dorgommiifi agarsiisota aadaa qopheessuun ijoolleen akka of ibsan, akka ofitti amanamummaa horataniifi aadaa isaanii akka kabajan jajjabeessaa jirra jedhaniiru. Obbo Malkaamuun ‘’ijaarsi daa’immanii hojii waloo waan ta’eef, hunda keenyarraa hirmaannaa cimaa barbaada” jedhaniiru.

Moosisaa Fufaatiin

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo