Waldhabdee Cufamuu Hormuuz Waligalteen Baname

Yunaayitid Kiingidam ministeera dhimma alaa biyyoota 40 walitti qabuun daandiin doonii murteessaa sababa waraana Ameerikaafi Israa’el Iraan waliin taasisaniin cufame hulaa Hormuuz deebisee banuuf filannoowwan hulicha bansiisuu danda’an irratti mari’ataniiru. Ministirri Dhimma Alaa UK Yivette Kooppar walgahii verchuwaalii taasisaniin, Iraan daandii bishaanii cufuu irratti “of eeggannoo gochuu dhabuun” nageenya dinagdee addunyaa keenyaa kan miidhudha jedhaniiru. Ministirri Dhimma Alaa UK Yivette Koopper Iraan dinagdee addunyaa qabachuuf daandii bishaanii cufteetti jechuun himataniiru.

Koopper Iraan dinagdee addunyaa qabachuuf daandii doonii addunyaa ugguruu ishee argineerra kan jedhan walgahii balbala cufachuun taa’ame irratti ta’uu, miidiyaaleen garaagaraa tamsaasaniiru. Haleellaan haaloo bahuu Iraan dooniiwwan daldalaa irratti raawwatteefi balaan dooniiwwan biroo irra ga’uu danda’u yaa’insa tiraafikaa hunda dhaabeera jechuun ni danda’ama. Daandii Galoo Galaana addunyaa waliin wal qunnamsiisu kana dhaabuun, daandii murteessaa dhangala’aa boba’aa addunyaa cufuun gatiin boba’aa akka ol ka’u taasiseera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi daandii bishaanii eeguun hojii biyya isaanii akka hin taane erga dubbatanii booda Ameerikaan biyyoota walga’ii kana irratti hirmaatan keessaa tokko miti. Tiraampi michoonni Ameerikaa Awurooppaa waraana kana deggaruu dhabuu isaaniin walqabatee tuffii qaban ibsuun, Ameerikaa NATO keessaa baasuuf doorsisa isaanii haaromsaniiru.

Biyyoonni walgahii geggeeffame irratti hirmaatan, Ingilizii, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Kaanaadaa, Jaappaaniifi Yunaayitid Arab Imireeti dabalatee, yaalii Iraan daandii bishaanii kana cufuuf gootu dhaabuu akka qabduufi “tattaaffii karaa hulaa bishaanii nageenyisaa eegame mirkaneessuuf taasifamuuf akka gumachitu” waadaa galaniiru. Walgahiin kun akka tarkaanfii jalqabaatti kan ilaalamu yoo ta’u, itti aansuunis dhimmoota walgahii ”sadarkaa hojii aanga’ootaa” ibsuuf ni hordofu.

Roga gaarii ta’ee yoo ilaalamu kun tumsa bal’aadha. Kan warra dhihaafi NATO qofa miti. Biyyoota akka UK, Faransaay, biyyoota Iskaandinaaviyaa, biyyoota Baaltik kan hammate yoo ta’u, Baahireen illee ni hammata. Yunaayitid Arab Imireetis ni dabalata. Paanaamaa, Naayijeeriyaas ni dabalata,” jechuun Gaazexaan Al Jazeera ‘Rory Challands London’ irraa gabaaseera. Biyyi kamiyyu osoo waldhabdee kana loltuu humnaan Galoo Galaanaa banuuf fedhii kan qabdu hin fakkaatu. Iraan dooniiwwan misaa’ela farra doonii, diroonii, meeshaalee haleellaafi albuuda irratti xiyyeeffachuu dandeessi.  Akka ‘Chaallands’ jedhutti, Ministirri Muummee Ingilizii waa’ee furmaata waraanaa ala ta’anirratti baay’ee ifa ta’uu dubbataniiru.

Keer Istarmeer waraana kana keessa seenuuf fedhii hin qaban. Biyyoonni walitti dhufan harki guddaan waraana kana keessa seenuuf fedhii hin qaban jedhaniiru. Walgahii kana booda ‘Chaallands’ akka jedhanitti, karoorfattoonni waraanaa Ingilizii Ministeera Ittisaa irraa torban dhufu “taphattoota har’a asitti walitti dhufan baay’ee waliin” wal arguun waraanni erga xumuramee booda nageenya doonii akkamitti akka mirkaneessan irratti ni mari’atu jedhamee eegama.

 

 

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon haasaa taasisaniin hojiin waraanaa Galoo Galaanaa banuuf geggeeffamu hin danda’amu; kun dhugaa irraa waan fagaateef filannoo nuti deggarre gonkumaa hin turre jedhaniiru.  Erga haleellaan waloo Ameerikaafi Israa’el  Gurraandhala 28 Iraan irratti raawwatan waraana kana kakaasee as haleellaan kallattiin doonii daldalaa Galoo Galaanaa irratti raawwatame 23 yoo ta’u, miseensota hojjettoota doonii 11 ajjeesuu dhaabbati daataa doonii ‘Lloyd’s List Intelligence’ ibseera. Iraan dooniiwwan ”diinummaa hin qabne” Strait of Hormuz keessa darbuu akka danda’aniifi karaan bishaanii kun dooniiwwan biyyoota diinummaa qabaniifi michoota isaanii qofaatti akka cufamu dubbatteetti.

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo