Itoophiyaan Yeroo Jalqabaaf Taphoota Ispoortii Aadaa Afrikaa Qopheessuuf Filatamte

Federeeshiniin Ispoortiiwwan Aadaa Itoophiyaa gaaffiin yeroo dhihoo keessatti dhiheesse miseensummaa Konfedereeshinii Ispoortiiwwan Aadaafi Taphoota Afrikaa biratti fudhatama argachuun ni yaadatama. Federeeshiniin Ispoortiiwwan Aadaa Itoophiyaaf Konfedereeshiniin Ispoortiiwwan Aadaafi Taphoota Afrikaa waliigaltee waliin hojjechuuf dandeessisu mallatteessaniiru.

Akka waliigaltichaatti, Itoophiyaan bara 2026 keessa festivaala jalqabaa Ispoortiiwwan Aadaafi Taphoota Afrikaa magaalaa Addis Ababaatti ni qopheessiti. Festivaalichi hirmaattonni Afrikaa aadaa isaaniifi ispoortiiwwan aadaa isaanii akka wal beeksisaniif carraa kan uumuufidha. Sirna waliigaltichaa irratti, Ministir Deetaa Aadaafi Ispoortii Makiyyuu Mohaammad haasaaa taasisaniin, festivaalli kun yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa keessatti geggeeffamuun isaa biyyattiin dorgommiiwwan ispoortii addunyaa baay’ee akka keessummeessituuf carraa gaarii dabalataa kan uumuuf ta’uu dubbataniiru. Ministir Deetaan kun,  dorgommiin kun walitti dhufeenya Afrikaa cimsuuf waan gargaaruuf sirnaan itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Itti aantuu Pireezidaantii Konfedereeshinii Ispoortiiwwan Aadaafi Taphoota Afrikaa akkasumas Pireezidaantii Federeeshinii Ispoortii Aadaa Itoophiyaa, Hiywoot Mohaammad, Itoophiyaan festivaalicha akka geggeessituuf murtaa’uun boqonnaa haaraa ispoortiiwwan aadaa Itoophiyaaf ta’uu himaniiru. Akkasumas taphoota aadaa biyyattii addunyaatti agarsiisuufi beeksisuuf carraa gaarii kan uumu ta’uusaa hubachiisaniiru.

Pirezidaantiin Konfedereeshinii Ispoortiiwwan Aadaafi Taphoota Afrikaa Kiikamatwaa Piiteer (Dr) Itoophiyaan biyya aadaa hedduu qabdu ta’uun ishee carraa keessummeessummaa akka argattu taasiseera jedhaniiru. Festivaalicha fayyadamuun tokkummaafi waliigaltee Afrikaa cimsuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru. Akka waliigaltichaatti, dhaabbileen lamaan deggarsa teeknikaa, itti fayyadama miidiyaa, seerota taphoota aadaafi leenjii qopheessuu irratti walitti dhiheenyaan ni hojjetu jedhameera.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo