Dubartoonni jaha badhaasa naannoo addunyaa Goldman bara 2026 injifataniiru. Gareen mo’attoota dubartoota hundaaf ta’an jalqabaa Kolombiyaa, Naayijeeriyaa, Paapuwa Niwu Giinii, Kooriyaa Kibbaa, UK fi US irraa kan dhufanidha. Badhaasni naannoo beekamaan kun ‘Golden Man’ bara kana jijjiirama qilleensaa qolachuuf lubbuu hedduu baraaruuf falmitoonni naannoo jaha addunyaa garagaraa irraa walitti baba’an carraaqqii taasisaniin badhaafamaniiru.
Erga bara 1989 namoota tola ooltotaa Riichaard fi Roodaatiin Gooldmaan uumamee booda yeroo jalqabaaf badhaasa kana kan fudhatan hundi dubartootadha. Iroroo Tanshii Naayijeeriyaa irraa, Boorim Kiim Kooriyaa Kibbaa irraa, Saaraa Fiinch Yunaayitid Kingidam irraa, Teehonila Rooka Matboob Paapuwa Niwu Giinii irraa, Alannah Acaq Hurley Ameerikaa irraa, Yuuvelis Moorales Bilankoo Kolombiyaa irraa kan argatanidha. Yeroo tokko tokko “Noobeelii Magariisaa” jedhamee kan ibsamu badhaasa Goldman kan injifatan naannolee addunyaa ja’a keessaa gama jijjiirama faalama qilleensaa qolachuun kanneen hanga sadarkaa jahaatti jiran ni filatamu.
Badhaasa kana kan injifataniif tokkoo tokkoo saaniif maallaqa badhaasa doolaara kuma 200 kennameeraaf. Itti aanaan pirezidaantii Faawundeeshinii Naannoo Goldman Joon Gooldmaan “naannoo eeguufi imaammata haala qilleensaa lubbuu baraaruu hojiirra oolchuuf olka’insa qabsoo itti fufnee osoo jirruu US fi addunyaa irratti hoggantoonni dhugaa naannoo keenya hundatti argamuu akka danda’an ifaadha” jedhaniiru. Kanaafis, injifattoonni badhaasa bara 2026 ija jabina, hojii cimaafi abdiin guddina hiika qabu uumuuf karaa dheeraa akka deeman ragaa gaarii ta’uu eeraniiru.
Moorales Bilaankooti hawaasa Kolombiyaa keessatti maatii qurxummii kiyyeessan irraa dhalatte. Dargaggeettiin waggaa 24 bara 2018 ‘tti boba’aan guddaan naannawa sanatti dhangala’uun maatiin naannoo sanaa kudhanootaan lakkaa’aman buqqaatiif saaxilamuufi bineeldota kumaatamaan lakkaa’aman ammoo ajjeessuu sababeeffattee mormii eegalte. Naannoo Ameerikaa Kibbaafi Giddugaleessaa irraa dhaabbilee boba’aa gurguddoo addunyaa tokko tokko waliin mormuun boba’aan daldalaa gara Kolombiyaatti akka hin seenne milkaa’inaan dhaabuu danda’uu isheen kan milkooftedha.
Isheen alatti kanneen hafan shanan keessaa lama boba’aa fosiilii kanneen sababa jijjiirama qilleensa naannoo faalan ta’an ittisuu irratti xiyyeeffataniiru. Injifataan Eeshiyaa Boorim, kan dhaabbata ‘Youth 4 Climate Action’ jedhamu hundeesse murtii Mana Murtii Heera Mootummaa Kooriyaa Kibbaa irraa imaammanni haala qilleensaa mootummaan mirga heera mootummaa dhaloota egeree sarba jedhu injifachuun falmii haala qilleensaa dargaggootaan durfamu ardii kana irratti milkooftuu jalqabaa taateetti.
Awurooppaa irra kan injifatte Finch gaazexaa ‘The Times’tti maallaqa badhaasa argatte boba’aa fosiilii qolachuuf itti fufuuf akka jirtu himteetti. Aanga’oonni boba’aa fosiilii baasuuf hayyama kennuu isaanii duratti boba’aan fosiilii qilleensa addunyaa irratti dhiibbaa geessisu akka danda’u ilaaluu akka qaban ibsiteetti. Injifattoonni biroo laman hafan ammoo dhiibbaa naannoo pirojektoonni albuudaa balleessan irratti qabsaa’aniiru. Akkasumas badhaasa Ameerikaa Kaabaa kan fudhatte Acaq Hurley, saba Yupiik US irraa pirojektii albuuda sibiila diimaafi warqee guddaa kan sirna ikoo naannoo Alaska’s Bristol Bay balaadhaaf saaxilu dhaabuuf gosoota 15 waliin milkaa’inaan qabsaa’uusaheen kan argattedha. Gama biraatiin ammoo lammiin Naayijeeriyaa Taanshi kan Afrikaa injifatte, yoo taatu, balaa ibidda bosona baraaruuf hojjechaa turteetti.
Guddinaa Asaffaatiin


