Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti talaalliin waggaatti du’a daa’immanii miliyoona lamaa hanga sadii kan hambisudha. Talaallii talaalchisuun dhaloota dhufu dhukkuba daddarboo irraa eeguun barbaachisaadha. Talaallii fudhachuun dhukkuboota ammaafi gara fuulduraatti daddarbuu danda’an dhabamsiisuuf gargaara.
Aadde Miskuu Huseen aanaa Dawwee Harawaa ganda Ajoo kan jiraatan yoo ta’an, talaalliin daa’immanii idileefi duulaan ogeessota fayyaan yeroo kennamutti daa’imman isaanii talaalchisaa turuufi jiraachuu dubbataniiru. Ji’uma darbe keessallee ‘’talaallii bifa duulaan kennameen daa’ima koo talaalchiseera’’ jedhaniiru. Duraan isaan dabalatee hubannoo hawaasni gandichaa talaalliin walqabatee qabu laafaa ta’uu eeranii, hubannoo talaallii ilaalchisee argataniin ammarratti ilaalchi hawaasni gandichaa talaalliif qabu fooyya’uu himaniiru.
Aanichumatti ganda Kaariphootti kan jiraatan aadde Hawwaa Mahaammad, ijoollee torba qabaachuu eeraniiru. Akka isaan jedhanitti, ioolleen isaanii yeroo daa’imman turanitti talaallii barbaachisaa hundayyu akka argatan taasisaniiru. Yeroo ammaa daa’ima waggaa tokkoo qabaachuu kaasanii, bara kana ji’a Bitootessaa keessa daa’imni isaanii talaallii ittisa dhukkuba Pooliyoo bifa duulaan kenname argachuu dubbataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa aanaa Dawwee Harawaa Abduu Sa’id, talaalliin dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu cimsuuf kennama jedhaniiru. Talaalliin dhalootaa kaasee kennamu daa’imman fayyaa ta’anii akka guddataniifi egeree isaanii akka argan taasisuu keessatti gahee murteessaa qabaachuu himaniiru. Akka isaan jedhanitti, talaalliin bu’uuraa fayyaa hawaasaa ta’uun lubbuu namoota lakkoofsaan baay’ee ta’an kan baraaredha. Talaalliin yeroo kennamutti sirni ittisa qaamaa, farra ittisa qaamaa kakaasuun seeliifi mala ittisaa biroo akka maddisiisan kan taasisudha jedhaniiru. Kunis qaamni namaa dhukkuboota daddarbootiin utuu hin miidhamiin dursee sirna ittisa qaamaa (madiinummaa) guddisuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Haaluma kanaan daa’immaniifi namoota madiinummaan qaama isaanii laafaa ta’e dhukkubarraa baraaruuf kan gumaachu ta’uu dubbataniiru.
Itti gaafatamichi sadarkaa aanichaatti talaallii ittisa Pooliyootiin fayyaa daa’imman eegisisuufi dhaloota dhufu dhukkubarraa bilisa taasisuuf hojjetamaa turuufi jiraachuu himaniiru. Hawaasni aanichaa hubannoon talaalliif qabu akka guddatuuf ogeessota fayyaa aanichaan barnoonni hubannoo qabsiisuu kennamaa turuu yaadataniiru. Bara kana daa’imman waggaa tokkoo gadii Kuma 1 fi 800 ta’aniif talaallii kennuuf karoorsanii, daa’imman kuma 1 fi 964’f talaallii akka argatan taasisuun karooraa ol raawwachuu eeraniiru.
Akkasumas, aanichatti walga’insa talaallii mirkaneessuuf bifa duulaan daa’imman waggaa shanii gadii kuma sagal ol ta’aniif talaallii kennuuf karoorsanii daa’imman kuma 13 ol talaallii argachuu danda’uu hubachiisaniiru. ‘’Karoorri talaalliin walqabatee qabame karooraa ol waan hojjetameef dhibbentaa 120 ol mikaa’eera’’ jedhaniiru. Lakkoofsi namoota talaallii fudhatanii dabalaa deemuun carraan dhukkuba tokkoon qabamuu ni hir’ata kan jedhan itti gaafatamichi, namoonni jireenya fayya qabeessa akka jiraataniif fayyaa waliigalaaf gumaacha guddaa kan taasisu ta’uu addeessaniiru. Talaalliin tatamsa’inni dhukkubootaa hir’achuu danda’a; sababni isaas dhukkubni kun salphaatti nama irraa gara namaatti daddarbuu carraa waan hinqabneefdha jedhaniiru itti gaafatamichi odeeffannoo gaazexaa Hirkoof kennaniin. Daa’ima tokko baattoon dhukkubaa yoo mudate sirni ittisa qaamaa isaa haala saffisaafi bu’a qabeessa ta’een ofirraa ittisuu akka danda’u mirkaneessaniiru. Talaallii fudhachuu dhiisuun dhukkuboota hamoofi lubbuu namaa galaafachuu danda’aniif kan saaxilu akka ta’e himaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ragaan dhaabbata gargaarsaa Daa’immanii (UNICEF) irraa argame akka agarsiisutti, sadarkaa addnyaatti waggaa waggaan daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman dhukkuboota ittifamuu danda’aniifi yaalamuu danda’aniin kan lubbuun darban ta’uu mirkaneessa. Ragichi talaalliin lubbuu baraaruu bira darbee baasii yaalaaf bahu hambisuun dhiibbaa dinagdeen walqabatee dhufullee hir’isuuf shoora qabaachuu ibseera.
Dhukkuboota Talaalliin ittifamaniifi gosa talaalii isaanii:-
*Dhukkuba Daranyoo Sombaa
*Dhukkuba Laamshessaa
*Dhukkuba Michii Sombaa(Pneumonia)
* Dhukkuba Garaa kaasaa
*Dhukkuba Difteeriyaa
*Dhukkuba Qakkee
*Dhukkuba Teetaanasii
*Dhukkuba Tiruu
*Dhukkuba Infulenzaa
*Dhukkuba Gifiraa
* Kaansarii fiixee gadameessaati
Daa’imman dhalatanii hanga waggaa 1 fi ji’a 3’tti dhaabbilee fayyaa/wiirtuu talaallii dhihoo jirutti geessuun talaallii guutuu xumursiisuun dhibbeewwan talaallin ittisuu dandeenyu irra baraaruun dirqama lammii hundaati.
Guddinaa Asaffaatiin


