Hojii Ittisa Busaarratti Bu’aa Galmaa’e

 

Waqtiin bonaa yoo dhufu haalli qilleensaa waan ho’uuf wal hormaata bookee busaaf haala mijataa uuma. Yeroo baay’ee waqtii kanatti dhukkubicha ittisuuf durfamee kan irratti hojjetamuuf kanuma sababeeffachuunidha. Aanaa Dawaa Caffaatti ittisaafi to’annoo busaa irratti hojiin qindoominaan hojjetame dhukkuba kana ittisuu keessatti bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu odeeffannoon aanicharraa arganneen mirkaneeffanneerra.

Jiraataan aanaa Dawaa Caffaa Ganda Baddannoo obbo Mahaammad Yusuf, abbaa ijoollee torbaa yoommu ta’an bara 2017 ji’a Bitootessaa keessa maatii isaanii keessaa dhukkuba busaaf isaan qofti saaxilamuu kaasaniiru. Ogeessonni fayyaa dhukkuba kanaan walqabatee gandichatti hubannoo uumaa waan turaniif sanuma galtee taasifachuun akkuma mallattooleen dhukkubichaa isaan irratti mul’achuu jalqabeen gara buufata fayyaa deemuu isaanii yaadataniiru.  Obbo Mahaammad ‘’qorannoo fayyaa hatattamaan naaf taasifameen dhukkuba busaaf saaxilamuun koo erga mirkanaa’een boodatti wallaansa barbaachisaa argadheen dhukkuba busaarraa fayyuu danda’eera’’ jedhaniiru. Ofiifi maatii isaanii dhukkubicha irraa dursanii ittisuuf saaphana siree sirriitti fayyadamuun cinatti, bakkeewwan wal hormaata bookee busaatti keemikaala farra bookee busaa biifuu dubbataniiru. Jiraataan kun olla isaanii waliin ta’uun bakkeewwan balfi dhangala’aa jiru maqsuufi qulqulleessaa turuufi jiraachuu himanii, sadarkaa ganda isaaniitti tatamsa’inni dhukkuba busaa gadi bu’ee jiraachuu yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

Aanichatti ganda Waladdii kan jiraatan aadde Tsahaayalem Indiris “dhukkubni busaa ganda keenyatti baroota darbanitti mudachaa ture” jedhaniiru. Gama isaaniin dhukkuba busaa ofirraa ittisuuf qe’ee isaanii qulqulleessuun cinatti saaphana siree  fayyadamaa jiraachuu himaniiru. Tatamsa’ina dhukkuba busaa hir’isuuf ogeessonni fayyaa barnoota yeroo yerootti isaaniif kennaa jiraachuu kaasaniiru. Dursanii of eeggannoo gahaa waan taasisaniif maatii isaanii keessaa namni dhukkuba busaan qabame kan hin jirre ta’uu kan ibsan jiraattun kun, fuuldurattis cimanii akka of eeggatan dubbataniiru.

 

Waajjira Fayyaa Aanaa Dawaa Caffaatti ogeessi Ittisaafi To’annoo Balaa Fayyaa Hawaasaa, Sa’id Ibraahim, busaa irratti hojiin qindoominaan hojjetame dhukkuba kana ittisuu keessatti bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Aanichi teessuma lafaafi haala qilleessaa ho’aa qabaachuu isaarraan kan ka’e akkuma naannolee biyyattii dhukkuba busaaf bakkeewwan saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’uu kaasaniiru.

Akka isaan jedhanitti, akka aanichaatti gandoonni kilaastara Caffaa keessatti argaman kanneen akka Baddannno, Waladdii, Biliidaafi Siitir dhukkuba busaaf saaxilamoodha. Saaxilamummaa kana hir’isuufi fayyaa uummataa eeguuf hojiiwwan ittisaa garaagaraa hojjetamaa kan turan ta’uu kaasanii, kanaanis bu’aaleen galmaa’uu ibsaniiru. Akka ogeessichi jedhanitti bakkeewwan wal-hormaata bookee busaaf mijatan karaa qindaawaa ta’een gogsuufi keemikaala biifuun busaa karaa qabatamaa ta’een hir’isuun danda’ameera.

Keessattuu, ogeessonni fayyaa uummataaf barnoota ittisaa sirrii ta’e kennuun hojii ittisaa irratti abbummaan akka hirmaatan gochuun hojiiwwan hojjetaman firii kan buusan ta’uu dubbataniiru. Hawaasni mooraafi naannoo isaa qulqulleessuun bakka bishaan ciise dhangalaasuufi gogsuun hojii hojjechaa turuu isaa akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Aanichatti hojii ittisaan cinatti baatiiwwan salgan darbanitti, namoonni dhukkuba busaan qabaman kuma 1 fi 268 ta’uu eeranii, haata’u malee namoota kanneeniif yaala barbaachisaa ta’e kennuun fayyummaa isaaniitti akka deebi’an taasisuun danda’amuu kaasaniiru. Dhukkuba busaa ittisuu irrattis ta’e dhaabbilee fayyaa hunda keessatti nama busaadhaan qabameef yaalli kennamaa jiru bu’aa jajjabeessaa fiduu isaa dubbataniiru.

Hirmaannaan hawaasni dhibee kana ittisuuf taasisaa jiru cimaa dhufuufi dhaabbilee fayyaa hunda keessatti qorichi farra busaafi qorannoon ariifataa akka taasifamu ta’uun isaa tamsa’ina dhibee kanaa hir’isuu dandeessiseera jedhaniiru. Baatiiwwan salgan darban keessa dhibee busaatiin kan lubbuun isaa darbe jiraataan tokkollee akka hin jirre eeranii, imala bu’a-qabeessa kana itti fufsiisuun Dawaa Caffaa busaa irraa bilisa gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiiwwan bara darbeefi barana ittisaafi to’annoo busaa irratti hojjetamaniin, lakkoofsi namoota busaan qabamanii akka hir’atan gochuu isaas himaniiru. Keessattuu, ogeessichi iddoowwan yaa’a bishaaniifi naannolee bookeen busaa wal-horanitti keemikaala biifuun naannolee sana sodaarraa bilisa gochuun danda’ameera jedhaniiru. Qarmammeewwaniifi buufataalee fayyaa aanichaa hunduu ogeessota fayyaa gahumsa qabaniin hojii ittisa dhukkuba busaa ciminaan hojjechaa jiraachuu kan himan ogeessi kun, jiraattota fayya buleeyyii horachuuf gandoota hunda keessatti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Akka ogeessi kun jedhanitti, jiraattonni aanichaa sagantaa qabachuun torban keessaa guyyaa tokko duulaan bahanii bakkeewwan walhormaata bookee busaaf mijatoo ta’an ni qulqulleessu.

Jiraattonni gorsa ogeessa fayyaa sirriitti fayyadamuu irratti jijjiiramni jiraachuu eeranii, ammas caalmaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. ‘’Saaphanni sireefi keemikaalli jiraattotaaf hin raabsamne’’ kan jedhan ogeessi kun, deebii akka argatuuf qaama dhimmi ilaaluuf gaaffiin dhihaatee jiraachuu dubbataniiru. Hanga gaaffiin dhihaate deebii argatutti jiraattonni saaphana siree waggoota sadii dura raabsame suphuun akka itti fayyadaman taasisneerra jedhaniiru. Kunis akka furmaata yerootti fudhatamuu eeranii, ta’us bakka bookeen busaa itti wal horu adda baafachuun keemikaalli farra bookee buusaa biifamaa turuufi jiraachuu hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo