Afrikaafi Eeshiyaan Infaantiinoon Marsaa 4ffaaf Pirezidaantii FIFA Akka Ta’uuf Deggaran

 

 

Afriikaafi Eeshiyaan Pirezidaantii FIFA ta’uun marsaa 4ffaaf Infaantiinoo deggaruun bara 2027’tti itti gaafatamaa qaama bulchiinsa kubbaa miilaa addunyaa ta’uun akka muudamu Giyaanii Infaantiinoo deggaraniiru. Pirezidaantiin FIFA Giyaanii Infaantiinoo konfedereeshiniiwwan kubbaa miilaa Afrikaafi Eeshiyaa irraa deggarsa cimaa kan argatan yoo ta’u, bara 2027 marsaa 4ffaaf irra deebi’anii filatamuuf jiru. Konfedereeshiniiwwan kunneen sagalee 211 keessaa 101 to’atu. Bara 2016 irraa jalqabee aangoo kan qabatan Infaantiinoo bara 2019 fi 2023 irra deebiin filatamaniiru. Walitti dhufeenya pirezdaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampi, waliin qabaniifi fooyyessa dhiheenya kana godhame dabalatee falmiin mudatus, hoggansi isaanii galii guddaa kan argamsiisu yoo ta’u, waldaalee miseensota FIFA’f deggarsa maallaqaa dabaleera.

Pirezidaantiin FIFA Giyaanii Infaantiinoon hogganaa kubbaa miilaa addunyaa ta’uun irra deebi’anii filatamuuf abdiin isaanii konfedereeshiniiwwan naannoo Afrikaafi Eeshiyaa irraa deggarsa akka argatan waadaa erga galanii booda daballii guddaa argateera. Ibsa gabaabaa Vaankoovaritti Kongireesii FIFA duratti baaseen CAF Infaantiinoo bara 2027tti pirezidaantii FIFA ta’uun irra deebi’anii yeroo filataman deggaruuf “sagalee guutuun waliigaluu” jedheera. Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Eeshiyaas Infaantiinoo deggaruuf waadaa galeera. Pirezidaantiin AFC Salmaan Bin Ibraahim Al Khaalifa ibsa kennaniin, “FIFAn haala gaarii irra jira, akkuma bara 2016 tti AFC fi kubbaan miilaa Eeshiyaa yeroo hunda isa deggaru, bara 2027-2031tti akka kaadhimmamaa Pirezidaantii FIFAtti [Infaantiinoo] ‘f deggarsa itti fufiinsa qabuufi guutuu ta’e ni kennina” jedhaniiru. Konfedereeshiniin Afrikaafi Eeshiyaa filannoo pirezidaantummaa FIFA irratti waliigala sagalee 211 keessaa sagalee 101 argataniiru. Infaantiinoon duraanuu qaama kubbaa miilaa Ameerikaa Kibbaa bulchu CONMEBOL irraa deggarsa argateera, kunis sagalee dabalataa 10 isaaf argamsiiseera. Infaantiinoon bara 2016 malaammaltummaa ‘Sepp Blatter’ kufaatii taasise hordofuun itti gaafatamaa FIFA ta’uun aangoo qabatee jira. Itti aansuunis bara 2019 fi 2023 irra deebiin aangoo kana irratti filatameera.

Infaantiinoon bara bulchiinsa isaatti walitti dhufeenya cimaa Pirezidaantii Yunaayitid Isteets Doonaald Tiraampi kan bara darbe carraa waancaa addunyaa irratti badhaasa nagaa FIFA jalqabaa badhaafame waliin walqabatee falmiin isaan mudateera. Sunis bara darbe gareen abukaatoo ‘Fair Square’ jedhamu koree naamusaa FIFA’tti himannaan sirnaa akka dhihaatu taasiseera, badhaasni kun seera FIFAn giddu galeessa ta’uu siyaasaa ilaalchisee baase cabseera jechuun himate.

Infaantiinoon bara bulchiinsa isaa waancaa addunyaa gareewwan 48  babal’isuufi bara darbe waancaa addunyaa kilaboota FIFA gareewwan 32 of keessaa qabu haaromfame jalqabuu dabalatee jalqabbiiwwan fudhataman irrattis qeeqni isa mudateera. Qondaalli Siwiizarlaandii kun garuu yeroo aangoo isaaniitti galii rikoordii ta’e kan dursaa turan yoo ta’u, waancaa addunyaa bara kanaa tilmaamaan doolaara biiliyoona 13 ni argatu jedhamee eegama. FIFA’n Infaantiinoo jalatti argamuun maallaqa karaa sagantaa fuulduraa FIFA isaatiin waldaalee miseensota FIFA 211 ta’aniif raabsamu haala dinqisiisaa ta’een dabaleera. Marsaa bara 2027 hanga 2030tti FIFAn miseensotaaf doolaara biiliyoona 2.7 akka raabsuuf waadaa galeera. Kunis waggoota 10 duraa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa saddeetiin dabaluu isaatuu himama.

Oduu

AMECO Hirkoo