Sababa waraana Bahaa Giddu Galeessaatiin baasiin olaanaa taasifamaa waan jiruuf Daa’imman Afrikaa Irratti Dhiibbaa Guddaa Uumeera. Waraanni Ameerikaafi Israa’el Iraan irratti taasisan gara guyyoota 100 ‘tti kan dhihaate yoo ta’u, naannawicha bahuun baasii talaallii daa’immanii Afrikaafi guutuu addunyaatti miidhaa jira jechuun Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera. Cancalli dhiheessii gargaarsa namoomaa addunyaa irratti mudate daa’imman addunyaa irra jiran baasii geejjibaa sadarkaa hundatti dabalaa jira, jechuun itti gaafatamaan loojistiksii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) Jaan Sederim Mewis dubbataniiru.
“Baasiin geejjibaafi loojistiksii qofti dhiibbaa guddaa qaba. Daandiiwwan jijjiiramaa galaanaa naannoo Keep of Good Hope amma yeroo geejjibaa torbaan lamaa hanga afuriitti dabalaa jira,” jechuun Mewis ibsa gaazexeessitootaaf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jenevaatti kennaniin dubbataniiru. Daandiiwwan Baha Giddu Galeessaa irratti dandeettiin fe’umsa qilleensaa cimee kan ture yoo ta’u, dhiphinni buufata doonii Afrikaafi sanaa ol babal’achaa jira” jedhaniiru qondaalli UNICEF kun.
Doolaarri dabalataa UNICEF geejjibaaf baasu tokkoon tokkoon isaa doolaarri tokko dhiheessii daa’immaniif oola. Baasiin geejjibaa dabaluu isaatiin dhiheessiin lubbuu baraaruu daa’immanif barbaachisan geessuuf maallaqni xiqqaachuu jechuudha, kunis dhaabbilee akka UNICEF’f haala balaa uumuufi hojiiwwan irratti dhiibbaa guddaa geessiseera.
“Baasiin geejjiba qilleensarraan talaallii Hindii irraa gara Itoophiyaa, Naayijeeriyaafi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongootti geessu dhibbeentaa 50 hanga 70 dabaleera,” jechuun Mewis ibsaniiru. Baasiin konkolaataa fe’umsa nyaata yaalaaf itti fayyadamuuf qophaa’eef oomishtoota Keeniyaa irraa gara Somaaliyaa, Sudaan Kibbaafi Koongootti dhibbeentaa 30n dabaluusaa eeraniiru.
Haaluma wal fakkaatuun fe’umsi galaanaa meeshaalee barnootaa Chaayinaa irraa gara Yamaniifi Mozaambiik geejjibsiisu dhibbeentaa 100 hanga 150 dabaleera. Naayijeeriyaa keessatti duula talaallii ittisa pooliyoo daa’imman miliyoona 12 irratti xiyyeeffateef baasiin siriinjii jijjiiruuf bahu doolaara kuma 200 dabalataan dabaleera; kunis geejjibaa dhibbeentaa 56 ‘n dabaleera,” jedhan qondaalli UNICEF kun.
Maaliitti baajatni fe’umsaa idil-addunyaa kurmaana jalqabaa keessa dhibbeentaa 36 dabaluun daballii guddaa agarsiisuu eeranii, baasiin dabaluu isaatiin UNICEF Maaliin filannoo baay’ina dhiheessii ajajameefi baay’ina daa’imman yaalamuu danda’an hir’isuun ishee mudachuu dubbataniiru. Buufatni doonii Beeyiraa, Koonaakrii, Abidjaan, Daaresalaamiifi Mombaasaa hundi isaanii harkifannaa guddaaf saaxilamaa jiraachuu qondaalli kun ibsaniiru. Akka isaan jefhanitti biyyoonni lafaan marfamoo koriidaroota kanneen irratti hirkatan rakkoo hammaataaf saaxilamuu itti fufaniiru. Koriidariin Itoophiyaa-Jibuutii, karra gargaarsa namoomaa biyyattii isa guddaa ta’e dhiibbaan daran dabalaa dhufeera.
Guddinaa Asaffaatiin


