Fiilannoo waliigala biyya tokkof sirna dimookiraasifi mootumma fudhatamumaa qabu ijaaruf kan dandeessisu dha.Itoophiyaan dhibbaa nageenya rakkolee keessoofi aalaa keessa taatus filannoo waligalaa taasftetti.Kun cichoomina ummatni ijaarsa sirna dimookiraasiif qabu kan agarsisee dha.Shiira filannicha guufachiisuuf taasifamaa ture heddu dha.Bakka garagaraattii aggaammin taasifama turan ummata biyyattii kan yaaddesefi qaama nageenyaaf hojii gudda kan umme dha.Naannoolee adda addatti uggurraa geejibaatu turee.Ummatni bal’aafi raawwachiftoonnii filannoo hirmaannaa akka hin taasifne doorsifamaa turaniiru.Midiyaaleen biyya aalaa heddun immoo oolola sooba hawwasa idil-addunyaa burjaajessu tamsaasaa turaniiru.Ummatni biyyattii qaamolee taate kana duba jiran xiyyefannoon hordofaa tureera.Filannoon jiru ifa ture.Filannoora hirmaachu dhabun biyya sirna mootummaa hinqabne taasisu yookaan filannoo goochuun mootumma ofii toolfachu ture.Ummatni Itoophiyaa seenaa biyyatti qabdu keessa inni guddan amantaafi kabaja sirna mootummaf kan qabu dha.Ummata aadaafi dudhaa seeraan buluu qabu dha.Digumsi sirna mootummaa alseerummaa kan uumu dha.Alseerumman mirga namoomaafis ta’e,mirga dimookiraasif guufu dha.Garee irreefi qawwee qabuutu feedhisaa ummatarratti raawwachisa.Haayyonni siyaasa hedduun “biyya mootumma hinqabnerra,biyya mootummaa dadhabaa qabu wayya”kan jadhan kanaafi.Biyyi tokko birmadummaanshe eegamefi dhageeti idila addunyaa qabaattee jiraachuuf barbaachisan keessa tokko mootummaa fudhatammummaa argate qabaachuu dha.Mootummaan fudhatamummaa qabu kan ijaaramu filannoo waligalaa madaallii ulaagaale filannoo guttate paartii aangoo qabate dhani.Biyyi ummataafi daangaa qabdu qoofti akka biyyatti hin ilaalamtu.Mootummaa fudhatamummaa qabu barbaachisa.Kunis birmadummaa biyyaa eeguuf ni dandessisa.Kun kan ta’u danda’u mootumma filannoo waliigalaan angootti fidudhani.Rakkooleen biyya keessa jiran hikamu kan qabanii dha.Rakkoon keesso,rakkoo aalaaf banaa ni umma.Kunis maraamartoo wal-waraansa keessa akka turruu kan taasisu dha.Rakkoolee kana keessatti ummatni biyyattii aarsaa gudda kaffalaa tureera.Rakkooleen kunnen yoo hikamu baatan ummata nuuffifi mufffi keessa galchiisa.Kun ammo mootummaa filannoo waliigalan ijaaramerraattis diddaa ummata ni umma.Kun gara alseerumma nu fida.Alseerumman jiraachu mootummaa gaaffii keessa kan gashuu dha.Itti gaafatamumman mootummaa inni xiqaafi inni jalqabaan nageenya ummata eegufi seerafi heera biyyaatti kabachiisu dha.Hojiin dursa mootummaa filannoo waligaala 7ffaa injiifate inni guddaafi inni jalqabaan nageenya waareessu dha.Seerafi heera biyyatti eegufi eegssisu dha.Feedhiin ummata inni jalqabaan nagaan oolufi,nagaan buluu dha.Nagaan hoojatani jiraachu dha.Akka lammi tokkotti daangaa biyyatti keessatti mirgisa kabajame jiraachu dha.Feedhii diinagdeen guddachuufi bu’uuraale misoomaa argachuu baarbaachiso ta’aniis nageenyii hunda caala.Paartii sagalee caalmaa argatte mootummaa ijaaratu feedhi ummata nageenya waaraa argachu dursa keenne kan hojjachu qabu dha.Mootummaa ta’anii aangoora turufis ulaagaa ummata bal’aa biyyattiti.
Filannoon Waliigalaa Itoophiyaa Cichoomina Uummatni Ijaarsa Sirna Dimookiraasii Kan Itti Agarsiiseedha


