Sararaan Facaasuu: Hojmaata Oomishtummaa Guddisu

Qonni utubaa dinagdee ta’uu isaan walqabatee oomishtummaa guddisuuf teeknooloojiifi mala qonnaa ammayyaa fayyadamuun dhimma filannoof hin dhihaanedha. Maloota qonna ammayyaa oomishtummaa dabalan keessaa tokko lafa xiqqaa irraa oomisha guddaa argamsiisuun isaa mirkanaa’e keessaa sanyii sararaan facaasuudha. Malli kun qonnaan bultoonni mala aadaa (bifa bittinnaa’een facaasuu) irraa gara mala ammayyaatti ce’anii wabii midhaan nyaataa akka mirkaneeffatan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Obbo Mahaammad Umar jiraataa aanaa Dawwee harawaa ganda Kaariphoo ganda Dawwee yoo ta’an, waggoota muraasa dura  mala aadaa fayyadamuun sanyii facaasaa turuu himaniiru. Sanyii bittinneessanii waan facaasaniif sanyiin baay’een jalaa  qisaasa’aa turuufi aramuufi xaa’oo fayyadamuuf baay’ee ulfaata turuu kaasaniiru. Yeroo sanatti bifa bittinnaa’een sanyii waan facaasaa turaniif callaa oomisha argachaa kan hin turre ta’uu eeranii ”sanyiin walitti yabbatee oomishni ani argadhu gadi bu’aa ture” jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti erga sararaan facaasuu jalqaban waggaa torba ta’eera. ”Ergan gorsa ogeessa qonnaa caqaasee hojiirra oolchee sanyii sararaan facaasuu jalqabee asitti, oomishtummaan koo dabaluu bira darbee hojmaanni qonnaa naaf salphateera” jedhaniiru. Lafa hektaara tokko hin guunnerraa callaa duraan argachaa turanirraa dachaan argachaa jiraachuu eeraniiru. Qoricha farra aramaafi ilbisootaa fayyadamuuf, aramaa aramuuf, xaa’oo fayyadamuun midhaan kunuunsuuf baay’ee isaaniif salphachuu eeranii, malli kun daran oomishtummaa isaanii guddisuu isaa ibsaniiru.

Sararaan Facaasuun Maaliif Murteessaa Ta’e? Waajjira Qonnaa Aanaa Dawwee Harawaatti Dursaan Garee Misooma Midhaanii obbo Alii Mahaammad, hojmaata qonna ammayyaa keessaa sararaan facaasuun isa tokko ta’uu eeranii, akka aanichaatti sanyii sararaan facaasuun erga jalqabamee waggoota kudhanii ol lakkoofsisuu himaniiru. Qonnaan bultoonni aanichaa gara mala qonna saayinsaawaa ta’e kanatti akka dhufaniif wiirtuu leenjii qonnaan bultootaatti sanyii sararaan facaasuu hojjetanii agarsiisuun barsiisaa turuu kaasaniir.

 

Kanaanis qonnaan bultoonni gara kanatti dhufuun oomishtummaa isaanii guddisaa akka jiran dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, aanichatti erga hojiin kun jalqabamee kaasee qonnaan bultoonni aanichaa gara hojmaata kanaatti madaqaniiru. Miidhaan yoo sararaan facaafame, sanyii haala bittinnaa’een facaafame caalaa gabbina firiifi qulqullina olaanaa qabaata jechuun dursaan garee kun himaniiru. Mala aadaatiin yeroo facaafamu sanyiin baay’ee walirra bu’uun bakka tokkotti baay’atee bakka biraatti xiqqaachuu akka danda’u kaasanii, kun immoo oomishtummaan akka gadi bu’u kan taasisu akka ta’e himaniiru. Sanyiin faca’ee erga biqilee booda guddachuuf ifa aduufi qilleensa gahaa waan barbaaduuf sararaan facaasuun sanyiin biqile sun qilleensaafi ifa aduu gahaa akka argatu taasisuun fayyummaa midhaanii ittisuufis gahee guddaa qaba jedhaniiru. Kunis oomishtummaa guddisuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

 

Dursaan garichaa, mala bittinnaa’een facaasuu keessatti sanyiin qisaasamaaf kan saaxilamu ta’uu himanii, sararaan facaasuun oomishtummaa guddisuu qofa osoo hin taane sanyiillee kan qusatu ta’uu dubbataniiru. Sararaan yoo facaafame sanyiin hamma barbaadame qofatu faca’a; midhaan biqilu walirraa fageenya sirrii waan qabaatuuf aduu qilleensa gahaafi xaa’oon biyyee gara keessaa jiru sirriitti qaqqabuun midhaan dafee akka guddatu taasisa jedhaniiru. Sararaan facaasuun midhaan gidduu deemuun aramaa aramuuf, xaa’oo fayyadamuufi qoricha farra aramaafi ilbisootaa itti bifuuf haala mijataa kan uumuu ta’uu kaasaniiru. Kunis humna namaafi yeroo kan qusatu akka ta’e himaniiru. Hammi sanyiifi guddinni isaa wal-qixa waan ta’uuf wal morkiin midhaan gidduu jiru xiqqaachuun callaa qulqulluu ta’eefi baay’ina qabu argamsiisuuf shoora qabaachuu isaas himaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo