Meeshaaleen Qonnaa Ammayyaa Oomishtummaa Qonnaa Guddisuuf Ga’ee Qaban

Qonni utubaa diinagdee Itoophiyaa isa ijoodha. Jireenyi lammiilee Itiyoohiyaa harki caalaan qonna irratti hirkata. Haa ta’u malee, yeroo dheeraaf hojiin qonnaa meeshaalee aadaa irratti hirkachuun oomishaafi oomishtummaa lafa irraa argamu daangeesse ture. Haala kana jijjiiruuf mootummaan xiyyeeffannoon -kennuun qonna ammayyeessuun qonnaan bulaa gara fayyadamaa teknooloojii qonnaatti ceesisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. Meeshaaleen qonnaa kanneen akka tiraakteeraa, paampii bishaanii, kombaayieearotaafi meeshaaleen qonnaa ammayyaa biroon hojii qonnaa ammayyeessuu qofa osoo hin taane, oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gahee olaanaa qabu.

Bulchiinsa Sablammii Oromoo Aanaa Jiillee Dhummugaattis makaanaayizeeshinii qonnaa cimsuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. Aanichatti meeshaalee qonnaa ammayyaa qonnaan bultootaaf karaa liqiifi qusannoottiin  mootummaan, waajjirri Qonnaafi baankonni waliin qindoominaan dhiyeessaa jiru. Adeemsi kun qonnaan bultoonni hirmaannaa isaanii guddisuun meeshaalee kana fayyadamoo akka ta’an taasisaa jira. Raabsi meeshaalee qonnaa ammayyaa adeemsa iftoominaafi haqa-qabeessa ta’een gaggeeffamaa jira. Tiraakteroonni, motoroonni bishaaniifi meeshaaleen biroo qonnaan bultootaaf karaa liqiifi qusannoo mijataa ta’een dhiyaachuun hojii qonnaa saffisiisuu, oomisha dabaluufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf bu’uura ta’aniiru.

Obbo Indiris Ahamad Qonnaan bulaa meeshaalee qonnaa ammayyaa fayyadamaa jiranidha. “Meeshaaleen qonna ammayyaa kunneen hojii qonnaa isaanii ammayyeessuu keessatti jijjiirama guddaa fiduu kaasun, tiraakteerri hojii keenya salphisuu irraa kan ka’e yeroo gabaabaa keessatti lafa bal’aa qotuunis danda’ameera,” jedhan. Kunis oomishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Obbo Aliyyii Muhee Aanaa Jiillee Dhummuugaatti namoota bara kana tiraakteera bifa liiqiifi qusannaatiin fudhatan keessaa isa tokkodha. Haalli dhiyeessii meeshaalee qonna ammayyaa, qonnaan bultootaaf taasifamaa jiru haala gaariirra kan jiru yoo ta’u, karaa ifaafi bilisa ta’een dabarfamee kennamaa kan jiru ta’uu kaasaniiru. Haa ta’u malee hojii raabsa kana keessatti qormaatileen tokko tokko akka mul’atan obbo Aliyyiin eeraniiru. Kunis fedhiin qonnaan bultootaa dabalaa dhufus baay’inni meeshaalee amma jiran guutummaatti gahaa ta’uu dhabuu, hanqinni kutaa jijjiirraafi tajaajila suphaa yeroo tokko tokko mudachuu dubbatu. Kanaaf mootummaa, dhiyeessitoonniifi qaamoleen dhimmi ilaallatu rakkoolee kana nuuf furuu qabu jedhaniiru.

Obbo Abdallaa Muusaa Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Aanaa Jiillee Dhummuugaatti. Makaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuuf dhiyeessiin meeshaalee qonnaa ammayyaa murteessaa ta’uu dubbatu. Isaanis hojii gama kanaan hojjechaa jiraniin bara kana qofa tiraakteroota qonnaa haaraan lama, motora bishaanii 12 gara aanaatti galchuun qonnaan bultoota biraan gahuu ibsaniiru. Ammas namoota saddeet hulaagaa guutaniif tiraakteroota afur ajajanii jiraachuu isaanii kaasaniiru.

Meeshaaleen kunneen qonnaan bulaa bira ga’uuf adeemsi filannoo fayyadamtootaa iftoominaafi haqaqabeessummaa irratti hundaa’uun akka raawwatamu kaasaniiru. Haalli kun mootummaafi hawaasa gidduutti wal amantaa uumaa akka jirus dubbataniiru. Qonnaan bultoonni ulaagaalee kaa’ame guutan filannoo isaanii dhiyeessuun haala ifaa ta’een tajaajila akka argataniif waamicha taasisaniiru.

Bakka bu’aan dhiyeessaa meeshaalee qonnaa Qajeelcha Qonnaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo Obbo Suleemaan Hasan, meeshaaleen qonnaa ammayyaa kanneen akka tiraakteerotaa, paampiilee bishaaniifi meeshaaleen qonnaa biroo yeroo hojii hir’isuun oomishtummaa guddisuuf gahee olaanaa akka qaban himaniiru. Haala yeroo waliin deemuufi diinagdee qonnaan bulaa guddisuuf immoo meeshaalee qonnaa ammayyaa fayyadamuun filannoo qofa osoo hin taane dirqama ta’aa dhufuu ibsaniiru.

Qonni ammayyaa teknooloojii malee bu’aa barbaadamu fiduu hin danda’u kan jedhan Obbo Suleemaan, mootummaan, abbootiin qabeenyaafi hawaasni walta’uun qonnaan bulaaf meeshaalee ammayyaa dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

”Akka bulchiinsichaatti, qonnaan bulaan maallaqa dursaa muraasa baankiitti qusachuun, walta’iinsa Waajjira qonnaafi baankii gidduutti uumameen meeshaaleen qonnaa bifa liqiitiin rabsamaa jira, “ jedhan. Haaluma kanaan akka bulchiinsichaatti Tiraakteroonni qonnaa 60 ol qonnaan bulaa harka gahuun hojii qonnaarratti bobba’uu ibsan.

Kana malees motorawwan bishaanii lakkoofsan hedduu ta’an qonnaan bulaaf rabsamuu kaasaniiru.

Walumaagalatti, yeroo itti aanu keessatti hojii makaanaayizeeshinii qonnaa kana daran cimsuuf, rakkoolee dhiyeessiifi tajaajila boodaa furuun qonnaan bulaa caalaatti fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jirra jedhaniiru. Keessumaa hanqinaalee kutaa jijjiirraafi tajaajila suphaa muudatan furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin furuuf hojjechaa akka jiran himan.

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo