Afrikaatti Daa’imman Miliyoonaan Lakkaa’aman Sababa Hanqina Nyaataan Rakkoof Saaxilaman

Arjoomtonni idil-addunyaa ijoo kanneen addatti Ameerikaan durfaman maallaqa gargaarsa biyya alaa haalaan hir’isuun, gargaarsi murteessaan nyaataafi kunuunsa fayyaa irraa kaasee hanga hiyyummaa hir’isuutti biyyoota addunyaa keessatti dhiibbaan akka irra gahu danda’u yaaddoo guddaa uumeera. Naayijeeriyaa, Keeniyaa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaatti dhiheessiin nyaataa hatattamaa dhumuu isaa dhaabbanni kunuunsa daa’immannirratti hojjetu ‘Save the Children’ akeekkachiiseera. Biyyoota Afrikaa afur keessatti daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman ji’oota sadan dhufan keessatti sababa hanqina nyaataan du’uu akka danda’anis hubachiseera. Sababiin isaas gargaarsi dhiheessii nyaataa gama dhaabbata gargaarsa idil-addunyaa dhihaataa ture hir’achaa dhufuu isaa irraa kan maddedha.

Dhaabbatichi akka jedhetti Naayijeeriyaa, Keeniyaa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaatti “nyaanni wallaansaaf itti fayyadamuuf qophaa’e” (RUTF) jedhamu, paastaa soorataa umurii dheeraa qabuufi qabbanaa’aa ta’e ni dhumu  jedhamee eegama. ”Naayijeeriyaa qofatti lubbuun daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’aniifi hanqina nyaataa cimaan rakkatan miiliyoona 3.5 ta’an yaalaaf deggarsa soorataa osoo hin argatiin balaaf saaxilaman” jedha gareen gargaarsa namoomaa kun. “Warri daa’imman kanneen hanqina nyaataa hamaa qabaachuu isaanii yaaduun nama hin rakkisnu” jedhan daayrektarri ‘Save the children’ Bahaafi Kibba Afrikaa Yuvoonne Arungaa ibsa kennaniin. Akeekkachiisni kun kan kenname erga Waajjirri gargaarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii “hir’ina maallaqaa gadi fagoo hanga ammaatti damee gargaarsa namoomaa idil-addunyaa” jechuun ibsa baaseen gidduutti, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii sagantaa bal’aa hir’isuu ji’a Waxabajjii keessa labsee ji’oota muraasaan boodattidha.

Hogganaan gargaarsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Toom Fileechar yeroo sanatti haasawa taasisaniin ”jireenya dhala namaa adda baasuuf dirqamneerra,” jedhaniiru. Namoonni baay’een deggarsa isaan barbaachisu hin argatan, haata’u malee qabeenya nuuf kennameen lubbuu namoota hedduu baraareerra jedhaniiru. Ji’a Adoolessaaa keessa dhiibbaa pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi baasii federaalaa hir’isuuf godhanitti Kongireesiin paakeejii baasii gargaarsa alaa biyyattii gara doolaara biiliyoona 8n hir’isu raggaasiseera. Ji’a darbe Dhaabbanni ‘Doctors Without Borders’ jedhamuun beekamu akka gabaasetti, yoo xiqqaate daa’imman hanqina nyaataa qaban 652 walakkaa bara 2025 jalqabaa keessa dhaabbilee kaaba Naayijeeriyaa keessatti argaman keessatti sababa kunuunsa yeroodhaan waan hin arganneef lubbuun darbaniiru.

Bakka bu’aan ‘MSF’ Naayijeeriyaa jiru Ahimed Aldikhaari “yeroo ammaa hir’inni baajata guddaa Ameerikaa, Yunaayitid Kingidamiifi biyyoota Awurooppaa biroo irraa argaa jirru wal’aansa daa’immanii hanqina nyaataa qaban irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira,” jedhaniiru. Guutummaa Keeniyaatti hanga dhuma waggaatti kaartooniin ‘RUTF’ gara kuma dhibba tokkoof 500 akka barbaachisu ‘Save the Children’ ibseera. Walumaagalatti hanqinni maallaqa soorataa biyyoota addunyaa 18 keessatti bara kana daa’imman miiliyoona 2.3 ol hanqina nyaataa cimaa qaban dabalatee namoonni miliyoona 15.6’f wal’aansa addaan kutuu akka danda’an gareen kun ibseera. Haalli kun bara 2026tti daran hammaata jedhamee eegama jechuun dabalee hubachiiseera.

Oduu

AMECO Hirkoo