Filannoo Biyyaalessaaf Qooda Fudhattoonni Gahee Murteessaa Bahachuu Qabu

 

Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Filannoon biyyaalessaa 7ffaa bilisa, haqa qabeessaafi loogii kan hin qabne akka ta’u taasisuu keessatti qooda fudhattoonni gahee murteessaa bahachuu akka qaban walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Meelaatwarqi Hayiluu hubachiisaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa haala nageenyaa bulchiinsa naannoofi magaalotaa madaaluuf waltajjii marii qooda fudhattoota waliin gaggeesseera. Waltajjicha irratti hoggantoonni bulchiinsa naannoolee, kantiiboonni bulchiinsa magaalotaa, hoggantoonni paartilee siyaasaa, qondaaltonni nageenyaafi bakka bu’oonni waldaalee siivikii hirmaataniiru.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Meelaatwarqi Hayiluu filannoo biyyaalessaa 7ffaa milkaa’inaan gaggeessuuf hojiin qophii haal-duree taasifamaa jira jedhaniiru. Qophii filannoo biyyaalessaa 7ffaaf ka’umsa ta’ee sagantaa filannoo beeksisuun hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa akka jiran hubachiisaniiru. Dhaabbileen waldaalee siivikii hubannoo filattootaa guddisuuf barnootaafi leenjii kennuuf eeyyama argachuun hojii eegaluu isaaniis beeksisaniiru. Hirmaannaa paartilee siyaasaa cimsuuf deggarsi taasifamaafii akka jirus himaiiru. Waltajjiin marii qooda fudhattootaa haala yeroo naannoo ilaacha keessa galchuun hubannoo uumuufis ta’uu ibsaniiru. Gara fuula duraattis filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa 7ffaan bilisa, haqa qabeessaafi loogii kan hin qabne akka ta’uuf qooda fudhattoonni gahee murteessaa bahachuu akka qabanis dhaamsa dabarsaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii Idilee 10ffaa Bara Hojii 5ffaa geggeesseen ministirri Muummee Abiy Ahmad (Dr) yaa’icha irratti gabaasa raawwii mootummaa federaalaa bara 2018 ji’oota jahan darbanii irratti gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’aniif deebiifi ibsa kennaniiru. Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa ilaalchisuun ibsa kennaniin mootummaan filannoo nagaa, haqa qabeessa, hunda hammataafi gama hundaan kan kanaan duraa caalaa fooyya’aa akka ta’uuf ciminaan hojjechaa jira jedhaniiru. Manni marichaa sagalee hedduu qabaachuu qaba kan jedhan Ministirri Muummee, haala sagaleen addaa mana marichaa  itti dhaga’amuu danda’uu kan uumamu ta’uu himaniiru. Paarlaamaan sagalee paartii tokkoo utuu ta’ee Itoophiyaa hin fayyadu ta’uu hubachiisuudhaan, mootummaan kana jijjiiruuf cimee akka hojjetuufi sagaleen dachaa akka dhaga’amu ni eyyama jedhaniiru. Sagaleewwan adda ta’an mootummaafis ta’e Itoophiyaafis qabeenya guddaa akka ta’anis eraniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo