AMECO’n Falmii Paartilee Qopheessuun Filannoo Waliigalaa 7ffaaf Gahee Isaa Bahachaa Jira

‎Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa diimokiraatawaafi hirmaachisaa akka ta’uuf Amaaraa Miidiyaa Korporeeshin (AMECO) gahee isaa bahachaa jira. Keessattuu falmii paartilee siyaasaa qopheessuun, paartileen imaammataafi karoora isaanii kallattiin uummataaf akka ibsan carraa uumaa jira. Yeroo filannootti miidiyaaleen ijaarsa sirna dimokraasiifi milkaa’ina filannoo keessatti shoora bakka hin buune qabu.

Sagantaa baninsaa kanarratti argamuun ergaa kan dabarsan, Walitti-qabaan Mana Maree Paartiilee Siyaasaa Naannoo Amaaraa keessa socho’anii Obbo Tasfaahuun Alamnah, miidiyaan meeshaa guddaa paartiileen yaada isaanii uummata biraan itti gahan ta’uu ibsaniiru. Paartiileen siyaasaa filannoon dorgomanii angoo qabachuuf dorgommii taasisaniifi yaada isaanii karaa qaroomeen uummata biraan gahuuf, miidiyaaleen gahee olaanaa akka qaban dubbataniiru.

‎Waltajjiin falmii AMECO irratti jalqabame, paartiileen yaada qaban uummataaf akka dhiyeessan haala mijeessuu isaatiin manni marichaa ija gaariin akka ilaalu dubbataniiru. AMECO’n paartiileen siyaasaa filannoo imaammata isaaniifi yaada filannoo walii-galaa hawaasaaf haala qixxee ta’een akka qoodan gahee isaa ba’achaa jiraachuu eeranii, kanaafis AMECO galateeffataniiru.

‎AMECO’n deeffannoo qaqqabamaa tamsaasuu, hubannoo uumuufi filannoowwan siyaasaa beeksisuun, akkasumas mariilee qopheessuun gahee guddaa qaba. Haaluma kanaan AMECO’n akka dhaabbata miidiyaa tokkootti qaama qooda fudhattootaa ta’uun filannoon dimokraatawaa, nagaa-qabeessaafi hammataa akka ta’uuf hojjechaa jira.

‎Falmii paartilee siyaasaa AMECO’n qopheesse irrattis paartileen afur hirmataaniiru. Paartiilee kunneenis; Paartii Badhaadhinaa (PP), Paartii Warraaqsa Dimokraatawaa Uummata Amaaraa,  Paartii EZEMA fi Paartiin Warraqsa Biyyoolessa Amaaraa (ABIN) hirmaachuun tarsiimoofi karoora hojii isaanii irratti AMECO fayyadauun ibsa kennaniiru. Falmiin kunis uummanni hubannoo sirrii akka qabaatuufi filannoo irratti murtii sirriidhaan uummanni paartii isaaf ta’u akka filatuuf gargaara.

‎AMECO’n paartilee morkattootaaf carraa walqixa uumuun dimokraasii jabeessuuf hojii qabatamaa hojjechaa jira. Falmiileen kunneen imaammata paartilee ifa gochuu qofa osoo hin taane, uummanni filannoo irratti murtii sirrii akka kennu hubannoo uumuufis gahee olaanaa qabu. Waltajjiileen falmii akkasii aadaa dimokraasii dagaagsuuf murteessoodha. Haaluma kanaan paartiilen siyaasaa aadaa yaada wal-dhaggeeffachuu, yaada  walii kabajuufi marii irratti hundaa’uun filannoo bara kana gaggeeffamuuf dirree diimokiraasii babal’isuu irratti argamu. Kunis filannoo bilisaafi haqa qabeessaaf bu’uura cimaa ta’a.

‎Dhaabbatichi (AMECO)n afaanota 10 oliin tamsaasa taasisaa jira. Afaanonni kanneeninis filannoo irratti hojii hubannoo uumuu bal’inaan hojjechaa jiru. Akkasumas, waltajjiiwwan marii walitti fufiinsaan qopheessuun paartileen yaada isaanii uummataaf akka ibsan taasisaa jiru. Dabalataanis Dhaabbatichi kutaa filannoo diriirsuun hojii filannoo waliin walqabatu bal’inaan hojjechaa jira. Gaazexeessitootaaf naamusa hojii, seeraafi dambiiwwan filannoo irratti hubannoo isaanii cimsuuf leenjii ijaarsa dandeettii kennaa jira.

‎Dhaabbatichi filannoo marsaa 7ffaa ilaalchisuun filannoo duraafi yeroo filannootti leenjiin walitti fufiinsa qabu ni kenna. Kana malees tamsaasa televiizhinii qofaan osoo hin taane, dameewwan raadiyoofi FM isaa hundaan hanga sadarkaa godinaatti hojiiwwan filannoo waliin walqabatan bal’inaan hojjechaa jira.

Oduu

AMECO Hirkoo