Tajaajila Geejjibaa Hirkattummaa Boba’aarraa Baasuuf Hojjetamaa Jira

Itoophiyaan bu’uuraalee misoomaa  Geejjibaafi Loojistiksii, geejjiba Magaalaafi Teeknooloojii Magariisaa irratti xiyyeeffannoo taasisuun sirni geejjibaa itti fufinsa qabu diriirsuuf hojjechaa jirti. Kana deggaruuf tajaajila konkolaataa madda annisaa haaromfamaatti fayyadaman babal’isuufi damicha jajjabeessuun gaasii faalamaa konkolaattota irraa gadhiifamu hir’isuu ni dandeessisa. Itoophiyaatti damee geejjibaa faalama  naannoo irraa bilisa ta’e uumuuf hojii  hojjetameen bu’aan abdachiisaan galmaa’uu Deetaan Ministira Geejjibaafi Loojisktiksii, Bari’oo Hasan himaniiru.

Deetaan Ministira Geejjibaafi loojiktiksii Bari’oo Hasan turtii Tajaajila Oduu Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhaniitti waggoottan muraasa darban, damichi naannoo akka hin faallee taasisuuf hojiiwwan baay’een hojjetamaniiru. Qaamolee konkolaataa elektiriikii galchaniifi suphaniif imaammanni qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu eeranii, kanaanis qaraxa irraa bilisa taasisuu dabalatee deggarsi adda addaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Konkolaattonni boba’aa fayyadaman abbaa gommaa lamaa irraa hanga Konkolaataa uummataafi fe’umsaa gurguddaatti gara biyya keessaatti akka hin seenneef dhorkamuu dubbataniiru.

Tarkaanfiin kun kutannoo Itoophiyaan eegumsa jijjiirama qilleensaa addunyaaf qabdu kan mul’isudha jedhan Deetaan ministeerichaa. Karoora misoomaa tarsiimawaa waggaa 10 keessatti sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattota kuma 500 ol madda annisaa haaromfamaa akka fayyadaman gochuuf  xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu addeesaaniiru. Yeroo ammaa lakkoofsi konkolaattota annisaa haaromfamaa fayyadaman kuma 115 ga’uu isaanii dubbataniiru. Waggoottan muraasa darban damee geejjibaa faalama naannoo irraa bilisa taasisuuf hojii hojjetameen bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’uu hubachiisaniiru.

Imaammanni  konkolaataa elektirikaa, sektarichi geejjibni faalama naannoo akka hin uumne  gochuu bira darbee, madda annisaa haaromfamaa irratti xiyyeeffannoon akka taasifamuufi hirkattummaa boba’aa hir’isuun danda’amuu ibsaniiru.  Itoophiyaa Keessatti maddawwan anniisaa haaromfamaa kanneen akka annisaa qilleensaa, annisaa bishaanii, gaasii uumamaafi kanneen biroo bal’inaan jiraachuun isaanii ce’umsa konkolaattota boba’aa irraa gara konkolaattota elektirikaatti taasifamu   amansiisaa taasisuu obbo Bari’oon caqasaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo