Mootummaan Naannoo Amaaraa Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Waliin Nageenya Waaressuuf Marii’atan

  

Bulchaa Ol’aanan Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaafi Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasiingaa Waliin Mari’atan. Bulchaa olaanaan naannoo Amaaraa, obbo Araggaa Kabbadaafi Itoophiyaatti ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasiingaa waliin dhimmoota naannichaa garaagaraa irratti mari’ataniiru.

‎Mariin isaanii kun magaala Baahir Daaritti kan gaggeeffame yoo ta’u, dhaabbilee fayyaafi hojiiwwan misoomaa naannichaa kanneen biroo dawwataniiru. Daawwannaan kun haala hojiiwwan misoomaa yeroo ammaafi bu’aa isaanii irratti hubannoo waloo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Obbo Araggaa Kabbadaafi ambaasaaddarichi marii isaanii keessatti haala nageenyaa naannoo Amaaraa, dhimmoota siyaasaa, tajaajila fayyaafi barnootaa akkasumas hojiiwwan misoomaa waliigalaa irratti bal’inaan mari’ataniiru.

Keessumaayyuu miidhaa walitti bu’iinsi naannicha keessatti geessise dandamachiisuf hojiilee hojjetamuu qaban irratti mari’ataniiru. Kana malees, tarkaanfiilee mootummaafi qaamoleen garaagaraa fudhachaa turan cimee akka itti fufuufis mari’ataniiru.

Hojiiwwan misoomaa mootummaa Ameerikaan deeggaraman, keessumaa damee fayyaa, barnootaafi gargaarsa namoomaa irratti gaggeeffamaa jiran cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Deggarsi mootummaa Ameerikaa naannichatti taasifamaa jiru fuuldurattis akka cimu ibsaniiru.

‎Obbo Araggaan akka jedhanitti, walitti dhufeenyi mootummaa Ameerikaa waliin jiru deeggarsa qofa irratti kan hundaa’e osoo hin taane,  gara invastimantiifi dinagdee jabeessutti ce’uu qaba. Kanaafis abbootiin qabeenyaa Ameerikaa gara naannoo Amaaraatti dhufanii carraawwan misoomaa jiranitti akka fayyadaman waamichi dhiheessaniiru. Naannoon Amaaraa invastimantiif mijataa ta’uu, qabeenya uumamaa, humna namaafi carraawwan misoomaa adda addaa qabaachuu ibsanii, haala mijataa uumuuf mootummaa naannichaa hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

‎Mariin kun gara fuulduratti nageenya waaraafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu, akkasumas walitti dhufeenya mootummaa Ameerikaa waliin jiru gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf bu’uura cimaa ta’uu ibsameera. Ambaasaaddarrichi Yuunivarsiitii Baahir Daaritti argamuunis Teeksitaayilii Itoophiyaafi Inistitiyuutii Teeknooloojii Faashinaa daawwataniiru. Inistitiyuutichi oomishaalee biyya keessaa haala ammayyaan hojjechaa jiraachuu eerun, hojiin gama teeknooloojii faashinaan hojjetamaa jiru dinqisiifachuu ibsaniiru

Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo