Guddinaa Asaffaatiin
Riiformiin tajaajila mootummaafi bulchiinsaa hojiirra erga oole waggoota sadii lakkoofsiseera. Itti gaafatamtuun Biiroo Sivil Sarvisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa Naannoo Amaaraa, Baanchaamlaak Gabramaariyaam naannichatti hojiiwwan qophii dursaa riiformichaa hojirra oolaa turuu dubbataniiru. Ragaa hojjettota mootummaa qulqulleessuu, mirkaneessuufi sirna dijitaalaan galmeessuun qaama riiformiidha jedhaniiru.
Kunis adeemsa ijaarsa sivil sarvisii mirkaneessuu ta’uusaati kan aadde Baanchaamlaak kan himan. Hojirra oolmaasaa jalqabuuf naannoo irraa kaasee hanga gadiitti koreen hundaa’ee sochii jalqabuu kaasaniiru. Hojjettoonni mootummaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa argachuufi odeeffannoo barbaachisaa ta’e kennuudhaan fayyadamummaa galmee kanaaf tumsuu akka qabanis yaadachiisaniiru. Hoggantoonni dhaabbileefi qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran xiyyeeffannoo kennuun itti gaafatamummaa isaanii akka ba’atanis hubachiisaniiru.
Itti gaafatamaan Qajeelcha Sivil Sarvisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa Bulchiinsa Magaalaa Baahir Daar, Xeenaawu Mihratuu, sirna galmee waraqaa irraa bilisa taasisuun ragaa sirrii teeknooloojiin qabaachuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Sababoota garagaraan ragaalee badan hambisuuf sirni amansiisaa ta’uusaa ibsaniiru. Dabalataan, itti gaafatamtuun Qajeelcha Sivil Sarvisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa Godina Gojjaam Bahaa, Yashiihaarag Taaffara, sirni galmee hojjettoota mootummaa gahee guddaa qabaachuu himaniiru. Hojirra oolmasaaf kutannoon kan hojjetamu ta’uusaa mirkaneessaniiru.


