Nageenya Waarreessun Misooma Saffisisuu Keessatti Deeggarsa Biyya Keessaafi Biyya Alaa Barbaada ‎

Naannoon Amaaraa biyyattii keessatti carraa misooma guddaa qaban keessaa isa tokkodha. Naannichi qabeenya uumamaafi nam-toolcheen kan badhadhedha. Akka qorannoon oomiisha naannoleen biyyattiif gumaachan mulisutti dhibbentaan 35 ol oomishni midhaani biyyattii naannoo kana keessa kan maddudha. Naannoon kun uummata aadaa hojii boonsaafi duudhaa waliin hojjechun waliin guddachuu qabudha.

Naannichi ijaarsa biyyaa keessattis saboota biroo waliin ta’un gahee seenaan yaadatu kan raawwatedha. Lageen gurguddoo, gaarreen guddaa biyyattii, haroon guddaa biyyattiifi kan kana fakkaatan kan argaman naannoo Amaaraa keessattidha. Qabeenya nam-tolcheen immoo, mana Kiristiyaanaa Laalibalaa dhakaarraa boocaman hanga gamoo massara mootummaa Faasiladas bakki haawwata turiizimii biyyattii kan argaman naannoo Amaaraa keessattidha. Naannichii misooma invastimanti qonnaaf lafa bal’aa kan qabudha. Carraaleen misoomaa kunneen naannicha bakka invastimanti lammilee biyyattiifi biyya alaa hedduun hirmaachaa jiranidha.

Daawwannafi marii Ambaasaadarii Ameerikaa Erviin Maasingaa tibbana bulchaa olaanaa naannichaa obbo Araggaa Kabbadaa dabalate anga’oota mootummaa naannichaa waliin taasifame dhimma nageenyaa waaressuun misooma saffisisuuf danda’amurratti kan xiyyefatedha. Ameerikaan idil-adunyaatti biyya nageenya buusuufi invastimantii gurguddoo uumuun beekamtudha.

Dawwannaan ambaasaadarri Ameerikaa Baahir Daaritti taasisan feedhii biyyattiin nannicha keessa qabdu kan mul’isudha. Rakkoolee nageenyaa naannicha keessa deemaa jiruf furmaata buusuf gaheen Ameerikaan qabdu guddaadha. Ameerikaan seenaa Itoophiyaa waggootan 50 darban keessatti rakkolee nageenya biyyyatti mudate mariin akka furamu haala mijeessuufi jaarsummaa ta’u gaheen isheen taphachaa turte guddaadha. Haariiroon dippilomaasii Itoophoyaafi Ameerikaa jaarraa walakkaa kan darbeefi bu’aa qabessa kan ta’edha. Ameerikaan dhageettiifi dhibbaa guddaa biyyoota Bahaa Afrikaa qabduf Itoophiyaa waliin hojjechuun milkinaan deemaa jirti.

Itoophiyaan Bahaa Afrikaafi gaanfa Afrikaa keessattii biyya uummataafi lafa bal’aa qabdudha. Kun Ameerikaa dabalatee biyyoota durreeyyii Liixaa addunyaa keessatti argaman ilaalchii Itoophoyaaf qaban boonsaadha. Haariiroon siyaasaa diinagdeefi hawaasummaa biyyootni lameen qaban daran cimee kan itti fufu qabudha. Haariiroon kun seenessa deggaruufi deggaramuu keessa bahuun, hojmaata keennuufi fudhachuun feedhii biyyota lameenif waliin hojjechuu gaafata.

Ambaasadarri biyyattii Baahir Daaritti taasisan fullee carraa misooma naannoo Amaaraa kan agarsiseefi haariiroo dippiloomaasi biyyotni lameen qabanif fuldurratti kan tarkaanfachiisudha.

 

Oduu

AMECO Hirkoo