Bulchiinsa Sablammii Waag-Himiraatti, buqqaatonniifi uummanni naannolee Woflaa, Koram, Zaattaafi Abargellee keessaa walitti dhufuun, gocha diinummaafi jeequmsa garee Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (ABUT) balaaleffachuuf hiriira uummataa bal’aa gaggeessaniiru. Hiriirri kun bifa nagaafi qindoominaan kan gaggeeffame yoo ta’u, hiriirtonni nageenya akka filatan, tasgabbii biyyaalessaa akka barbaadan, akkasumas kallattii mootummaafi sirna dimookraasii irratti hundaa’e deeggaru isaanii ifatti ibsaniiru. Uummanni kun sagalee isaa dhageessisuuf karaa nagaa filachuun, filannoo biyyaalessaa dhufu keessatti hirmaachuuf fedhiifi amantaa cimaa akka qaban dubbataniiru.
Hiriirtonni kunneen, qaamni nageenya isaanii jeequ kamiyyuu akka hin barbaachifne himuun, nageenya isaanii tikfachuuf mootummaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu isaanii kaasaniiru. Dhaadannoowwan hiriirichaa keessaa: “Nuti uummanni Zaattaa, Koram, Abargelleefi Woflaa nageenya keenya ni cimsina; diinummaa ni balaaleffanna! Sagaleen keenya rasaasaan hin ukkaanfamu! “Shira Wayyaaneefi ergamtootaatiin filannoon biyyaalessaa hin gufatu! Mirgi keenya akka kabajamu ni barbaanna; dimookraasiin mirga namoomaadha! Weerara lafaa naannolee keenya keessatti gaggeeffamu ni balaaleffanna!” jedhuun mirga isaanii karaa dimookraasiin ibsataniiru.
Hiriirtonni kunneen akka ibsanitti, gareen ABUT waliigaltee nagaa Piriitooriyaa cabsee gochoota tasgabbii naannoo diigan raawwachaa jira jechuun himataniiru. Waliigalteen kun nagaafi tasgabbii deebisuuf kan mallatteeffame ta’us, akka hiriirtonni jedhanitti, hojiiwwan irratti mul’atan waliigaltee sana waliin kan hin deemne ta’uu isaa kaasaniiru. Gochoonni akkanaa itti fufuu yoo ta’e, nageenya naannoofi biyya guutuu irratti dhiibbaa cimaa fiduu akka danda’u akeekkachiisaniiru. Uummanni naannolee kanaa yeroo garaagaraatti hiriira bahuun gocha diinummaafi jeequmsa garee kanaa balaaleffachaa turuun isaanii ni yaadatama. Hiriirri uummataa Waag-Himiraa keessatti gaggeeffame kun, fedhii uummanni nageenyaaf qabu, akkasumas mootummaafi sirna dimookraasii deeggaruuf qophii ta’uu isaa kan agarsiisudha. Uummanni, rakkoon kamiyyuu karaa nagaafi marii akka furamu barbaaduu isaanii ifatti mul’isaniiru. Haala walfakkaatuun kanaan duras jiraattonni naannoo Amaaraa Godina Walqaayit Xagadee Satiit Humaraa yaada “mirgi filatamuufi filachuu mirga heera mootummaa keenyaati” jedhuun hiriirri nagaa gaggeessaa turuun isaanii ni yaadatama.
Moosisaa Fufaatiin


