Hojaata Galii Diijitaalessuu

 

‎Galiin mootummaa utubaa misoomaati. Magaalaan tokko tajaajila bishaanii, ibsaa, daandiifi ijaarsa bu’uuraa kanneen biroo uummataaf dhiyeessuuf maddi ishee inni guddaan gibira irratti hirkata. Haqa qabeessummaan, iftoomniifi amanamummaan yoo jiraatan, amantaan hawaasni mootummaarra qabu ni cima. Bulchiinsi Magaalaa Kamisees kana dhugoomsuuf adeemsa galii isaa gara mala diijitaalaatti jijjiiruudhaan hojii boonsaa hojjechaa jira.

‎Magaalaan Kamisee yeroo ammaa sochii diinagdee ho’aa keessatti kan argamtu yoo ta’u, galiin sassaabamu akkuma duraan hojii harkaatiin osoo hin taane, teeknoolojii ammayyaatiin deeggaramaa jira. Kunis daldaltoonni osoo hin dhama’in tajaajila saffisaafi amansiisaa akka argatan taasiseera.

‎Obbo Huseen Ahmad, kan jiraatan Magaalaa Kamiseetti yoo ta’u hojii daldalaani carraaqanii kan bulan. “Kanaan dura kaffaltii gibiraa raawwachuuf daldala keenya cufnee waajjira galii deemuun tartiiba dheeraa eeggachuun sa’aatii baay’ee nu jalaa gubaa tureera,” jedhaniiru. Nagaheen harkaatti barreeffamu dogoggora qabaachuu eerun, malaammaltummaaf karaa banaa turuu isaatin qormaataaf saaxilamaa turuu isaanii kaasaniiru. Erga sirni kaffaltii diijitaalaa dhufee booda garuu utuu hojii isaanii hin dhaabin bakka jiranitti daqiiqaa muraasa keessatti kaffaltii isaanii raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis saffisaafi mijaa’ummaa uumuun bira darbee, kaffaltiin raawwatamu kallattiidhaan galii mootummaa ta’uu isaa bilbila isaanii irratti waan mirkaneeffataniif iftooma uumuu akka danda’u ibsaniiru. Nagaheen diijitaalaa kunis dogoggora kanaan duraa hambisuun boqonnaa haaraa nuuf fideera jedhaniiru.

‎Daldalaan Magaalaa Kamisee kan biraa, Adam Alii, sirna kaffaltii diijitaalaatti gammaduu isaanii ibsaniiru. Daldalaan kun akka jedhanitti, kanaan dura  maallaqni yeroo harkatti qabatanii deemaniitti isaan jalaa hatamaa tureera. Kunis karaa diijitaalaa ta’uun isaa rakkoowwan kana irraa walaba nu baasuu danda’a jedhaniiru. Kaffaltiin diijitaalaa maallaqa keenya kallattiin baankii irraa gara galii mootummaaatti waan dabarsuuf, daldalaan tokko ragaa amansiisaa baankii biratti akka qabaatu taasisuu eeraniiru. Kun immoo gara fuulduraatti liqii baankii argachuuf isaan akka gargaaru eraniiru.

Daldalaan kun ‘’mootummaan kaffaltii kana qofa osoo hin taane, neetworkiifi tajaajila interneetii amansiisaafi itti fufiinsa qabu akka nuuf uumu ni barbaadna’’ jedhaniiru.

‎Itti gaafatamaan Waajjira Galii Bulchiinsa Magaalaa Kamisee, Kadir Juhaar, akka jedhanitti, guddina itti fufiinsa qabu fiduuf madda galii ammayyeessuufi iftooma uumuun barbaachisaadha. “Nutis akka Waajjira Galii Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti, sassaabbii gibiraa harka irraa gara diijitaalatti ceesisuun milkaa’ina boonsaa galmeessisaa jirra. Sassaabbii gibiraa keenya ammayyeessuuf yeroo ammaa teeknoolojiiwwan kaffaltii diijitaalaa kanneen akka CBE Birr, Telebirr, Awash Birr fi HelloCash daldaltoonni keenya akka fayyadaman gochuun, kaffaltiin gibiraa kallattiidhaan gara kuusaa mootummaaatti akka galu taasisaa jirra” jedhaniiru.

‎Yeroo ammaa daldaltoonni magaalichaa dhibbantaa 71.7 ta’an kaffaltii isaanii osoo waajjira hin dhufin, bakka jiranitti bilbila isaanii fayyadamuun kaffaltii raawwachaa akka jiran himaniiru. Kunis yeroofi humna daldaltootaa qusachuu bira darbee, malaammaltummaafi loogii harkaan hojjechuun dhufu balleessuun iftooma akka mirkaneessu kaasaniiru.

“Karoorri keenya waggaa itti aanutti kaffaltoonni hundi dhibbantaa 100 karaa kanaan akka kaffalan gochuudha” jedhaniiru. Kanaafis daldaltoota hundaaf leenjii teeknoolojii kaffaltii irratti kennamaa jiraachuun kaasun, sirna ‘E-Tax’ caalaatti babal’isuun kaffaltiin hundi diijitaala akka ta’uuf hojjechaa jirra jedhaniiru. “Gibira kaffaluun lammummaadha, karaa diijitaalaa kaffaluun immoo ammayyummaadha’’ kan jedhan itti gaafatamaan kun, ‘’galii nuti karaa iftooma qabuun sassaabnuun daandii, bishaan, ibsaafi mana barumsaa ijaarra’’ jedhaniiru. Obbo Kadir, daldaltoonni magaalichaa hundi teeknoolojii kanneenitti fayyadamuu akka cimsan hubachiisaniiru.

‎Moosisaa Fufaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo