Filannoon sirna dimokiraasii keessatti mootummaa sagalee uummataan hundeessuu keessatti gahee guddaa qaba. Keessattuu biyya keenya keessatti baayyinni uummataa harki caalaan qonnaan bultoota waan ta’aniif, sagaleen isaanii filannoo keessatti murteessaadha. Qonnaan bultoonni mootummaa ijaaruuf, mootummaa jijjiiruuf akkasumas mootummaa itti gaafatamaa ta’e filachuuf sagalee guddaa qabu.
Qonnaan bulaa Indiris Hasan jiraataa aanaa Dawaa Caffaa ganda Garbiiti. Yeroo ammaa kaardii filannoo fudhatanii mootummaa isaan bulchu sagalee isaanitiin filachuuf qophaa’aa akka jiran ibsaniiru. Akka naannoo isaanittis yeroodhaa gara yerootti hojiin hubannoo uumuu taasifamaafi akka jiru eeraniiru. “Kanaan dura marsaa 2’f filannoo irratti hirmaadheera; kan bara kanaa sochii taasifamaa jiru irraa kaanee yoo ilaalle kan baroota darbeerra fooyya’insa qaba” jedhaniiru. Obbo Indiriis akka ibsaniitti, ulaagan filannoo isaanii mootummaa rakkoo qonnaan bultootaa furuu danda’u, keessumaayyuu, rakkowwan lafa qonnaa, hanqina bishaanii, rakkoo karaa geejjibaa, rakkoowwan barnootaafi fayyaa irratti mootummaa furmaata kennu danda’u filachuuf qophaa’eera jedhaniiru.
Qonnaan bulaa Usmaan Huseen jiraataa aanaa Dawwee Harawaa ganda Dirreeti. “Sagaleen koo sirna filannoo mootummaa keessatti gahee akka qabu nan amana” jedhaniiru. Akka naannoo isaanitti isaan dabalatee qonnaan bultoonni hedduun kaardii filannoo fudhatanii sagalee isaanii karaa seera qabeessa ta’een kennuuf qophaa’anii akka jiran himaniiru. “Nuti qonnaan bultoonni mootummaa biyya bulchu filachuuf sagalee keenya kennuun mirga keenyaan hirmaachuufi dirqama lammummaa keenyaa bahachaa jirra” jedhaniiru. Akka naannoo isaaniitti sochii duula nu filadhaa gaggeeffamaa akka jiru eerun, mootummaa rakkoo isaanii furuu danda’a jedhanii yaadan filachuuf qophii ta’uu isaanii dubbataniiru. Keessumaayyuu hawaasni naannichaa filannoo karaa nagaa akka xumuramuuf nageenya naannoo isaa gurmiin eeggachaa jiraachuu kaasaniiru.
Obbo Tarreessaa Baalchaa, bulchiinsa magaalaa Shaggaritti ogeessa siyaasaafi hariiroo idil addunyaati. Mootummaa dimokiraatawaa filachuuf sagaleen qonnaan bultootaa bu’uura mootummaa dimokiraasii ta’uu isaa ibsaniiru. Keessumaa biyya keenya keessatti qonnaan bultoonni baay’ina uummataan harka guddaa waan ta’aniif, filannoo keessatti gaheen isaanii olaanaadha jedhaniiru. Uummanni yeroo ammaa miidiyaatti fayyadamuun odeeffannoo waqtaawaa dhimma filannoo irratti argachaa jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bultoonni miidiyaatti fayyadamuun isaanii kan duraanirra filannoo irratti hubannoon isaanii yeroo irraa gara yerootti akka guddatu taasisuu eeraniiru. Wal falmiin paartiilee siyaasaa miidiyaa irratti gaggeessaa turuun isaanii qonnaan bultoonni imaammata qonnaa irratti paartii cimina qabu ilaalanii filachuuf akka isaan gargaaru kaasaniiru. Kanamalees miidiyaan mirga filachuufi filatamuu irratti hubannoo bal’aa uumaa turuu eerun, qonnaan bultoonni mootummaa filatan irraa maal akka eegan, mootummaa uummataaf hojjetu adda baafatanii filachuu akka qaban gorsaniiru. Akka ogeessi kun jedhanitti, uummanni kaadhimamtoota paartii nageenya eegsisu, misooma uummataa fidu, mootummaa seera kabaju, rakkoo uummataa dhaggeeffatuufi mootummaa uummataaf hojjetu ta’uu ilaalanii fialachuu qabu jedhaniiru. Qonnaan bultoonni mootummaa irraa faayidaa hedduu argachuu akka danda’an kaasanii, Paartiin bu’uuralee misoomaa akka daandii, bishaan, barnoota, fayyaafi tajaajila mootummaa biraa fooyyessu sirnaan itti yaadanii filachuun boru biyya kanaaf riqicha ta’ee kan ceesisudha jedhaniiru. Mootummaa nageenya uummataa eeguufi mootummaa jireenya qonnaan bulaa fooyyessu ijaaruuf sagaleen qonnaan bultootaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
“Filannoon karaa nagaan akka xumuramuuf qonnaan bultoonni gahee olaanaa qabu” kan jedhan ogeessi kun, haaluma duudhaa kanaan dura baratameen hawaasni nageenya isaa eeggachuun sagalee isaa karaa haqa qabeessa ta’e kennachuu qabas jedhaniiru. Kana malees, wal kabajuun, dambiiwwan mootummaa eegun, jeequmsa irraa fagaachuun filannoo nagaa gaggeessuu akka barbaachisu dhaamaniru. Qonnaan bultoonni filannoo keessatti hirmaachuun isaanii mootummaa dimokiraasii cimsu qofa osoo hin taane, mootummaa nageenyaafi misooma waaraa qabu ijaaruuf bu’uura ta’a jechuun ogeessi kun gorsaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


