Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingi, waliin galma guddaa ummataa Beejiingitti argamutti marii taasisaniiru. Shiin Jiinpiing waggoota darban keessatti Puutiin waliin yeroo baay’eefi walitti dhiheenyaan kan wal argan yoo ta’u, waliin ta’uun moodeela haaraa hariiroo biyyoota gurguddoo walkabajuu, haqummaafi tumsa mo’ataa of keessaa qabu uumuun addunyaaf tasgabbii baay’ee barbaachisu kan fidu ta’uu dubbataniiru. Chaayinaa fakkeenya dippiloomaasii bara kanaa ta’uu Pireezidaanti Viilaadmiir Puutiin ibsaniiru.
Hariiroon biyyoota lameenii qajeeltoo fayyadamummaa waloofi wal amantaa irratti hundaa’e ta’uu kaasanii, kaayyoon isaas nageenyaafi guddina uummata biyyoota lameenii mirkaneessuu akka ta’e eeraniiru. Puutiin akka jedhanitti, Raashiyaan Chaayinaa waliin hariiroo cimaa qabaachuu, qindoomina tarsiimoo cimsuu, mirkanaa’ummaafi tasgabbii hariiroo Raashiyaafi Chaayinaatiin nagaafi badhaadhina addunyaaf gumaacha haaraa taasisuu hawwii guddaan eeggachaa jirti.
Gama lachuun tumsa tarsiimoo bal’aa Chaayinaafi Raashiyaa guddisuu irratti waliigaltee barbaachisaa haaraa irra ga’uu isaanii kan eere yoo ta’u, Shii Jiinpiingi gama lachuu irraa tattaaffii hin dhaabbanne taasifamuun hariiroon Chaayinaafi Raashiyaa sochii misooma qulqullina olaanaa qabu irratti akka ijaaramuufi olka’iinsa haaraa akka guddisu amantaa qaban ibsaniiru. Puutiin daawwannaan kun qabatamaa, gahumsaafi bu’aa qabeessa ta’uu isaa jajataniiru. Shii Jiinpiingi guddina hariiroo Raashiyaafi Chaayinaa gamaaggamuun, dhimmoota adda addaa irratti yaada gadi fageenyaan wal jijjiiruun, tumsa gara fuula duraatiif kallattii kaa’uu kaasaniiru.
Hoggantoonni lameen mariin booda dameewwan garaagaraan waliin hojjechuuf waliigalteewwan mallatteessuu gabaafameera. Hariiroon biyyoonni lameen dameewwan diinagdee, siyaasaa, loltummaafi uummataan qaban yeroodhaa gara yerootti jabaachaa dhufeera. Tumsa diinagdeen Chaayinaan boba’aa Raashiyaa bituun biyya jalqabarra jirtu yoo taatu, waljijjiirraan daldalaa biyyoota lameeniis waggaatti Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 35 hanga Doolaara biiliyoona 200 fi biiliyoona 40 akka ta’e ragaan BBC irraa argame ni mul’isa.
Guddinaa Asaffaatiin


