Arsenaal yeroo jalqabaaf dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti kan hirmaate bara 1971 ture. Kan baranaa waliin yeroo 23 hirmaateera. Arsenaal A.L..A. bara 2003/4 ture yeroo dhumaaf waancaa Pirimer Liigii Ingilaandi kan injifate. Waggoota kurnan lamaan darbaniif, Shaampiyoonummaa argachuuf dhamaatiifi dorgommii hedduu taasisus osoo hin milkaa’iin tureera. Bara kana seenaan kilabichaa waan jijjiirame fakkaata. Tapha piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 37 taphatameen Maanchiistar Siitiin Boornimaawuuz waliin qixa bahuu hordofee Arsenaal Shaampiyoonaa bara kanaa ta’uu mirkaneeffateera.
Kana hordofee Arsenaal taphni tokko osoo isa hafuu waggoota 22 booda shaampiyoonaa Piriimeer Liigii Ingilaandi bara 2025/26 ta’eera. Arsenaal erga bara dorgommii seenaa qabeessa 2003/04 as waancaa liigichaa argachuuf waggoota 22 guutuu eeguuf dirqameera. Maanchiister Siitiin qabxii Boornimaawuuz waliin qabxii qooddachuu isaan, Arsenaal tapha torbee 38ffaa osoo hin eegiin dursee shaampiyonaa ta’uu danda’eera. Deggartoonni Arsenaal barootaaf obsaafi cichoominaan eegaa turan har’a bu’aa obsaafi cichoomina isaanii argataniiru. Qe’ee Arsenaal keessatti dhamaatii waggoota hedduuf maseenee tures xumura argateera. Taphataan garichaa Bukaayoo Saakaa ”muka qoosaa taanee ture; Arrabsoofi miidhama sana hunda booda shaampiyoonaa taaane; Kana booda ifaa deemne” jedheera.
Leenjisaan duraanii Arsenaal, Arseen Weenger ammoo ”Baga gammaddan. Kana booda fuulduratti imaluudha” jechuun dubbateera. Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo barana waancaa Piriimer Liigii masaraatti simatanii ture. Arsenaal waancaa akka mo’atus dursanii hawwii isaanii ibsaa turaniiru. Pirezidaantichi injifachuu garichaa sababeeffachuun ”amma kunoo dhugoomeefi” jechuun Ruutoon imala dadhabsiisaafi qormaataan guutame Arsenaal keessa darbe hordofuun akkam gaarii akka tahe himaniiru. ”Yeroo kufaatiifi qormaataa irraa gara waqtii bayyaannachuutti, achiin ammoo gara ulfina isaaf maluu shaampiyoonumaatti darbuu Arsenaal yeroo dheerafan hordofe” jedhaniiru.
Pirezidaantichi yeroo kana humna guddaa abdii qabu, cichoomina, xiyyeeffannoofi dhamaatii guddaan maal akka fidu irraa argineerra jedhaniiru. Gareen jabaan ijaarame kun torbeedhaa torbeeti qormaata guddaa isaan mudatu akkamiin akka darban ilaalaa! jechuun Ruutoon dinqisiifannaa Arsenaaliif qaban himaniiru. ”Badhaasni kanaa injifannoo amma argame ta’uus kaasaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin


