Gareen Hordoffii Boordichaan Bobbaafame Gabaasa Dhiheesse

Gareen hordoffii boordii filannoo biyyaalessaa Itoophiyaan boobbaafame Filannoo Haala Nageenyaa Naannolee Filannoo Waliigalaa 7ffaan itti gaggeeffamu ilaalchisee gabaasa bal’aa dhiheesseera.

‎Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Amajjii 25 bara2018 haala nageenyaa naannolee filannoon waliigalaa 7ffaan itti gaggeeffamu irratti miseensonni boordii shanan, bulchitoonni naannoleefi kantiibaa magaalotaa, hoggantoonni dhaabbilee nageenya federaalaafi naannoo, dhaabbilee siyaasaafi bakka bu’oonni dhaabbilee hawaasa siivikii hirmaachisuun yeroo adda addaatti qooda fudhattoota waliin marii garagaraaa geggeessaa tureera.

Amajjii 25 bara 2018 boordii kun, odeeffannoo mootummoota naannoleefi bulchiinsa magaalotaa akkasumas dhaabbilee nageenyaa irraa walitti qabame irratti hundaa’uun haala nageenyaa magariisa, keelloofi diimaan ramadame agarsiisu irratti hundaa’uun, qooda fudhattoota waliin mari’achuu bira darbee Bitootessa 28 bara 2018 gareen hordoffii paartilee siyaasaa, jaarmiyaalee hawaasa siivikiifi boordiin of keessaa qabu ijaaramee haala nageenyaa qabatamaafi haala siyaasaa naannolee sana hordofee gabaasicha irratti, gabaasa nageenyaa qaamoleen mootummaa dhiheessan waliin garaagarummaa adda baasuun akka ture ni beekama. Gareen hordoffii kun hordoffii isaa erga gaggeessee booda Caamsaa 6 bara 2018 gabaasa isaa boordiifi qooda fudhattootaaf ifatti dhiheesseera.

‎Waltajjicharratti walitti qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Hayiluu filannoon dura hojiilee hedduun hojjetamaa turuu yaadachiisanii, dhaabbilee hawaasa siiviilii  hojii taajjabbii filannoo irratti bobba’aniif beekamtii kennuun hojii tokko akka ta’e kaasaniiru.

Hirmaannaan taajjabdootaa iftoomina, hirmaachisummaafi itti gaafatamummaa filannichaaf murteessaa akka ta’e eeruun, adeemsa galmee filattootaa hordofee dhaabbiilee hawaasa siiviilii  filannicha taajjabuuf gabaasa dhiyeessan galateeffataniiru. Dhaabbileen hawaasa siiviilii filannicha taajjabuuf gabaasa dhiyeesssuun isaanii sirni filannichaa ammayyaa’uufi dimookiraatawaa akka ta’uuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Tumsi kun hiikkaa kan qabaatu seera hordofuun wayita hojjetamu ta’uu ibsuun, waltajjiin kunis hammattoo seera filannoo, qajeelfama taajjabdootaafi adeemsa filannoo waliigalaa irratti hubannoo uumuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Waltajjiin kun dhaabbilee kanaan dura taajjabbii filannoo irratti hirmaatanii beekaniifi xiyyeeffannoo olaanaan akka taajjabaniif, warreen haaraa galmaa’aniif ammoo hubannoo uumuuf yaadamee qophaa’uu ibsuu isaanii ragaan Boordicharraa argame ni mul’isa.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo